settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus mucaa namaati jechuun maal jechuu dha?

Deebii


Kakuu haaraatti yeroo 88 mucaa namaa jedhamee Yesus waamameera. Inni jalqabaa mucaa namaa kan jedhu hiikni Daani'eel 7:13-14 irra kan jiru argisiisa: "Kunoo ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqatiin dhufuu isaa halkan mul'ataan nan arge; yommuus inni gara isa bara baay'ee dheeraa jiraatee sanaa dhaqee isa duratti in dhi'eefame. Warri saba garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, gooftummaan, ulfinni, mootummaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbinee dha, inni gooftummaa bara baraa ti, mootummaan isaas isa balleeffamu miti." Mucaa namaa kan jedhu Masihii kan ibsuu dha. Yesus ulfinni bittaan mootummaan kan kennameef isa qofaaf. Yesus jecha kana yeroo fayyadamuu mucaa namaa ta'uu isaa ofi isaa raajii dubbate argisiisuuf. Yeroo sanatti warri Yihudootaa turan sagalee isaa irraa dhi'ootti ni hubatu akkasumas eenyuun akka inni argisiisu. Yesus ofii isaa Masihii akka ta'e dubbachaa jira.

Lammaffaan mucaa namaa kan jedhu hiiki isaa, Yesus sirritti nama ta'uu isaa ti. Waaqayyoo raajicha Hisqeeliin mucaa jechaa yeroo 93 waameera. Waaqayyo salphatti nama jedhee yeroo waamuu dha. Mucaan namaa nama. Yesuus Waaqa guutuu dha (Yoh. 1:1) garuu immoo nama dha (Yoha. 1:14). Kan jalqabaa Yoha. 4:2 yeroo dubbatu: "Hafuura Waaqayyoo kanaan beektu, Yesus Kristoos fooniin akka dhufe hafuurri amanu hundinuu Waaqayyo irraati" eeyyeen Yesus mucaa namaa ti, eenyummaa isaa uumama namaa ti. Walumaa galatti mucaa namaa kan jedhu jechi Yesus Masihii akka ta'e argisiisa akkasuma sirriitti nama dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus mucaa namaati jechuun maal jechuu dha?
© Copyright Got Questions Ministries