settings icon
share icon
Gaaffii

Hiddi dhaloota Yesusi Maatihos irraa fi Luqaas irraa maaliif adda adda ta'a?

Deebii


Hiddi dhaloota Yesus sagalee isaa irratti bakka lamatti eerameera: Matt. 1 fi Luq. 3:23-38. Maatihos hidda sanyii isaa Yesus irraa kaasee hanga Abirahiimiti kaa'a. Luqaas hidda dhaloota Yesus Yesuus irraa kaasee hanga Addaamitti eera. Haa ta'u malee Maatihoosi fi Luqaas hidda sanyi adda addaa aakka eeraman amanuuf dhuguma ragaan gaariin jira. Fakkeenyaaf Maatihos abbaa Yooseef akka ta'e ni eera (Mat. 1:16), ta'us abbaan Yooseef eele akka ta'e eera, (Luqa. 3:23). Maatihos sarara yeroo kaa'uu mucaa Daawiit karaa Solomooniin (Matt. 1:6) Luqaas sarara isaa mucaa Daawiiti Naataniin eera (Luq. 3:31). Dhugaa dha Daawitii fi sanyi hidda dhaloota Yesus gidduu hiddi sanyii maqaan walinii eeraman yoo jiraatan Salatzerubaabeel dha (Matt. 1:12, Luqa. 3:27).

Warri tokko tokkoo garaagarummaa kana dogogora kitaaba qulqulluu irra jiran godhee ibsa. Ta'us garuu warri Yihudootaa odeefannoo eeguuf of eegatoo dha keessa iyyuu hidda dhalootaan. Maatihisii fi Luqaas hidda sanyii tokko irratti guutuu guutuutti kan walitti bu'an hidda sanyii ijaaru jedhamee kan amanamu miti. Irra deebiin Daawiit irraa kaasee hanga Yesuusitti hiddi tarreefame raawwate kan adda ta'ee dha. Kan saalatiyaalii fi Zerubaabel kan eerameef akkasumatti namootni dhuunfaa adda addaa maqaa wal fakkaataa kan argisiisu ta'a. Maatihoos abbaa Saalatiyaa Ikoniyaa jedhee yeroo eeru Luqaas abbaa Salatiyaalin Yenerii dha jedha. Kan baratame t'u danda'a namni Saataliyaa jedhamee waamamu mucaa isaa maqaa nama beekamaan Zerubaabel jedhee waamuun isaa (kana kitaaba Iziraa fi Nahimiyaa ilaalaa).

Tokko Iyubiyaas kan jedhamee seenaa beekaa waldaa kristaanaa ibsi inni kennu maalii dha Maatihos kan inni eere kan durse sayiinsaawaa Bayoolojiin sanyi hidda dhalootaa yeroo ta'u Luqaas mirkaneeffanaaf kan inni fudhate ragaan kakuu moofaa obbolessii isaa yeroo du'u sanyii obboleessa isaa hambisuuf haadha manaa obbolleessa isaa kan fuudhu. Akka ilaalcha Iyusibiyaasitti Milki (Luq. 3:24) fi Maataan (Mat. 1:15) yeroo adda addaati dubbarti tokkoo fuudhe ture (sukuummii maqaa aadaatiin). Eeliin kun (Luq. 3:23) fi Yaaqoob (Mat. 1:15) walakkaan obboleessa godhata. Eeliin mucaa osoo hin godhatin du'e wallakaan obbolleessa isaa kan ta'e Yaaqoob haadha manaa obboollesa isaati fuudhee Yooseef akka dhalatu godhe. Kun immoo Yooseefin (mucaa Eeli" seeraan akkasumas seera uumamaan "Mucaa Yaaqoob" godha. Egaa Maatihosii fi Luqaas kan isaan eeran hidda sanyi dhalootaa ti (Yooseef) garuu hidda sanyii dhalootaa seera qabeessa Luqaas duukaa bu'e kan uumamaa Baayolojii dha.

Beektoonni kitaaba qulqulluu warri cimsan ilaalchawwan adda addaa bifa sirriin yeroo eeran Luqaas hidda dhaloota sanyii Maarihaam kan eerame Maatihoos kan Yooseef jedhu. Maatihos duukaa kan inni bu'e hidda sanyii dhaloota Yooseef dha (abbaa seera qabeessa Yesus Kristoos) karaa ilma Daawiit karaa solomooniin, garuu Luqaas duukaa kan inni bu'e hidda sanyi dhaloota Maarihaam (hidda dhiiga sanyii Yesus) ilma Daawiit Naata. Girikiidhaan amaatii abbaa manaa mucaayyoo "son-in law," kan jedhu jechi Girikii waan hin jireef Yooseef "mucaa Eeli" jedhamee waamama ture, Maarihaamiif gaa'ilaan, mucaan Eeli. Hiddi sanyii dhaloota Maarihamiinis ta'eYooseefiin sanyii Daawiit, Masihii jedhamees waamamuutu ta'aaf. Hidda sanyii dhalootaa karaa haadhaatiin eeruun kan baratame miti. Garuu durbi yeroo deessu garuu ta'e ture. Ibsi Luqaas Yesus mucaa Yooseef akka turee dha. "Yaadni isaas kana ture" (Luq. 3:23)

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hiddi dhaloota Yesusi Maatihos irraa fi Luqaas irraa maaliif adda adda ta'a?
© Copyright Got Questions Ministries