settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyoon gaaffachuun doggogoraa?

Deebii


Gaaffichi Waaqayyoon gaaffachuun nurra jiraa yookaan nurra hin jiraatu? Karaa akkamittii fi sababa kamiif isa gaaffanna? Waaqayyoon gaaffachuun mataan isaa doggogora miti. Rajiichi Ambaqoom karoora Waaqayyootii fi hojii isaa kan ilaalate gaafiiwwan qaba ture, Ambaaqoom gaaffiiwwaan isaa ibsuu caalaatti obsaan deebii kenneera. Raajichi kitaaba isaa faarfannaa fi galataan xumure. Kitaaba faarfannaa keessatti gaaffiiwwan baay'eetu Waaqayyoof dhi'aatu (Faru. 10, 44, 74, 77). Isaan kun gidduu galuu Waaqayyootii fi jajjabina kan barbaadan kan ari'ataman hiyyaa namoota dhiphataniiti. Ammam illee Waaqayyo gaaffiiwwan keenya karaa nu barbaannuun yoo nuuf deebisuu baatee garaa dhugaatiin garaa keenya irraa yoo gaaffanne akka simatuu keeyatoota kana irraa ni dubbifna.

Gaaffiiwwan garaa irraa hin taane yookaan dhugaa hin dhimma addaa ti. "Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda'amu, eenyu illee Waaqayyootti dhi'aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniif gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira." (Ibr. 11:6) Mootichi Saa'ool Waaqayyoof abboomamuu erga dhiisee booda gaaffiiwwn isaa deebii hin arganne (1Sam. 28:6).

Waaqayyo gaarummaa isaa gaaffii keessa akka galchinu wantoota godhan keessaa akkasumas akka heyyamu bitaa namatti galuu gaarummaa Waaqayyoo kallattiidhaan gaaffachuun keenya adda kan ta'ee dha. Shakkiin olaantummaa Waaqayyoo gaaffachuun amala isaa adda baasuu irraa kan adda ta'ee dha. Gabaabaatti, hadha'aa, kan hin amanamne, yookaan garaa jal'aa malee gaaffiin sirriin cubbuu miti. Waaqayyoo gaaffiiwwan hin sodaatu, Waaqayyo isaa wajjin tokkummaa cimaa akka qabaanu nu hafeera. Waaqayyoon yeroo gaaffannuu hafuura cabbaa fi sammuu banaa ta'een ta'uutu irra jira. Waaqayyoon gaaffachuu ni dandeenya, garuu nu deebii isaa garaa keenya irraa yoo hin barbaanne deebii eeguun nurra hin jiraatu. Waaqayyo garaa keenya beeka, inni ifa isaa akka nuuf kenne garaa keenya irraa haa barbaadnu ni ta'a kanas inni ni beeka, garaa keenya dhugaatti Waaqayyoon gaaffachuu barbaaduu sirrii fi doggora kan jedhuu kan murteessuu dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyoon gaaffachuun doggogoraa?
© Copyright Got Questions Ministries