settings icon
share icon
Gaaffii

Waldaan kiristaanaa maalii dha?

Deebii


Namoonnii baay'een har'a waldaa kiristaanaa kan hubatan akka gamootti. Kun kan macaafa qulqulluu hubannoo waldaa kiristaanaa miti. 'Waldaan kiristaanaa' jechii jedhuu kan inni dhufee Ekklesia jecha Girikii jedhuu irraa yeroo ta'uu, hiikii isaas 'wal ga'ii' yookaan 'kan waamaman' jechuu dha. Hundeen hiika waldaa kiristaanaa jedhuu waa'ee gamoo miti waa'ee namaati male. Inni ubbii dhokataa kan ta'e qaba jechuun namoonni waldaa kiristaanaa kamiin akka hirmaatan yemmuu gaafatan, irra deddeebi'anii kan isaan ibsan gamoo sana. Roomee 16:5 akkana jedha ''waldaan kiristaanaa mana isaani jirtuuf nagaa naa dhi'eesaa.' Phaawolos kan inni heeruu waldaa mana isaani jirtuu dha- gamoo waldaa kiristaanaa osoo hin taanee, qaama amantootaa malee.

Waldaan kiristaanaa qaama Kristoosiiti, innis mataa kan ta'eef. Efe. 1:22-23, 'hundumaas miila isaa jalatti bichisiseef hundummaa olis mataa akka ta'uu waldaa kiristaanaatiif kenne. Isheenis qaama isaatii fi hundumaa hundumaan kan guutuu guutummaa isaati.' Qaami Kristoos amantoota Yesuus kristoos hundumaatiin kan hojjetamee dha, guyyaa Phenxeqosxeetti ka'ee (Hoji.Erg. 2) amma Kristoos dhufutti. Qaami Kristoos roga lama irraa hojjetame.

(1) Waldaa kiristaanaa walii galaa, Kristoosi wajjin walitti dhufeenya dhuunfaa kan qaban hundumaa kan of keessatti qabate. 'Yihudotas yoo taanee namoota Girikootaas yoo taanee garbootas yoo taanee birmadus nuyii hundumti keenyaa afuura tokkoof qaama tokkoo akka taanuf cuubamneera. Hundumti keenya afuura tokkoo dhugneera (1ffaa Qro 12:13). Lakkoofsi kun kan inni jedhuu amanaan kam iyyuu qaama Kristoos ta'uu isaa fi afuura Kristoos akka ragaatti fudhachuu isaati. Waldaan kiristaanaa Waaqayyoo isheen walii galaa Kristoos Yesuusitti amanuudhaan fayyina kaan fudhatan hundumaati.

(2) Waldoota kiristaanaati Galaa 1:1-2 irratti ibsamteeti 'Phaawulos, ergamaa' fi obboloota naa wajjin jiraataan, waldoota kiristaanaaGalaatiyaa jiraatan.' Asitti kan nuyii arginuu godina Galaalatiyaatti waldootni kiristaanaa hedduun akka jiranidha_ waldooto kristaanaa jennee kan nuyii waamnu. Waldaan kiristaanaa Paapistii, waldaa kiristaanaa Luutiraan, waldaa kiristaanaa Kaatolikii k.k.f' waldaa kiristaanaa miti, akka waldaa kiristaanaa ishee walii gala_ haa ta'ee malee waldoota kiristaanaati, qaama waldoota amantootaa. Waldootni kiristaanaa wali gala kan isheen irraa hojjeetamtee isaan kan Kristoos ta'an kanaaf fayyinaaf isa kan ammananii dha. Isaan miseensi waldoota kiristaanaa wali gala tokkummaa waldoota kiristaanaa irraa gochuu fi qulqullaa'uutu irraa eegama. Walitti qabaatti, waldaan kiristaanaa gamoo yookaan kutaa amantaa miti. Akka macaafa qulqulluutti waldaan kiristaanaa qaama Kristoos- fayyinaa fi Gooftaa Yesuus Kristoos irra amantaa isaani kan kaawatanii dha (Yoha. 3:16, 1ffaa Qoro. 12:13). Waldootni kiristaanaa miseensa waldaa kiristaanaa wali galaa walitti qabama isaanitti. Waldootni kiristaanaa miseensa waldaa kiristaanaa wali gala guutummaatti 'kan qaama isaatii' geggeefama isaa kan hojii irra oolchanii dha, 1ffaa Qoro 12 irratti kan jiru, jajjabeessuu, barsiisuu fi wali walii ijaaruu, beekumsaa fi ayyaana Gooftaa Yesuusin.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waldaan kiristaanaa maalii dha?
© Copyright Got Questions Ministries