settings icon
share icon
Gaaffii

Hayipostatiki Yunuyeen hypostatic union" maalii dha? Yesus Kristoos yeroo tokko akkamitti namas Waaqas ta'uu danda'a?

Deebii


"Hayipostatiki Yuniyen"/kan sanyii tokkoo kan biraa sanyi gosa tokkoon uwwisu/tokkummaa Mucaan Waaqayyoo Yesus Kristoos qaama namaa fudhatee garuu immoo haala wal fakkaataan Waaqa guutuu kan jedhu jecha ibsuu dha. Yesus yeroo hundaa Waaqa ture (Yoha.8:48, 10:30) garuu sagaleen foon uffachuun "incarnation" Yesus nama ta'e (Yoha. 1፡14). Hafuuraan eenyummaan Yesus eenyummaa namummaa dabaluun bifa namaatti kan mul'ate Waaqa ta'uu dha. Kun….tokkuummaa dha, Yesus Kristoosa qaama tokko Waaqa guutuu nama guutuu dha. Kan Yesus eenyummaa lama namaa fi Waaqummaa kan addaa hin baanee dha. Yesus bara baraan bifa namaatti kan mul'ate Waaqayyoo dha, Waaqa guutuu fi nama guutuu, eenyuummaan adda addaa lamman qaama tokko keessa. Yesus Kristoos namummaa fi Waaqummaan kan wal makan miti garuu eenyummaa adda addaa osoo hin qabaatin tokkoo dha. Yesus yeroo tokkoo tokkoo eenyummaa namummaa isaatti daangaa hojjeetera (Yoha. 4:6, 19:28) yeroo kan biraa immoo humna Waaqummaa isaan (Yoha. 11:43, Mat. 14:18-21) lammanuun hojiin Yesus eenyummaa tokko irraati. Yesus eenyummaa lama qaba garuu qaama tokko.

Kan "Hayipostatikis Uniyen"/kan sanyii tokkoo kan biraan uwwiftu/tokkumma barsiifni Yesus Waaqaa fi nama yeroo tokkoo ta'e kan jedhu ibsuudhaaf kan yaalu barsiisa tokkoo dha. Baay'ee cimaa fi uutuu guutuutti hubachuu kan nu hin dandeenye barsiisa dha. Waaqayyo akkamitti akka hojjetu guutuu guutuutti hubachuun nuuf baay'ee rakkiisaa dha. Nu akka uumama namaatti sammuu keenya daangaa qabuun Waaqa daangaa hin qabne guutuu guuttii hubachuun kan danda'amu miti. Yesus mucaa Waaqayyoo ti inni kan ulfeefamee hafuura qulqulluudhaan ture (Luq. 1:35). Sana jechuun garuu Yesus garaa haadha isaatti uumamuun dura hin ture jechuu miti. Yesus yeroo hundaa ni jiraata (Yoha. 8:58, 10:30). Yesus garaa haadha isaatti yeroo uumamu Waaqummaa isaa irratti dabalate nama ta'e (Yoha. 1:1, 14).

Yesus lammanuu isaati Waaqa fi nama. Yesus yeroo hundumaa Waaqa ture hamma garaa Marihaam keessatti uumamutti garuu nama hin ture. Yesus nama ta'e ofii isaa nuu wajjin ramaddee falmii keenya nuu falmuuf (Ibr. 2:17) fi olaantummaan fannoo irratti cubbuu keenya baachuu danda'e (Fil. 2:5-11). Wali galatti "Hayipostatik Yuniyen"/ sanyiin tokkoo kan biraa sanyi gosa tokko kan hin taaneen uwwifamuun/tokkummaa kan nu barsiisu Yesus Kristoos Waaqa guutuu ta'uu isaati eenyummaa isaa lammanuu keessatti wal makuu akkamii fi ….hin jiru inni tokkoo dha qaama tokkoon bara baraan.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hayipostatiki Yunuyeen hypostatic union" maalii dha? Yesus Kristoos yeroo tokko akkamitti namas Waaqas ta'uu danda'a?
© Copyright Got Questions Ministries