settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo balaa uumamaa jechuun raafama lafaa, qileensa hamaa fi sunaami maaliif hiyyama?

Deebii


Waaqayyo raafama lafaa Torontoo qileensa hamaa sunamii qileensa hamaa dhoqee fi kan biroo balaawwan uumamaa akka jiraatan maaliif hiyyame? Naannoo xumura bara 2004 Eshiyaatti kan uumamee balaa Sunaamii gaddisiisaa Kaaba bahaa Unitistatitti qileensi jabaa fi bara 2008 kan adeemsifame Baha Awustiraliyaatti Njorjii namoonni baay'een gaarummaa Waaqayyo gaaffiidhaan namoota dhi'eesan turan. Balaawwan uumamaa yeroo baay'ee "Hojjiiwwan Waaqayyoo" jedhamanii yoo waamamanis waggoota baay'eef waggoota kudhaniif akkasumas waggoota dhibba baay'eef naannichatti kan uumamee gatii haala qileensa nagaa "Waaqayyoof" hin kennamu. Waaqayyo uumamaa fi seerawwan uumamaa uumeera (Uma. 1:1). Baay'een isaa balaawwan uumamaa sababa seera hojiin kan argamani dha. (Qileensa jabaa Harikeyiini fi haala qileensa garaa garaa Toroontoo sanyiiwwan isaaniiti. Raafamni lafaa lafa keessatti sibili bakka itti hojjetamu bu'aa sochii isaatti. Sunaamiin kan uumamuu bishaan keessatti kan uumamu sababa raafama lafaati.

Kitaabni qulqulluun Yesus Kristoos uumama hundumaa deggere qabatee akka jiru nutti hima (Qolasiyaas 1:16-17). Waaqayyo balaawwan uumamaa dhorkuu ni danda'aa? Sirritti! Waaqayyo yeroo tokko tokkoo haala qilleensaa fayyadamaa? Eeyyee Kes. Boqonnaa 11:17 fi Yaaqoob 5:17 keessatti akka arginu Lak. 16:30-34 kan nu argisiisu Waaqayyo yeroo tokko tokkoo balaawwan uumamaa jedhamanii uumamu warra danda'an ta'iiwwan baay'ee ibsa Mul. 6, 8, fi 16. Balaan uumamaa hunduu Waaqayyo irraatii? Guutuu guutuutti miti.

Waaqayyo namoonni hamoonni hojii hamaa akka raawwatan kan heyyamuu karaa wal fakkaataan Waaqayyo lafti uumama irratti kan fide rakkoo cubbuun fidee akka argisiiftu heyyameera. Rome. 8:19-21 akkas jedha "Uumamni hundinuu, mul'achuu ijoollee Waaqayyoo dhimmanii eeggachaa jiru. Uumamni wanta gatii hin qabne akka ta'u godhameera; inni illee ofii isaatii akkas ta'uu hin barbaanne, garuu isuma isa uumetu akkas isa godhe; haa ta'u iyyuu malee, akkas ta'uun isaa abdii qaba ture. Uumamni, garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba in ba'a; luba ba'uun kun gara birmadummaa ijoollee Waaqayyo warra ulfina qabanitti in geessa. "Sanyiin namaa gara cubbuutti kufuun isaa lafa irra jiraannu dabalatee waan hundumaa irratti dhiibbaa uumeera. Uumama keessatti wanti jiru hunduu "Ciccituu" fi "Tortoruuf" kennameera. Cubbuun akka dhukkuba du'aatti fi rakkina ka'umsa akka hundumaa balaawwan uumamaa ka'umsa isa xumuraati.

Balaawwan uumamaa maaliif akka uumaman hubachuu ni dandeenya. Wanti nu hin galee Waaqayyo maaliif akka uumaman heyyama kan jedhuu dha. Waaqayyo Sunaami Eeshiyaa kan jiran namoota 225,000 akka ajjeessu kan heyyameef maaliif? Waaqayyoo kumaan kan lakkaa'aman namoota manoota Harikeen Kaatirinaa balleessuudhaaf kan barbaadeef maaliif? Wanti tokkooffaan ta'ii akka kanaa jireenya lafa kanaa irra of-tuulummaa dhiifne waa'ee bara baraa akka yaadnu nu dirqisiisa. Waldaaleen kristaanaa baay'inaan balaawwaniin booda guutuu ta'u, namoonni jireenyi isaanii dhugaatti kan amansiisuu akka ta'e fi jireenyi ariitiidhaan akkamitti salphaatti fudhatamuu akka danda'u ni yaadachisu. Nuyi kan nu beeknu Waaqayyo gaarii dha! Balaa uumamaatiin jireenyi hammaataan akka hin uumamne kan godhan dinqiin ajaa'ibsiisaan baay'een ta'aaniiru. Balaawwaan uumamaatiin namoonni miliyoonaan lakkaa'aaman jireenya isaanii keessatti wantoota dursa kennaniif deebi'ani akka qoratan godhu. Namoota miidhamaa jiran gargaaruuf kan jedhu miliyoona dhibbaan kan lakkaa'aamuu dolaara gargaarsaaf erga. Tajaajilli kristaanummaa Kristoosiin fayyuu namoota gargaaruuf tajaajiluuf gorsuuf kadhachuu fi namoota geggeessuuf carraa qabu! Waaqayyo haaloota dhiphisaa gaddisiisaa ta'an waan gaarii guddaa fiduu fi godha, (Rome 8:28).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo balaa uumamaa jechuun raafama lafaa, qileensa hamaa fi sunaami maaliif hiyyama?
© Copyright Got Questions Ministries