settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus ilma Waaqayyooti jechuun maal jechuudha?

Deebii


Yesuus ilma Waaqayyoo ta'uun isaa akkaataa abbaa fi ilmaa isa kan namaatiin miti. Waaqayyo fuudhee ilma hin godhanne. Waaqayyo Maariyaamii wajjin wal hin aggarre, ilma godhachuuf. Akkaataa Waaqayyo nama ta'ee mul'achuutiini Yesus ilma Waaqayyootia (Yohaannis 1:1, 14). Yesus karaa Hafuura Qulqulluutiin gadameessa Waaqayyoo keessatti ulfeeffamuu isaatiin ilma Waaqayyooti. Luuqaas 1:35 akkas jedha, 'Gabri'eel deebiseefii, 'Hafuurri Qulqulluun sirra ni bu'a, humni Aabbaas si golboba kanaaf mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaaf ilma Waaqayyoo jedhamee ni waamama.'

Geeggeessitoota Yihudootaa duratti yeroo qorame, angafni luba kan Yesuiin gaafate akkas jechuudhaan, 'hadaraa Waaqayyo isa jiraataa ati Masihiicha ilma Waaqayyoo yoo taate nutty himi jedheen' (Maatewoos 26:63). 'Atumtuu jette kaa, ' Yesus deebisee ilmi namaa ammaa jalqabee mirga isa aangoo qabeessaa taa'ee duumessoota waaqaa irraa utuu dhufuu arguuf akka jirtan ani isinittan hima jedheen (Maatewoos 26:64).'' Angafni lubootaa ariidhaan akka inni Waaqayyoon arbsetti deebisaniif (Maatewoos 26:65-66). Booda, fuula Philaaxoos Pheenxenichaatti, 'warri Yihudotaa deebisanii 'nuyi seera tokko qabna inni immoo ilma Waaqayyoo of godheera kanaaf akka seera keenyaa sanatti du'uutu isa irra jira'' jedhan (Yohaannis 19:7). Inni akka ilma Waaqayyootti waa'ee ofii isaa dubbachuun maaliif akka arbsootti fudhatamee du'as itti farachiisee? Geggeessitoonni Yihudotaa jecha inni 'Ilma Waaqayyo' jedhe sirritti h ubataniiru. Ilma Waaqayyoo ta'uun akkuma Waaqayyoo amala tokkicha qabaachuudha. Ilmi Waaqayyo kan Waaqayyooti. Ilma Waaqayyoo ofiin jechuun akkuma Waaqayyo amala gosa tokkicha qabaachuun geggeessitoota Yihudaa duratti akka arbasootti fudhatama, Seera Leewotaa 24:15 irra dhaabbachuudhaan duunii Yesusiif akka ta'e murteessan. Ibrootin 1:3 waraabbii kana karaa baay'ee ifa ta'een ibsa, 'Ifni ulfina Waaqayyoo isa irraa ni calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan ni mul'ata.'

Fakkeenyi garri biraan Yohaannis 17:12 keessatti argamuu danda'a bakka Yihudaan 'ilama badiisaa' jechuudhaan agarsiifame. Yohaannis 6:71 Yihudaan ilma Simoon akka ta'e nutti hima. Yohaannis 17:12 Yihudaan ilma badiisaati jechuun isaa maal jechuudhaa? Jechi badiisa jedhu balleeffamuu diigamuu dhabamuu jechuudha. Yihudaan jechumaa jechatti kan ta'e ilma badiisaa miti garuu waantonni sun eenyummaa Yihudaa agarsiisu turan. Yihudaan badiisaaf akka bakka mul'annaa ta'e. karaa tokkicha kanaan, Yesus ilma Waaqayyooti. Ilmi Waaqayyoo Waaqayyoodha. Yesus Waaqayyo ofii isaa muli'iseedha (Yohaannis 1:1, 14).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus ilma Waaqayyooti jechuun maal jechuudha?
© Copyright Got Questions Ministries