settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus fuudhee turee?

Deebii


Yesus Kristoos dhugummatti hin fuune. Oduu uumamanii odeefaman hin beekamne yeroo ammaa Yesus Marihaam ishee Maqidelaa fuudhee akka ture dubbatu. Himteen kun dhugummatti kan dogogoramee fi og-Waaqummaan seenaa keessatti kitaaba qulqulluu bu'uura kan godhate miti Ta'uus wangeellonni nostikii tokko tokkoo Yesus walitti dhufeenya dhi'oo Marihaam ishee Maqidelaa wajjin qabaachaa akka ture dubbatu, eenyu iyyuu ifatti Yesus Kristoos Marihaam ishee Maqideelaa wajjin walitti dhufeenya addaa qabaachaa akka ture hin dubbatan yookaanis walitti dhufeenya jaalalaa qabaachaa akka ture hin dubbatan. Eenyu irra iyyuu Yesus Kristoos kan inni itti dhi'aatu Marihaam ishee Maqideelaa dhungateera kan jedhu dha, kun immoo salphatti dhungoo hiriyummaa ta'uu danda'a. Dabalataanis wangeelli Nostikii ilaalchawwan uumuudhaan hojjiiwwan fakkeessu ta'uu isaanii mirkaneessuu isaan.

Yesus fuudheera osoo ta'e, Kitaabni qulqulluun akkas jedhee nutti hima ture yookaan himoonni shakkisisan dhugicha mirkaneessuuf ni jiraatu turan. Sagalleen isaa waan guddaa akkasii irratti cal hin jedhu ture. Kitaabni qulqulluun haadhi Yesus abbaa isa guddise obbollowwan isaa walakkaan akkasumas obboleetiwwan isaa walakkaa eera. Kitabni qulqulluun akkamitti Yesus Kristoos haadha manaa akka qabu eeru dhiisuu danda'a. Yesus Kristoosa akka fuudhee warra amananii fi warri barsiisan Yesusiin gara fooniitti irra caalmaatti butuuf yaalaa jiru, isa irra caalaatti akkasumaan gochuuf akka nama kamii iyyuu gochuuf. Namoonni Yesus Kristoos fooniin kan mul'atee Waaqa akka ta'ee amanuu hin barbaadan (Yoha. 1:1, 14, 10:30). Kanaaf Yesus Kristoos fuudhee akka turee fi ijoollee akka qabuu fi namni akkasumaani tokkoo seenaa kalaqanii uumu turan. Gaaffiin barbaachiisan tokko tokkoo ta'u kan isaan danda'an "Yesus Kristoos fuudhuu danda'aa?" fuudhuun cubbuun akkamii iyyuu hin jiru. Gaa'ila keessatti wal qunamtii saalaa raawwachuun rakkina homaa hin qabu. Kanaaf eeyyee Yesus fuudhuu danda'a ture fi garuu yeroo kam iyyuu hoolaa cubbuu hin qabnee fi addunyaaf fayyisaa dha. Haala wal fakkaataan sababni kitaaba qulqulluu kam iyyuu Yesus akka fuudhe hin jiru. Falmii kanaan tuqaan isaa kana miti. Yesus akka fuudhe kan amanan cubbuu akka hin qabne hin amanan yookaan Masihii akka ta'e. Waaqayyo kan ergeef akka fuudhuu fi ijoollee akka godhatuuf miti. Mar. 10:45 Yesus maaliif akka dhufe nutti hima: "Ilmi namaa hojjechisifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjeechuu fi lubbuu isaa furii namoota baay'eetiif kennuuf dhufe malee."

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus fuudhee turee?
© Copyright Got Questions Ministries