settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus hoolaa Waaqayyooti jechuun maal jechuu dha?

Deebii


Yesus hoolaa Waaqayyoo jedhame Yoha. 1:29 fi Yoha. 1:36 yeroo waamamuu aarsaa cubbuu sirrii isa xumuraa ta'uu isaa argisiisuuf. Kristoos eenyuun akka turee fi maal akka hojjete hubachuf kakuu moofaa irraa waa'ee irra daddarbaa keenyaaf akka aarsaa ta'uu ergawwan raajii kutaawwan qaban ilaaluudhaaf jalqabuutu nurra jira (Isa. 53:10). Dhugumatti aarsaan hunduu dhufaatti Yesusiis sadarkaa qopheessuuf kakuu moofaatti kan jalqabaman Waaqayyoodhaan, innis aarsaan sirriin Waaqayyo cubbuu saba isaaf qalbi jijjirannaa qopheesse. (Rom.3, Ibr. 10).

Hoolaan aarsaa jireenya amantaa warra Yihudii seerata aarsaa keessatti bakka guddaa qaba. Yohaannis Yesusiin akka "cubbuu ijoollee namaa kan dhabamsiisu hoolaa Waaqayyoo" Yihudoonni dhaga'aan akkuma sanaan kan isaan yaadan barbaachiisaa kan turan aarsaa sanaa dha. Ayyaani darbuu dhi'aachaa yeroo dhufutti sabni guyyoota ayyaanaa gurguddoo gidduu dhaa tokko yeroo ta'u Waaqayyo Israa'eel akkamitti garbummaa Gibxii akka ba'an kan isaan yaadanii dha. Dhugummatti ayyaanni darbuu hoolaan qalamuu dhiigni manicha irratti dibuu kan Yesus Kristoos aarsaan fannoo irratti ibsa gaarii dha (Bau. 12:11-13). Inni warra du'ee fi dhiiga isaan warri uwwifaman du'a irraa (hafuuraan) ergamaan isaan fayyise.

Aarsaan guddaan kan biraan hoolicha ilaalchisee guyyaa guyyaatti mana qulqullummaa Yerusaleemitti kan dhi'aatu ture. Ganama ganamaa fi galgala mana qulqullummaa keessatti hoolaan cubbuu sabaf aarsa ta'a ture (Bau. 29:38-42). Isaan aarsaan guyyaa guyyaa kun akka kan biroo hundumaa gara isa dhugaa fannoo Yesus aarsaa fannoo saba isaa argisiisaa ture. Dhugumatti yeroo itti Yesus fannoo irrati du'eetti mana qulqullummatti aarsaan galgalaa kan dhi'aatuu wajjin wal fakkaataa dha. Warri Yihudii yeroo sanatti raajoota Ermiyaa si Isaayaasiin kan dubbatame beekanii ta'uu danda'a, inni "Ani akka hoolaa qalamuuf oofamuutti" akkas akka ta'u (Erm. 11:19, Isa. 53:7) fi rakkina akka fudhatuu fi aarsaa akka ta'u Israa'eliif oolfamuu akka godhuuf. Sirritti namni sun Yesus Kristoosi alatti eenyu iyyuu ta'ee hin danda'an "Hoola Waaqayyoo" seerratni aarsaa har'a nuuf keessummaa yoo fakkaatees garuu kafaltii fi yaadni beenyaa garuu salphaatti hubachuu kan dandeenyuu dha. Ni beekna gatiin cubbuu du'a (Rom. 6:23) cubbuu keenya Waaqayyoo irraa adda nu baaseera. Kitaabni qulqulluun hunda keenya cubbamoota akka taane akka barsiisu ni beekna. Eenyuu keenya iyyuu yoo taane fuula Waaqayyoo duratti qulqulluu miti (Rom. 3:23). Sababa cubbuu keenyaaf Waaqayyo irraa adda baane fi fuula isaa durattis cubbamoota taane. Abdi qabnu inni ofii isaa wajjin kara inni walitti araarsu nuuf qopheessuu dha innis mucaa isaa Yesus Kristoos nuuf fannoo irratti akka du'u kan inni godheef kanaaf. Yesus Kristoos qooda cubbuu ta'uudhaaf du'e gatii cubbuu kaffaluuf isatti kan amanan hunduu.

Karaa isaan karaa du'a fannootiin cubbuudhaaf Waaqayyo aarsaa guutuu fi guyyaa sadii booda du'aa ka'uun isaa nuyi amma jireenya bara baraa isatti yoo amanne akka arganu nu godheera. Dhugaan isaa Waaqayyo ofii isaa cubbuu keenyaaf aarsaa nuuf qopheesse cubbuu keenyaaf aarsaan godhame oduu ulfinaa wangeelaa gaarii 1Phex. 1:18-21 ifatti kan kaa'amee dha: "Abboota isaanii irraa kan dhaalan jireenya isaanii akkasumaanii waan darbuun biriin yookaan warqeen osoo hin taane, akka hoolaa mudaa fi hir'ina hin qabnee ti akka dhiiga hoolaa dhiiga qulqulluu ulfaataa Kristoos akka bitamtan ni beektu. Osoo biyyi lafaa hin uumamin illee dursee beeke, ta'us garuu amantii fi abdii isaanii Waaqayyo irra akka ta'uuf, du'aa kan isa kaasee fi ulfina kan kenneef Waaqayyo isatti waa'ee warra amantan waa'ee keessaniif bara dhumaatti mul'ate."

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus hoolaa Waaqayyooti jechuun maal jechuu dha?
© Copyright Got Questions Ministries