settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo yaada isaa ni jijjiraa?

Deebii


Milkiyaas 3:6 "Ani Waaqayyo hin geeddaramu isin yaa ijoollee Israa'eel kanaafuu kan baddan miti." Bifa wal fakkaataadhaan Yaaqoob 1:17 "Kennaa gaariin hundinuu, kennaa guutuun hundinuuf abbaa ifaa biraa ol waaqa gubbaa dha in dhufa, abbaa ifaa bira geggeedaramuu yookiis gaadisi gala galuu iyyuu hin jiru." Lak. 23:19 ifaa dha:- "Waaqayyo akka namaa miti inni hin sobu, gaabuudhaafis inni ilma namaa miti, inni wanta jedhee in godhuu ree? Wanta dubbates hin raawwatuuree?" Akka luqissii kanaatti Waaqayyo hin geeddaramu, inni kan hin geeddaramnee dha. Inni oggeessa. Kanaafi iyyuu dogogora isaa fudhachuu gara duubaa sakkata'uu fi deemsa haaraa yaaluuf jecha "sammuu isaa jijjiruuf" hin danda'u. Kanaaf Waaqni yaada isaa akka jijjiru kan dubbatan Uma. 6:6 luqisiin kan kana fakkaataan "Waaqayyo nama lafa irratti uumuu isaatiif hin gaabbe, keessa isaattis hin gadde." Jedha dabalataani Bau. 32:14:- "Waaqayyo saba isaa irratti hamaa gochuuf jedhee ni o'eef." Luqissiin kun waa'ee Gooftaa "Gaddaan gara duubaatti akka deebi'ee" yookaan "akka gaabbe" amala jijjiramuu dhiisuu Waaqayyo wajjin kan walitti bu'u wanta fakkaatu dubbata.

Abboommi isaa Waaqayyo akka jijjire argisiisuuf faayiidaa irra kan oole seenaa Yoonaas. Karaa raajichaatiin Waaqayyo Naannawee guyyaa afurtama keessatti ni baleessa jedhee dubbateera (Yoonaas 3:4). Haa ta'uu malee sabni Naannawee waa'ee cubbuu isaaniitiif qalbi jijjiratan (Lak. 5-9). "Waaqayyo karaa isaanii isa hamaa irraa deebi'uu isaanii hojii isaanii arge Waaqayyos isaan irratti raawwachuudhaaf waa hamaa dubbate gaabbee hin raawwane." (lak. 10) Waaqayyo yaada isaa akka jijjiree godhanii kan fudhatan yaadni gurguddaa lamatu jira. Isa jalqabaa "Waaqayyo nama lafa irratti uumuu isaatiif gadduu isaa" ibsa jedhu eeruu ni dandeenya jechuu dha (Uma. 6:6) isaan kun fakkeenya antiropomorfozimi (Antropomorfozimi) dha. Antropomorfozimi nama daangaa qabu Waaqa daangaa hin qabne ibsuudhaaf Waaqayyoon ibsuudhaaf kan inni itti fayyadame jecha fakiduuti. Hojii Waaqayyoo bifa ilaalcha namaatiin hubachuun karaa nu gargaaruu dha. Uma. 6:6 keessatti Waaqayyo cubbuu ilma namaatti gadduu isaa hubanneera. Waaqayyo nama uumuudhaaf murtoo inni godhe hin deebifne. Har'a jireenyatti akka jiraannu dubbachuun keenya waa'ee uumamaa Waaqayyo "yaada isaa kan jijjiree" ta'uu isaa ragaa mirkaneessuu dha.

Inni lammaffaan ibsa haala keenyaa fi Waaqayyoon kan hin daangeefamne murtoo haal-duree hin qabne gidduutti gara garummaa gochuu qabna. Karaa biraatiin Waaqayyo "Naannawwee guyyaa afurtama keessattan baleessa" kan jedhu irratti deebii warra Asoorotaatti haala murtaa'ee keessatti dubbachaa ture. Kana ni beekna sababni isaas warri Asoor qalbi jijjirachuu isaaniitiin Waaqayyo firdi sana hin raawwane. Waaqayyo yaada isaa hin jijjire caalaatti ergichi gara Naannaweetti qalbi jijjiranaadhaaf kan kakaasuu sagalee of-eeggachiisa ture. Of-eeggachisi sunis mirkanaa'ee ture.

Waaqayyo Daawiitiif kakuu inni gale haal-duree tokko malee sagalee abdii Waaqayyoo kan galameef fakkeenya ture. "Manni keetiif mootummaan kee fuula koo duratti bara baraan in jabaataa teessoon kees bara baraan ni jaabata" (2Sam. 7:16). Ibsa kana keessatti madaalliin ibsame yookaan sadarkaan itti gaaffatamummaa hin jiru. Ammam illee Daawiit kaminis godhe gochuu dhiisuus sagaleen Waaqayyo raawwatama argata.

Waaqayyo waa'ee ibsa tokko tokkoo maalummaa uumamaa nutti hima haala filannoo keenyaatiinis ni raawwata "waa'ee sabaa, waa'ee mootummaa buqqisuu, diiguu, balleessuu yeroo dubbateetti, kun waa'ee isaa sabni inni itti dubbate hameenya isaa irraa yoo deebi'ee ani raawwachuudhaaf wanta hamaa yaade nan gaaba. Waa'ee saba isaas waa'ee mootummaas hojjedhee dhaabuudhaaf yeroon dubbadhuutti, fuula koo duratti wanta hamaa yoo godhe sagalee koos yoo hin dhageenye, ani gochuufidhaaf waanan dubbadhe waan gaarii sana nan gaaba. Amma egaa namoota Yihudaatiif Yerusaleemiin kan jiraataniif. Waaqayyo akkas jedha . Wanta hamaa isinittan kaasa, ammas hundumti keessan karaa keessan isa hamaa irraa deebi'aa, karaa keessanii fi hojii keessan sirreessaa jedhiiti itti dubbadhu" (Erm. 18:7-11). Jecha haal-duree qabu hubadha "Sabicha yoon of-eeggachiise hameenya isaa irraas yoo deebi'ee akkuma raajii Yoonaas Asooritti akka ta'e Yoonaas 3 an nan gaaba" faallaa isaa Waaqayyo saba tokko akka eebbisu ni dubbata ta'a "Garuu ana duratti [Milkiyaas 1 keessatti akka ture Israa'eel] wanta hamaa yoo godhe ani kanaan yaade wanta gaarii ammas itti deebi'een yaada".

Tuqaan inni guddaan Waaqayyoo guutuu guutuutti hin jijjiramu. Qulqullummaa isaatiin Waaqayyo Naannawwee irratti faraduuf ture, ta'us Naannawween qalbi jijjirachuudhaan karaa isaa jijjire. Bu'aan isaas Waaqayyo qulqullummaa isaatiin Naannawwee irratti araara godhe. Kun "Jijjirama ilaalchaati" amala isaa wajjin guutuu guutuutti amanamummaa isaati. Qulqullummaan isaa jecha tokkoon illee hin balleessuu.

Waaqayyo filannoowwan keenya irratti Waaqayyo nurratti kan inni godhu amala isaa haala jijjiiru amala isaa wajjin walitti dhufeenya tokkoyyuu hin qabu. Ka'umsuma irraa Waaqayyoo kan hin jijjiramne ta'uun isaa tolli isaa tola akka kan biroo akka hintaane bifa addaan akka ilaallu nugodha. Namni tokko yoo deebi'e Waaqayyoo rawwatee isaaf dhiisa, namni tokko deebi'uuf yoo dide Waaqayyoo rawwatee itti farada. Waaqayyoo enyuummaa isaatiin hin geedaramu karoora isaan amala isaan. Guyyaa tokko waan godhetti gammadee gaafa biroo immoo hin dheekamu. Kun immoo gegeedaramaa fi kan hin amanamnee isa godha. Waaqayyoo Naanawweetti yeroo dubbate "isinittan farada" achi irraa immoo (erga deebi'anii booda) firdicha hin dhiisa kun immoo waan jijjiramee fakkaachuu danda'a. Sirriin isaa Waaqayyoo akkuma yeroo hundumaa amala isaatiin dhugaa ta'ee jiraata. Inni kan deebi'uuf araara godha akasumas haa hafu jechuu jaalata. "Waaqayyoo araara qabeessa ta'uu in irraanfatee ree dheekkamsaan karaa cufee ree" (Far.77:9). Yeroo tokkotti hundumti keenya sababa cubbuu keenyaaf diina Waaqayyoo turre (Rom 8:7). Waaqayyoo waa'ee gatii cubbuuf akka deebinu of nu eegachiise (Rom 6:23). Yoo deebinee fii Kiristoosiin waa'ee fayyina keenyaaf yoo amanne "Waaqayyoo yaada isaa jijjiire" nuti amma diina isaa osoo hin taane ijoollee jaalalaa isaati (Yoh 1:12). Cubbuu keenyaan itti fufnee osoo ta'ee akkasumas Waaqayyoo osoo nuun hin adabnee cubbuu keenya irraas deebinee osoo nu adabee eenyuummaa isaa wajjin wallitti bu'a ture. Sana jechuun jijjiirama laphee keenyaa Waaqayyoon jijjiireera jechuu dha. Miti fayyinni keenya yaada Waaqayyoon jijjiramuu dhiisuun qabamee osoo ta'ee karaa Yesuus Kiristoosiin nu fayyisu ture sababiiin isaa inni amala isaatiin mormuun hin hojetu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo yaada isaa ni jijjiraa?
© Copyright Got Questions Ministries