settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyoon sodaachuu jechuun maal jechuu dha?

Deebii


Warra hin amanneef Waaqayyoon sodaachuun firdii Waaqayyoo sodaachuunii fii du'a bara baraa kunisi immoo bara baraan Waaqayyo irraa adda ba'uu dha (Luq 12:5, Ibr10:31). Amantootaaf Waaqayyoon sodaachuun baayyee waan addaati, sodaan waaqeffannaa Waaqayyoon kabaju dha Ibr 12:28-29 kanaaf ibsa gaarii dha:- " kanaaf mootummaa raafamuu hin dandeenye waan fudhanuuf kabajaa fi sodaa dhaan Waaqayyoon gamachiisaa ayyaana ittiin Waaqesinu haa qabannu, Waaqini keenya abidda xaph godhuu dha." Jajuu fi kabaji kun kiristaanotaaf Waaqayyoon sodaachuu jechuu dha. Kun kan ta'eef Waaqa addunyaa mara uumeef mataa ofii dabarsanii kennuuf sababa guddaa dha. Fak 1:7 "Jalqabii ogummaa Waaqayyoon sodaachuu dha" jedha. Waaqayyoo eenyu akka ta'e hamma hin hubatinitti isaaf kabaja qabnu hagaa hin guddisnitti oogummaa dhugaa hin qabnu. Oogummaan dhugaan kan inni dhufuu Waaqayyo eenyu akka ta'e inni qulqulluu fi tolaa ta'uu isaa beekuu qofaan. Kes.10:12, 20-21 akkasi jedha "yaa Isiraa'el ammas Waaqayyoon Waaqa kee akka sodaattu malee, karaa isaa hundumaara akka deemtu, Waaqayyoo gooftaa kees akka jaallattu, laphee kee guutuu lubbuu kee guutuu akka Waaqesittu, waan gaariis akka siif ta'u har'a kanan si abboomu abboomii fi ajaja Waaqayyoo akka egduuf malee Waaqayyoo Waaqni kee maal sirraa barbaada? Waaqayyoo Waaqa kee sodaadhu, isas waaqessi isa irraas of-eeggadhu maqaa isaatiin kakadhu. Ijikee kan argan isaan wantoota gurguddoo sodaachisoo kan siif godhee ulfina isaati, innis Waaqa keeti." Waaqayyoon sodaachuun karaa isaa irra deemuun isa tajaajiluunii fi isa jaallachuun bu'uura. Amantoonni tokko tokko Waaqayyoon sodaachuun "Waaqayyoon kabajuun" jechuu dhaan hiiku. Hamami illee kabaja kan jedhu yaad-rime Waaqayyoon sodaachuu jedhu keessatti dabalameera, sanaa ol kan jedhu jira. Sodaan macaafa Qulqulluu amanaa dhaaf Waaqayyoo cubbuu akka jibbu nuti cubbamaa irra firdii jiru sodaachuu dhaan jireenyaa amanaa keesatti sodaa dabala. Ibr 12:5-11 kan ibsuu Waaqayyo ifaata amanaati, jaalalaan hojjetameera (Ibr 12:6), ammas taanaan baay'ee wanta sodaachisuu dha. Akka ijoollee keenyaa ifaata maatii keenyaa sodaachuun gochaa hamaa tokko tokko akka hin goone nu dandeesisuun isaa ifaa dha. Haala walitti dhufeenya Waaqayyoo wajin qabnuun wal fakaata. Ifaata isaa sodaachuu qabna kanaaf karaa isa gammachiisuu jireenya keenyaan jiraachuuf barbaaduu qabna.

Amantoonni Waaqayyoon sodaachuun irra hin jiraatu. Isa sodaachuuf sababa tokko iyyuu hin qabnu. Wanti tokko illee jaalala isaa irraa adda akka nu hin baasne kakuu galle qabna (Rom 8:38-39). Inni raawwatee akka nu hin dhiisne waadaa nuuf galeera nutti dubbateera (13:5). Waaqayyoon sodaachuu jechuun deddeebii jireenya keenyaa irratti dhiibbaa olaanaa geesisuuf waan danda'uuf isaaf kabajaa olaanaa argisiisuu jechuu dha. Waaqayyoon sodaachuun isa kabajuun isaaf abboomamuun adaba isaaf "disipiliin" bitamuu fi kabajaan waaqessuu dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyoon sodaachuu jechuun maal jechuu dha?
© Copyright Got Questions Ministries