settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo ammas dinqii ni godhaa?

Deebii


Namoonni baay'een isaaniif Waaqayyo ofii isaa "akka mirkaneessu" dinqii akka godhu filatu. "Waaqayyo dinqii mallattoo yookaan dinqii osoo godheera ta'e amen ture!" Yaadni kun garuu kitaaba qulqullootaan faallaa dha. Waaqayyoo warra Israa'eeliif dinqii ajaa'ibsiisaa fi dinqisiisaa yeroo godheetti isaaf akka abboomaman godhee? Hin goone, warri Israa'eeli dinqiiwwan hundumaa arganis hin abboomamne kanaaf Waaqayyo irratti fincilaa turan. Waaqayyo galaana diimaa yeroo hir'uu erga arganii booda isaanumti ofii isaaniitti Waaqayyo biyyatti abdii sana jiraatoonni mo'uu shakkaii turan. Dhugaan kun Luqaas 16:19-31 mul'ateera. Seenicha keessatti namni si'ool keessa jiru obboloowwan isaa of-eeggachiisuuf Abiraaham Alaazariin du'a irra akka deebisuu gaaffate Abiraahamis Museetti hime, "Musee fi raajoota hin dhaga'aan yoo ta'e namni kamuu du'aa yoo ka'ee illee hin amanan" (Luqaas 16:31).

Yesus safaraa fi lakkoofsa kan hin qabne dinqii godheera, garuu namoonni soonaan baay'een isatti hin amanan turan. Waaqayyo kanaan dura akka turee hundumaa har'as yoo hojjete bu'aan isaa gosa tokko. Namoonni ajaa'ibsiifatanni yeroo gabaabaaf Waaqayyoon amanatu. Amantiin sun muraasa ta'ee akka tasaa yookaan ta'ii sodaachiisaa yeroo itti ta'e sana balleessa. Amantiin dinqii irratti hundaa'ee amantii guddate miti. Waaqayyo fayyisuudhaaf dinqii isa guddicha Yesus Kristoos gara biyya lafaa dhufuu isaa fi cubbuu keenya hundumaaf akka du'uu godheera (Rom. 5:8) kanaaf nuyi fayyuu dandeenya (Yoha. 3:16). Waaqayyo ammas dinqii godha. Wanti baay'een xiyaafannoo hin arganne yookaan kan ganamanii dha. Haa ta'u malee dinqiiwwan hin barbaachisan. Wantootni nu barbaachiisan Yesus Kristoositti amannee fayyuu fayyinatti amanuu dha.

Dinqiiwwan kaayyoon isaanii dinqii sana kan raawwate mirkaneessuu dha. HoE. 2:22 akkas jedha:-"Yaa ijoollee Isiraa'el, sagalee kana dhaga'aa, isinumtuu akka beektan, Iyesuus naazireetichi Waaqayyoo isin gidduu karaa isaatin dinqii fi milkita Waaqayyoo biraa Waaqayyoo biraa nama isinitti mul'ate ture," kan ergamootaas kana wajjin kan wal fakkaatuu dha "Dhugumatti mallattoon ergamummaa gidduu keessanitti dinqii fi milkitaan obsa hundumaan godhame." (2Qor. 12:12). Waa'ee wangeelaa yeroo dubbatan warri Ibirootaa boqonnaa 2 lak. 4:- "Kana irrattis Waaqayyo ofi isaatii milikkitaa fi wanta dinqisiisaa karaa garaa garaas hojii aangoo hojjechuudhaan, akka jaalala isaatti kennaa hafuura qulqulluu hiruu dhaan, duukaa bu'ee bu'ee dhugaa ta'uu isa mul'ateera." Jechuudhaan. Amma Kitaaba qulqulluu keessatti kan galmeefame dhugaan Yesus jira. Amma kan Kitaaba qulqulluu keessatti kan galmeefaman barreefama ergamootaa qabna, Yesuusi fi ergamoonni isaa akka kitaaba qulqulluu keessatti galmeefameetti amantii keenyaa fi bu'uura dhagaa golee (Efe. 2:20). Haaluma kanaan kan Yesusiif kan ergamoota isaa kitaaba qulqulluu keessatti sirrummaan isaa sirri kan ta'e galgalchi isaa akka mirkaneesse dinqiin hin barbachiisu. Eeyye Waaqayyo amma iyyuu dinqii godha. Haaluma wal fakkaatuun bara duriitti akkuma turan dinqiin har'as akka raawwatuutti eeguun nurra hin jiraatu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo ammas dinqii ni godhaa?
© Copyright Got Questions Ministries