settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyoon kan argee eenyu iyyuu hin jiruu?

Deebii


Kitaabi qulqulluun namni kam iyyuu Waaqayyoon argee hin beekuu nuun jedha (Yoha. 1:18) kan arge gooftaa Yesus qofa akka ta'e nutti hima. Bau. 33:20, Waaqayyo dabalataanis:- namni na argee hin fayyuu waan ta'ef fuula koo arguu hin danda'u jedhe." Fakkeenyaaf Bau. 33: Museen Waaqayyoon fuulaa fuulatti" akka itti dubbate nutti hima. Akkamitti Waaqayyo namni fuulaa fuulaatti argee fayyuu erga hin dandeenye akkamitti Museen Waaqayyootti dubbate? Haala kanaan "Fuulaa fuulatti" gaalee jedhu baay'ee dhi'oo kan ta'ee tokkummaa keessatti akka argamu kan argisiisan fakiidu dubbiiti. Waaqayyoo fi Musee wali walii isaaniitti kan duddubatan namoonni lamman wali walii isaaniitti akka duddubachaa turan.

Seera uumamaa 32 lak. 30, Yaaqoob Waaqayyo akka ergamaa ta'ee arge, Waaqayyoon dhugummatti hin argine. Maatiin Saamsoon Waaqayyoon akka argan yeroo ilaalan na'aanii turan (Abo. 13:22) garuu akka ergamaatti yeroo mul'atu arganii turan. Yesus foon kan ta'e Waaqa ture (Yohaannis 1:1, 14) kanaaf namoonni yeroo isa argan Waaqayyoon argaa turan. Kanaaf eeyyee Waaqayyo "Ni argama" kanaaf namoonni baay'een Waaqayyoon "Ni argu" haala wal fakkaataan namni kam iyyuu ulfina isaatiin kan mul'atee Waaqayyoon argee hin beeku. Haala keenya keessatti mucaa namaa kufeen Waaqayyo ofi isaa nuuf guutuu guutuutti yoo mul'ise liqimfamne akkasumatti badna. Kana waan ta'eef Waaqayyo ofii isaa kan haguuguu yoo ta'u isa "Arguu" akka dandeenyuu ta'eera. Ta'us garuu Waaqayyoon ulfina isaa guutuu fi qulqullummaa isaa arguu irraa kan adda ta'ee dha. Namoonni Waaqayyoon mul'ataan ergamaa Waaqayyoo mul'atawwan arganiiru. Garuu namni kam iyyuu Waaqayyoon guutuu guutuutti hin argine (Bau. 33:20).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyoon kan argee eenyu iyyuu hin jiruu?
© Copyright Got Questions Ministries