settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo Yesusiin yeroo erge maaliif erge? Isa dura maaliif hin ergine? Isa boodas maaliif hin ergine?

Deebii


"Barri murameef sun yeroo guutee ti garuu, Waaqayyo ilma isaa erge; innis yeroo argame dubbartii irraa dhalatee, seera jala galfame." (Gala. 4:4). Luqisiin kun Waaqayyo abbaan mucaa isaa yeroon isaa yeroo ga'u akka erge nutty dubbata. Wantootni baay'een jaarraa jalqabaatti ta'eera yoo xiqaate sababa ser-lugaan dhufaatiin Yesus Kristoos yeroo fudhatama qabuu dha.

1) Yeroo sanatti Masihiin akka dhufu Yihudoota biratti eeguu guddaa ture. Warri Roomaa Israa'een biituudhaan warri Yihudootaa dhufaati Yesusiin akka hawwan isaan taasise.

2) Warri Roomaa baay'inaan bittaa addunyaa tokkoo akka hojii isaanii godhanii turan, lafa baay'eedhaaf hiika tokkummaa kennaafi ture. Akkasumas sadhataawwaan bittaan isaa nagaadhaan ture, adeemu danda'a ture, krstaanoonni jalqabaa Wangeela babal'isuuf isaan fayyadeera. Akkasitti adeemuun alatti isa boode barii ture hin jiru.

3) Warri Roomaa loltummaadhaan yeroo mo'an warri Girikii aadaadhaan mo'anii turan. Qooqni Girikii baratame (bu'uura qooqa Girikii irraa adda kan godhu) qooqa daldalaa ture bittaa isaa hunda birratti dubbatamaa ture Wangeela saboota adda addaatiif qooqa baratame tokkoon dabarsuun danda'ame ture.

4) Waaqni tolfamoon sobaa warra Roomaa irraa fayyisuu waan hin dandeenyeef baay'een isaanii waaqa tolfamoo sana waaqeessuu dhiisani turan. Yeroo wal fakkaataatti aadaa baay'ee kan qaban magaalonni falaasama Girikiitii fi saayiinsi yerichaa kan biro waan hafuuraatiin duwwaa isaan godheera karaa wal fakkaataadhaan ganuu warra Koministi mootota har'a hafuuraan duwwaa akka isaan godhe.

5) Icitiin amantaa yerichaa waaqa tolfamaa fayyisu irratti kan xiyyaafatuu fi warra waaqessan aarsaa dhiigaa kan gaaffatu wangeelli Kristoos kun yeroo tokko aarsaan inni xumuraa kan dhi'aate ta'uu isaan isaan biratti kan amanamu godha. Warri Girikii bal'inaan du'atti amanu (fooni dhuunfaa miti).

6) Kutaa biyyaa irraa kan ta'e loltoonni warra Roomaa loltoota mindeefamoo namoonni kun aadaa warra Roomaatti fi akkaataa yaada beeksisan (fakkeenyaaf Wangeela) kutaan biyyaa fageenya irra jiran ga'uu kan hin dandeenye. Biritaaniyaatti karaan seensa wangeelaa duraan ture bakka sanatti karaa loltoota turaniitiin.

Himni nu armaan olitti ilaale namoonni yeroo sanatti yeroo ilaalan ilaalchi isaan qaban irratti kan hundeefamee dha, ni beekna karaan Waaqayyoo karaa keenya miti (Isa. 55:8), yeroo kanatti mucaa isaa ergamaaf sababni inni filateef ta'us ta'uu dhiisus danda'a. Galatiyaa 3 fi 4 yaadicha yeroo ilaalu Waaqayyo seera Yihuudii irratti dhufaati Masihiif bu'uura akka kaa'e ragaa dha. Seerrichi namootni cubbuun isaanii ammam gadi fagoo akka ta'e argisiisa (karaa sanaan seerricha eeguu hin dandeenye ture) kanaaf fayyina Masihii irraa fudhachuuf caalmatti qophaa'e ta'u danda'a (Gala. 3:22-23, Rom. 3:19-20). Gara Masihiitti qajelfamuun seerrichi ofii isaa isaanitti faradaa ture (Gal. 3:24). Kana Masihitti erga himanii boodde karaa raajiwwan baay'eetiin Yesus raawwateera. Kana irratti dabalatan seeratni aarsaa kun waa'ee cubbuutiif barbaachisummaa aarsichaa kan argisiisu haa ta'u malee gahaa ta'uu kan hin dandeenyee dha (aarsaa kamuu yeroo kan biroo kan biraa dabalataan barbaada). Seenaa kakuu moofaatti eenyummaa Yesus Kristoosi fi hojiin amantaa adda addaa seerrataa fi aadaawwan fi hojiiwwan kaasanii argisiisu (akka Abirahaam Yisihaqiin aarsaa godhee argisiise heyyamamaa ta'e, yookaan aadaa darbuu Gibxii dhaa yeroo bahan wantoota godhaman tareefamaan, kan kana fakkaatan).

Xumura irratti Kristoos kan inni dhufeef raajiin inni dubbatee yeroo itti raawwatamuu dha. Dan. 9:24-27 "Torbee torbaatama" yookaan waan torbatamanii "torbawwan" dubbata. Akkaataa yaada barreefamichaa isaan kana "torbaniwwan" yookaan "Torban" waggoota torba argisiisu guyyoota torba miti. Seenaa qoruu fi tarreefama sararaa kan jalqabaa torbaniwwan jaatami sagal kaa'uu dandeenya (turban torbaatamni kan raawwatan yeroo dhufuutti). Kan torbanoota torbatamaa lakkoofsa gara boodaa kan jalqaba lakkoofsi gara boodaa kan inni jalqabu "Yerusaleemiin suphuu fi hojjechuu abboomiin isaa yeroo dhufu irraa jalqabe" (lak. 25). Abboommiin kun Arteksisitti Dhaloota Kristoos dura dha kan kenname. (Nah 2:25) ilaalaa. Torba irraa "Torbanoota" booda 62 "Torbanoota" yeroo eda'amu yookaan 69x7 waggaa raajiichi nuuf kaa'uu "yeroo jaatamii lama booda Masihii ni ajjaafama, karaa isaatiinis homtuu hin jiru kan dhufus hoganaa sabaa magaalattii fi mana qulqullichaa balleessu "Raawwatni isaas lolaadhaan ta'eera," (jechuun badii guddaa ta'eera) hanga xumuraattis lola ta'eera badisnis lakkaa'ameera." Lak. 26. Asitti dogogora homaa kan hin qabne fayyisaa du'a fannootti eeruu dandeenya. Waggootaan duratti hundeen kitaabichaa Robert Andersiin Z Kamingi Pirins kitaaba isaa jedhameen "The coming Prince, Sir Robert Anderson" torbanoota sodommii sadeeti ilaalchisee odeeffannoo tarreefame kenneera, guyyoota raajiii fayyadamee, waggoota irra utaaluu heyyamuun, dogogora kalaandeerii, Dhaloota Kristoos dura gara dhaloota Kristoos boodaati jijjiruun kan kana fakkaataanii fi torban jaatamii sagal Yesus Kristoos mo'ichaan gara Yerusaalem seensa du'uuf guyyaa shan akka dhumu kaa'e. Namni tokko ilaalcha fayyadamus fayyadamuu baatuus tuqaan isaa Yesus yeroo foon uffateetti kan inni boqotu Daani'eel irratti tarreefamaan waggaa dhibba shani fuuldura akka raajii dubbatamee ti. Yeroo Foon Yesus uffattan namoonni dhufaati isaaf kan qophaa'aan yeroo qophaa'aan ture. Namoonni baroota keessa jiran. Yesus raajiidhaan kan dubbatameef Masihii akka ta'ee odeefannoon gahaa ta'e qabu inni dubbii isaa raawwachuun isaa waa'ee dhufaatti isaa raajiin dubbatan ifatti isaan kaa'aa.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo Yesusiin yeroo erge maaliif erge? Isa dura maaliif hin ergine? Isa boodas maaliif hin ergine?
© Copyright Got Questions Ministries