settings icon
share icon
Gaaffii

Jarreen takkaa waa'ee Yesus hindhageenye irra maaltu ga'a?

Deebii


Namoonni hundinuu waa'ee Waaqayyoo itti gaafatamummaa qabu 'waa'ee Isaa dhaga'anis' yoo dhaga'uu dhabaatanis. Waaqayyo karaa uumamaa (Roomaa 1:20) fi garaa namaa keessatti (Macaafa Lallabaa 3:11) ofii Isaa akka mul'ise Macaafni Qulqulluun nutti hima. Rakkoon jiru sanyiin dhala namaa cubbamaadha; hundumti keenya beekumsa Waaqayyoo kana gannee isa irratti fincila kaafnera (Roomaa 1:21-23). Inni ayyaana Waaqayyootiin utuu hin taane ta'ee, fedhii hawwii cubbuu garaa keenyaaf caalaatti kennamnee turre, Isattii gargar baanaan jireenyi akkam gatii kan hin baafne fi jeeqamaa ta'ee akka arganu nu taasisuudhaan. Inni jarreen guutummaa guutuutti isa ganuu keessa jiraatan kana raawwata (Roomaa 1:24-32).

Qabatamaadhumatti, inni namoonni tokkoo tokko waa'ee Waaqayyoo dhaga'uu dhabuu isaanii miti, rakkoon jarri waan dhaga'anii turan fi kan uumamaan ifatti mul'atu fudhachuu diduu isaaniiti. Seerri Keessa Deebii 4:29, 'Isin garaa keessan guutuudhaan yaada keessan guutuudhaanis yoo isa barbaaddattan isa ni argattu' jechuun dubbata. Waraabbiin kun qajeelfama barbaachisaa barsiisa-namni kami iyyuu dhugaadhaan kan Waaqayyoon barbaadu Isa ni argata. Yoo namni tokko dhugumaan Isa beekuu barbaade Waaqayyo ofii Isaa isatti mul'isa.

Rakkoon jiru, 'namni tokko iyyuu hin hubatu namni tokko illees Waaqayyoon hin barbaadu' (Roomaa 3:11). Namoonni beekumsa Waaqayyoo isa uumamaan mul'atuu fi garaa isaanii keessa jiru fudhachuu didan bakka isaa waaqolii tolfamuu kan ofii tolfatan waaqessuu murteessan. Waaqayyo nama carra wangeela Kirstos dhaga'uu utuu hin argatin hafe tokko gara si'olitti erguun isaa sirriidhaa jedhanii falmuun gowwuummaadha. Namoonni kan Waaqayyo dursee jaratti mul'iseef itti gaafatamummaa qabu. Macaafni Qulqulluun namoonni beekumsa kana fudhachuu didan jedha, egaa kanaaf Waaqayyo jara si'ool keessatti adabuun isaa haqa.

waa'ee galma namoota wangeela hin dhaga'ini bakka waliin falmuu, nuyi, akka kiristaanootaatti, akka jarri dhaga'an gargaaruudhaaf amma dandeenye yaalii taasisuu qabna. Namoota hundumaaf akka wangeela raabsinu waamamneerra (Maatewoos 28:19-20; Hojii Ergamootaa 1:8). Beekumsa Waaqayyo karaa uumamaa mul'ate namoonni akka ganan ni beekna, inni ergaa gaarii fayyina isa karaa Kirstoos ta'e kana akka labsinuudhaaf nu kakkaasuu qaba. Namoonni ayyana Waaqayyoo fudhachuu qofaan cubbuu isaanii irraa fayyuu akkasuma bara baraan Waaqayyootti adda baafamuu irraa ooluu danda'u.

Namoonni takka wangeela hin dhageenye Waaqayyoon biraa akka araara argatan yoo yaadne, nuyi gara rakkina rifachiisaatti galla. Namoonni takkaa wangeela hin dhaga'in yoo fayyau ta'an, inni namoonni heedduun akka wangeela illee hin dhageenye mirkaneeffachuun sirriidhuma ta'a. Waantii gadheen kan nuyi raawwannu wangeela namatti himuudhaan inni yookiin isheen isa fudhachuu diduu isee ta'a. inni ni ta'a utuu ture, inni yookiin isheetti ni faradama. Namoonni wangeela hin dhageenye jaratti faradamuu qaba, yookiin wangeela tamsaasuuf kan nama dadamaqsu hin jiraatu. Namoonni dursanii utuu wangeela hin dhaga'iniin dura fayyaniiru taanaan maaliif namoonni wangeela dhaga'uu diduun isaanii ofii isaanii iraatti faraduu ta'aa ree?

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Jarreen takkaa waa'ee Yesus hindhageenye irra maaltu ga'a? Waaqayyo nama takkaa waa'e Isaa hin dhageenyeetti hin faradaa?
© Copyright Got Questions Ministries