settings icon
share icon
Gaaffii

Kitaabni qulqulluun waa’ee waraanaa maal jedha?

Deebii


Namoonni baay’een Bau. 20:13 irratti “In ajjeessiin” jedhamee kan barreefame dubbisuudhaan dogogoru. Jecha kana waa’ee lolaa itti fayyadamuu barbaadu. Kan ta’e ta’ee garuu jechi Ibirootaa kallatiidhaan yoo hiikamu “Ta’I jedhanii nama kan biraa jibbaan ajjeessuuf yaaduu fi ajjeessuu dha” Waaqayyo irra deddeebiin Israa’eel saboota kan biroo wajjin akka wal waraanan abboommii kenneera. (1Sam 15:3, Iyaasuu 4:13). Waaqayyo adaba du’aa badiisa adda addaaf abboomeera (Bau. 21:12, 15; 22:19, Lew. 20:11). Kanaaf Waaqayyoo kallatti hundumaan guutuu guutuutti ajjeessuu hin mormine kan inni morme yakka miidhaan ajjeessuutti. Ajjeessuun yoom iyyuu yoo ta’ee waan gaarii ta’uu hin danda’u, garuu yeroo tokko tokkoo barbaachisaa ta’u danda’a. lafa irratti cubbuun namoonni isaan irra guutee guutaniiru (Rome. 3:10-18) waraannii ka’uu danda’a. Yeroo tokko tokkoo namoonnii cubbuun isaan irra guute badiisa guddaa qulqulloota irratti kan geessisan dhorkuuf karaan isaa waraana qofa dha.

Kan biraan kakuu moofaatti Waaqayyo akkas jedhee warra Israa’eeliin abboommee, “Ijaa Israa’eeloota warra Miidiyaan irratti ba’i! isa booddee ati gara saba keetti in sassaabamta””. (Lak. 31:2). Kes. 20:16-17:- “Haa ta’u iyyuu malee mandaroota saba warra kanaa warra Waaqayyo gooftaan kee dhaala siif kennu keessatti, wanta lubbuu qabu tokko illee fayyaatti hin hambisin! Akkasumas 1Sam. 15:18:- “Inni dhaqiitti Amaaleqoota cubbamoota sana raawwadhuu balleessi” amma isaan dhumanittis isaan waraanni jedhee erge.” Sirritti Waaqayyoo lola hundumaa hin mormu. Yesus Kristoos yaadni isaa Waaqayyoo wajjin yeroo hundumaa tokkoo dha (Yoha. 10:30), kanaaf waraannii kakuu moofaatti kan jiru yaada Waaqayyoo qofa kan ta’e dha jechuu hin dandeenyu. Waaqayyo hin jijjiramu (Mik. 3:6, Yaq. 1:17).

Lammaffaa dhufuun Yesus Kristoos haala adda ta’een kan ta’u gocha humnaati. Mul. 19:11-12 Yesus Kristoos wajjiin kan godhamuu waraana isa dhumaa ibsa, mo’aan geggeessaa waraanaa lola firdii “Fuulakee” godha lak. 11. Dhiigaan lak. 13 fi gara jabinaan. Simbiroonni kan morman hundumaa isaan kan mormaan foon isaanii ni nyaatu lak. 17-18 dinoota isaatiif gara laafinaa homaa hin qabu hundumaas ni mo’ata lak. 20 “Giimiidhaan kan gubamu gara galaana abiddatti gataman”. Dabarsee isaan kenna.

Waaqayyoo raawwatee waraana hin deggeru jechuun dogogora dha. Yesus nagaa kan eegsiisu miti. Addunyaa namoota hamootaan guutame yeroo tokko tokkoo hameenya keessaa ba’aa akka hin taaneen waraanni barbaachiisa dha. Hitileer warannaa adduyaa lammaffaa irratti osoo hin duune kan biroon miliyoona meeqatuu du’a ture? Kan Ameerikaa lolaa sivilii osoo hin godhamne gurachaa ammamituu garbummaa Ameerikaa jalatti dhiphatu turan.

Lollii waan hamaa dha. Waraanni tokko tokkoo kan biroo caalaa “Haqa” qaba garuu yeroo hundumaa lollii bu’aa cubbuutti. (Rom. 3:10-18) haala wal fakkaataan Lall. 3:8 yeroo dubbatu “Jaallachuuf yeroo qaba, jibbuufis yeroo qaba lolaaf yeroo qabaa, nagaadhaafis yeroo qaba.” Cubbuun jibbifi hameenyi addunyaa itti guutame (Rom. 3:10-18) lollii ta’uu kan danda’u dha. Kristaanootni lola barbaaduun isaan irra hin jiraatu Waaqayyoo aangoo irra kan kaa’ee abbaa aangoo mormuun isin irra hin jiraatu (Rom. 13:1-4, 1Phex. 2:17). Yeroo lolaatti gochuun kan nurra jiru waanti barbaachisaan Waaqayyo geggeesitoota keenyaaf ogummaa isaa akka kennuuf, macca waraanaa isaa akka eeguuf, hiikni ariifachiisaan walitti bu’iinsichaaf akka kennu, lola keessatti wara miidhamaniif kadhachuutu nurra jiraata (Fill. 4:6-7).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kitaabni qulqulluun waa’ee waraanaa maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries