settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus cubbuu gochuu danda'aa? Cubbuu gochuu kan in dandeenye yoo ta'e, akkamitti dadhabbii keenyatti nuu gadduu kan inni danda'u (Ibr. 4:15)? Yesus cubbuu gochuu erga hin dandeenye, cubbuun qoramuun isaa maalidha argisiisu kan inni danda'u?

Deebii


Kanaaf gaafii barbaachisaa ta'eef bifooni lama jiru. Yesus osoo cubbuu gedheera ta'e kan jedhu gaaffii akka hin taane yaadachuun barbaachiisaa dha. Bifoonni lamman Yesus cubbuu akka hin goone akka sagalee Waaqayyootti wali galu (2Qor. 5:21, 1Phex. 2:22). Gaaffichi Yesus gochuu danda'a yookaan hin danda'uu dha. Mudaa qabaachuu dhabuu isaa "impeccability" yaadan kan qaban Yesus cubbuu gochuu hin danda'u jedhanii amanu. Yaada mudaa qabaachuu kan qabate "peccability" dabalataan Yesus gochuu danda'a garuu hin goone jedhanii amanu. Yaada isa kamii dha sirriin, ifaa kan ta'ee barumsi kitaaba qulqulluu Yesus mudaa hir'ina hin qabu, Yesus cubbuu gochuu hin danda'u. Cubbuu gochuu kan danda'uu yoo ta'e ammas cubbuu gochuu danda'a sababni isaa yeroo lafa irra tureetti qaamaan waan tureef. Innis gara fuuldurattis yoo ta'e nama guutuu fi Waaqa guutuu dha, nama guutuu fi Waaqa guutuu tokkuummaan kan addaan hin bane bifa qaba. Yesus cubbuu gochuu danda'a jedhanii amanuun hafuurri cubbuu gochuu danda'a jedhanii amanuu dha. "Waaqayyo guutuummaa waaqayyummaa isaatiin isa keessa jiraachuuti gammadeera," (Qola 1:19). Qola. 2:9 dabalataan "Guutummaan waaqayyummaa namummaa Kristoos keessa in jiraata."

Akkasumas Yesus nama guutuu dha, nu qabannee kan dhalannee eenyummaa cubbuu keenyaa wajjin hin dhalanne. Dhugumatti kara nuhii ittiin qoramneen qorameera, qorumsi seexanaa dura isaa ture, garuu homaa hin deebifne sababni isaa hafuurri cubbuu hojjechuu hin danda'u. Eenyummaa isaa wajjin kan wal faallessuu dha (Matt. 4:11, Ibr. 2:18, 4:15, Yaq. 1:13). Cubbuun hiikni isaa seera cabsuu dha. Waaqayyoo dha seerricha kan kenne seerritti ka'umsaaf Waaqayyo gochuu kan inni danda'uu fi gochuu kan hin dandeenye jechuu dha kanaaf cubbuun Waaqayyoo eenyummaa isaatiin gochuu kan hin dandeenye dha.

Qorumsa keessatti ofii isaa cubbuu keessa ta'u yookaan ta'uu dhiisuu miti. Isin fedha waan fedha hin qabne irratti namni tokkoo qorumsa keessatti akka taatan gochuu danda'a, fakkeenyaaf lubbuu akka balleesitani fi gocha namummaatiin akka qoramtan. Gochawwan kanaan isin fedha homaa kan hin qabne ta'uu dandeesu garuu ni qoramtu sababni isaa namni tokko isin fuuldura akkas godheera. Yoo xiqqate qoramu "tempted" jecha jedhuu hikoonni lama jiru:

1) Cubbamaan ejjennoo akka qabanu nama tokkoon yookaan waan biraan qaama nu ala ta'een yookaan cubbuu keenyaan uumame yoo nutti dhi'aate

2) Sirritti gocha cubbuutti akka hirmaatan fudhachuu fi gammachiisaa ta'uu kan danda'ani fi isaan kana wajjin gochawwan wal qabatoo ta'an akka waan raawwatamanii ta'ani sammuu keenya keessa yeroo ta'an. Hiikni jalqabaa cubbuu yaadaan gochuu hin qabu, lammaffaan garuu qaba. Gocha cubbuu keessatti yeroo dabaruu fi keessa isaa akkamitti darbuun akka dandeenyu yeroo yaadnu sarara diinaa dabara. Yesus Kristoos kan akka qorumsa jalqabaa qorameera isaan alatti amala cubbuutiin hin qoramne sababni isaa kun isa keessa hin jiru. Seexanni Yesusiif cubbuu murtaa'aan dhi'eesseefi ture garuu cubbuu sana keessa darbuun keessa isaa fedhiin hin ture. Egaa nuyi kan ittiin qoramneen qorameera garuu cubbuun ala ta'eera. Yaada mudaa qabaachuu kan qabatan "peccability" Yesus cubbuu gochuu kan hin dandeenye yoo ta'e dhugumatti qorumsicha hin qoramu ture fi nuyiifis dhugumatti cubbuu mormuudhaaf falmii keenyaaf nuuf gaduu hin danda'u ture kan jedhuun amanu. Yaadannoo qabna hubachuudhaaf waan sana keessatti darbuun irra hin jiraatu. Waaqayyo waan hundumaa waan hundumaas ni beeka. Waaqayyo cubbuu fedha gochuu kan hin qabnee fi raawwatee dhugumatti cubbuu yoo hin goone Waaqayyo cubbuun maal akka ta'e ni beeka ni hubatas. Waaqayyo qoramuun maal fakkaachuun akka irra jiru ni beeka ni hubatas. Yesus Kristoos cubbuu keenyaaf nuuf gadduu danda'a sababni isaa ni beeka, nu waan nu jiru keessa waan darbeef "experienced" miti. Yesus qoramuu jechuun maal jechuu akka ta'e ni beeka, garuu cubbuu hojjechuun maal akka fakkaatu hin beeku. Kun nu gargaaruu irraa isa hin dho'u. Nuyi cubbuu namatti beekamuun qoramna (1Qor. 10:13). Cubbuuwwan kun walii galatti bakka sadiitti ramadamuu danda'u: "Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba'a malee, abbaa biraa in ba'u."(1Yoha. 2:16). Qorumsa cubbuu kan akka Heewwan yeroo qoranu akkasumas kan Yesus Kristoos tokkoon tokkoon qorumsaa kan inni burquu kutaawwan sada kana keessatti. Qorumsa nu keessa dabarre hundumaan Yesus qorameera garuu hundumaan qulqulluu ta'eera. Cubbuudhaan eenyummaa keenya faallame cubbamoota tokko tokkoo irratti fedha qabaachuu danda'a, gochuuf ni dandeenya, karaa Kristoosiin cubbuu mo'uu ni dandeenya, karaa Kristoosiin cubbuu mo'uu ni dandeenya sababni isaa nuyii garboota cubbuu miti irra caalaa garboota Waaqayyoo ti. (Rome. 6, keessa iyyuu lak. 16-11).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus cubbuu gochuu danda'aa? Cubbuu gochuu kan in dandeenye yoo ta'e, akkamitti dadhabbii keenyatti nuu gadduu kan inni danda'u (Ibr. 4:15)? Yesus cubbuu gochuu erga hin dandeenye, cubbuun qoramuun isaa maalidha argisiisu kan inni danda'u?
© Copyright Got Questions Ministries