settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus guyyoota sadiidhaaf eessa ture du'a isaa fi du'aa ka'uu isaa gidduu?

Deebii


1 Pheexroos 3:18-19 akkas jedha, 'Kiristoos immoo gara Waaqayyootti isin fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf akka ta'utti al tokkicha cubbuu namoota baay'eetiif dhiphateera; inni qajeelaan foon uffatee, qooda warra jal'ootaa ajjeefamee, hafuuraan jiraachifameera. Hafuura sanaanis dhaqee hafuurota warra mana hidhaa keessa jiranitti lallabe.' Gaaleen 'hafuura sanaanis' jedhu inni lakkoofsa 18 irraa gaalee isa 'fooniin' jedhuu wajjin akkaataa walfakkaatuun ijaarame. Kanaaf foonii fi hafuurri foonii fi hafuura Kiristoos. Jechi 'hafuuraan jiraachifameera' kan jedhu dhugaa isa Kiristoos cubbuu baachuu fi du'uudhaaf hafuura namuummaa isaatiin Abbaa irraa gargar ba'uu isaa agarsiisa (Maatewoos 27:46). Garaagarummaan foonii fi hafuura gidduudha, akkaataa Maatewoos 27:46 fi Roomaa 1:3-4, foon Kiristoosii fi Hafuura Qulqulluu gidduu miti. Yeroo araarsuun Kiristoos cubbuudhaafii raawwatame, hafuurri isaa gara isa duraan cabee tureetti deebi'ee haareffame.

1 Pheexroos 3:18-22 dhiphina Kiristoos (lakkoofsa 18) fi hulfina isaa (lakkoofsa 22) gidduu kan jiru walitti dhufeenya barbaachisummaa isaa dubbata. Ta'umsa lamaan kana gidduutti waan ta'e odeeffannoo adda ta'e kana Pheexroos duwwaatu kenna. Jechi 'lallabe' jedhu inni lakkoofsa 19 keessaa kakuu haaraa keessatti wangeela lallabuu ibsuudhaaf jecha beekamaa miti. Jechaa jechatti yeroo ibsamu dhaamsa dabarsuu jechuudha. Yesus fannoo irratti gidiraa argee du'eera, dhagni isaa akka du'u ta'e, yeroo inni cubbuu ta'ee tures hafuurri isaa ni du'e. Garuu hafuurri isaa deebi'ee jiraate Abbaadhaafis isa dhiyeesse. Akka Pheexroos jedhutti, alii alii du'a isaa fi du'aa ka'uu isaa giddutti labisii adda ta'ee hafuurota warra mana hidhaa keessa jiranitti taasiseera.

Wajjin ta'uudhaaf, Pheexroos akka 'lubbuutti' agarsiisa akka 'hafuuraatti' osoo hin taane (3:20). Kakuu Haaraa keessatti, jechi 'Hafuura' jedhu ergammoota yookiin hafuura seexanaa agarsiisuudhaaf hojii irra oola, sanyii dhala namaaf miti, lakkoofsi 22 hiika kana kan qabatee jiru fakkaata. Dabalataanis,Macaafa Qulqulluu keessatti bakka kamiinittuu Yesuus Si'ooliin akka doo'ate kan nutty himu hin jiru. Hojii Ergamootaa 2:31 gara 'boollaa' deemee jedha (Macaafa Qulqulluu isa sadarkaa Ameeriikaa Haaraa), garuu 'boolli' si'ool miti. Jechi 'boolla' jedhu kan du'an agarsiisa, bakka jarri yeroof turanii du'aa ka'uu eeggatan. Mul'ata Yohaannis 20:11-15 Macaafa Qulqulluu isa sadarkaa Ameeriikaa Haaraa keessatti yookiin Hiikaa Ammayyaa isa haaraa keessatti garaa garummaa lamaan isaanii gidduu jiru ifatti kaa'aa. Si'ool warra badaniif bakka firdii isa dhaabbataa fi isa xumuraati. Boolli bakka yeroo gabaabaadha.

Gooftaan keenya hafuura isaa Abaadhaaf dhiyeesse, ni du'e, yeroodhuma tokkotti du'aa fi fu'aa kaafamuu isaa gidduutti, bakka du'aa warra du'anii doo'ate hafuurotaaf ergaa labsuudhaaf (tarii ergamoota kufan; Yihuuda 6 ilaali) jarreen gama ta'een tibbba bidhaan badiisaa bara Nohii wajjin walitti dhufan. Lakkoofsi 20 isa kana ifa taasisa. Pheexroos hafuurota mana hidhaa keessa jiran kanaaf maal akka labse nutty hin himu, garuu garuu ergaa fayyinaa ta'uu hin danda'u ergamoonni fayyuu waan hin dandeenyeedhaaf (Ibroota 2:16). Tarii Seexana fi ergamoota isaa irratti labsii moo'icha argachuu labsuu isaa ta'uu danda'a (1 Pheexroos 3:22; Qolaasaayiis 2:15). Epheesoon 4:8-10 Kiristoos gara Jannataa deemuu isaa kan dubbatu fakkaata (Luuqaas 16:20; 23:43) du'asa isaan dura warra isatti amanaanii turan gara Samiitti akka fudhate waan dubbatu fakkaata. Keeyyatini kun waanta ta'ee turee tokkoon tokkoon isaa bali'inaan hin kennu, beektoonni hafuuraa heedduun inni 'warra hidhamanii turan gadhiisuu isaa' ni amanu.

Kanaaf Macaafni Qulqulluun Kiristoos du'a isaa fi du'aa ka'uu isaa gidduutti waanta inni hojjette bal'inaan ifatti hin kaa'u. Ta'us, warra hin amanneedhaaf/ergamoota kufan irratti mo'icha labsaa turuu isaa hin fakkaatu. Amma kan nuyi sirriitti beeknu Yesus namootni akka fayyaniidhaaf carraa lammataa akka hin kennineedha. Macaafni Qulqulluun du'a booda firdiin akka jiru nutty hima (Ibroota 9:27), carraan lammaffaa hin jiraatu. Dhugumaan Yesus du'aa fi du'aa ka'uu isaa gidduutti maal hojjechaa akka ture kan qulqulinatti ibsamuu danda'u deebiin hin jiru. Tarii inni kun iccittiiwwan yeroo gara ulfinaa dhaqnu hubachuu dandeenyuu keessaa isa tokko.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus guyyoota sadiidhaaf eessa ture du'a isaa fi du'aa ka'uu isaa gidduu?
© Copyright Got Questions Ministries