settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?

Deebii


Namoonni baay’een jechi yaada garaa geeddarachuu jedhu “cubbuu irraa deebi’uu” jechuu akka ta’e hubatu. Cubbuu gaabbuu fi irraa deebi’uun yaada garaa geeddarachuu wajjin kan wal qabatu ta’us, hiika isa sirrii dha jechuu miti. Macaafa Qulqulluu keessatti jechi yaada garaa jijjiirachuu jedhu “yaada ofii jijjiiruu” jechuudha.Macaafni Qulqulluunis akka nutti himutti

Yaada garaa geeddarachuu inni dhugaan jijjiirama gocha akka fidu dha (Luq 3:8–14; HoE 3:19).

PhaawulosYaada tajaajila isaa gabaabsee yoo ibsu , “Ani gara warra saba Waaqayyoo hinta]inittis, yaada garaa isaanii geeddaratanii gara waaqayyotti akka deebi’aniif hojii yaada garaa geeddarachuu isaanii mul’isus akka hojjetaniif isaanitii labseera” (HoE 26:20). Hiikni guutuun macaafa qulqulluu yaada garaa jijjiirachuu jiijjirama yaadaa isa jijjiirama gochaa fidudha. Yaada garaa jijjiirachuu fi fayyina gidduu walitti dhufeenyi jiru maali? Macaafa qulqulluu Hojii Ergamootaa keessumaa fayyina ilaalchisee waa’ee yaada garaa jijjiirachuuirratti xiyyeeffatan (HoE 2:38; 3:19; 11:18; 17:30; 20:21; 26:20) dha.

Fayyinaaf yaada garaa geeddarachuun, cubbuu fi Yesus Kiristoosiin ilaalchisee yaada jijjiirachuu jechuudha. Lallaba Pheexiroos guyyaa Pheenxeqoosxee (HoE Boqonnaa 2) irratti lalabe keessatti, sabni akka yaada garaa isaanii akka geeddaratan waamicha godhachuun xumurure (HoE 2:38). Maalirraa yaada qalbiin geeddaratama? Pheexiroos namoota Yesusiin gananiif (HoE 2:36) waa’ee cubbuu isaanii yaada garaa isaanii akka geeddaratan fi waa’ee Kiristoos , dhugumatti “Gooftaa fi Kiristoos” (Hojii Ergamootaa 2:36) ta’uu isaa amananii akka yaada isaanii jijjiiran waamicha dabarse.Pheexiroos ummanni yaada isaanii akka jijjiiran, Kiristsoosiin fudhachuu dhiisuu akka dhiisani akkasumas akka Masiihichaa fi Fayyisaatti isa akka amanan waamicha taasise.

Qalbii jijjiirachuu jechuu jechuun yaada dogoggoraan akka qabaachaa turtee hubachuu fi

gara fuulduraattia yaada sirrii qabaachuuf murteessuu of keessatti qabata. Namni yaada qalbii isaa geeddarate waa’ee yaada isaa duraanii “yaada lammataa” qabaata. Waa’ee Waaqayyoo, waa’ee cubbuu,waa’ee qulqullummaa fi fedha Waaqayyoo raawwachuu jijiirrama yaadaa fi amalaa fi Jijjiiramni amalaafi yaada karaa haaraan qabaachuudha. Yaada garaa geeddarachuu inni dhugaa “gadda Waaqayyoo duratti” kakaafame yoo ta’u, “gara fayyinaatti nama geessa” (2 Qorontos 7:10).

Yaada garaa geeddarachuu fi amantiin akka fuula lamaan saantima tokkootti hubachuun ni danda’ama. Jalqaba yaada qalbii kee waa’ee cubbuu, waa’ee Yeesuu fi wanta inni dalage utuu hin jijjiirratin Yeesuus Kiristoos fayyisaa ta’uusaa amantii kee irra kaayachuu hindandeessu. Diddaa, wallaalummaa yookaan fedhii dhabuu irraa yaada qalbii jijjiiraachuun jijjiirama yaada qalbiiti. Fayyina wajjin walqabatee,akkaa Macaafa Qulqulluutti yaadi garaa ofii geeddarachuun godhamu, yaada kee Kiristoosiin diduu irraa gara Kiristoosiin amanuutti jijjiiruu jechuudha.

Yaada garaa ofii jijjiirachuun fayyina argachuuf hojii hojjennu mtit. Yoo Waaqayyo nama sana gara ofii isaatti harkise malee namni yaada garaa isaa geeddarachuun gara Waaqayyoo dhufuu hin danda’u (Yohaannis 6:44). Yaada garaa ofii jijjiirachuun kennaa Waaqayyooti. Akkasumas ayyaana isaa qofaan kan danda’amu dha (HoE 5:31; 11:18). Waaqayyo qalbii diddiirrannaa yoo kenneeef malee namni yaada garaa isaa jijjiirachuu hin danda'u.

Fayyinni hundi, amantaa dabalatee yaada garaa geeddarachuun, bu’aa waaqayyo nufilate dha. Gaabbii fi amantii dabalatee fayyinni hundi bu’aa waaqayyo nufo’ee, ija keenya banee, laphee garaa keenyaa jijjiiruuti. Akkuma gaarummaan isaas akkana ta’e(Roomaa 2:4), obsi guddaan Waaqayyoo, gara yaada garaa jijjiirrachuutti nama geessa (2 Phexros 3:9). Yaada garaa jijjiirrachuun hojii fayyina argamsiisu yoo hintaanes, fayyinaaf gocha keesatti mullatudha. Jijjiirama gochaa utuu hinfidin dhugaadhaan yaada garaa kee jijjiiruun hin danda'amu. Macaafa qulqulluu keessatti yaada garaa geeddarachuun jijjiirama amalaa fida. Kanaafidha Yohaannis cuuphaan yoo namoota waamu “ammas yaada garaa geeddarachuun firii gaarii haagodhatu” kan jedhe. (Maatewos 3:8). Namni cubbuu isaa irraa dhugumaan yaada garaa isaa jijjiiratee fi Kiristoositti amanuu isaa agarsiise, jireenyi isaa jiijjiiramuu ragaa niba’a (2 Qorontos 5:17; Galaatiyaa 5:19–23; Yaaqoob 2:14–26).

Jireenya dhugaa keessatti yaada garaa geeddarachuun maal akka fakkaatu ilaaluuf, wanti nuti gochuu qabnu seeenaa Zakkewoos ilaaluu qofa. Amma Yesusiin argatutti inni nama gowwoomsee,hatee, karaa hinmallee qabeenya horatee jireenya qananii nama jiraatu tokko ture. Yeroo sanatti jijjiirama yaadaa bu’uuraa fide. Zakiwos garuu ka’ee gooftichaan “ Yaa gooftaa walakkaa qabeenya kootii warra deegaadhaaf nan kenna, kana malees eenyu irraa illee waan tokko giddisiisee fudhadheera yoon ta’eef dachaa afur nan baasaaf jedheen”( Luuqaas 19:8). Yesus gammachuudhaan fayyinni gara mana Zakeewoos akka dhufe, akkasumas kan

qaraxa sassaabu amma “ilma Abrahaam” jedhame (lakk. 9) (amantii Zakeewos kan agarsiisu). Kan nama gowwomsaan sun amma tola oolaa ta’e, hattuu kan ture amma deebisee kan kennu ta’e. Kunis yaada qalbii diddiirannaa amantaadhaan deeggaramedha.

Yaada qalbii geeddarachuun yeroo sirriitti ibsamu fayyinaaf barbaachisaa akka ta’e dha.Yaada garaa ofii geeddarachuun akkaataa macaafa qulqulluutti jiijjiirama yaadaa waa’ee cubbuu irratti qabaachuudha. kana booda cubbuun waan ittiin taphatamu miti; garuu waan dhiifamuu qabuudha malee, “dheekkamsa dhufu jalaa baqannee” akkuma jedhu sana, (Maatewos 3:7) jedhu. Yaada garaa geeddarachuu jechuun yaada samuu waa’ee Yeesuus Kirsitoos wabnu jijjiiruu jechuudhas. Inni kana booda kan itti qoofamu, tuffatamu fi kan dhiifamu utoo hintaane fayyinaaf kan itti baqatamuu fi kan waaqeeffatamuu qabudha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

aada garaa geeddarachuun maal? Yaada garaa geeddarachuun fayyinaaf barbaachisaadhaa?
© Copyright Got Questions Ministries