settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo cubbammaa/ kadhata hin amannee ni dhaga'aa/ fakkaataa?

Deebii


Yohaannis 9:31 akkas jedha:- "Waaqayyo warra cubbamootaaf akka hin dhageenye in beekna; nama isa sodaatuuf jaalala isaas isa raawwatuuf garuu in dhaga'a." Dabalataan "Waaqayyoo cubbammaa irraa kan inni dhaga'uu kadhatni fayyinaaf kan kadhatamuudha" jedhamee himameera. Sababa kanaaf namoonni tokko tokkoo Waaqayyo kadhaa nama hin amannee raawwatee akka hin dhageenyee fi dhaga'uu kan hin barbaanne ta'uu isaa hubanna. Akka yaada barreefama kutaa sanaatti Yoahaannis 9:31 kan inni argisiisu Waaqayyo karaa nama hin amannee dinqii hin hojjetu. 1Yoha. 5:14-15 Waaqayyo kadhata akka fedha isaatti yeroo kadhatan akka deebisu dubbata. Qajeelfamni kun warra amanne irrattis ni hojjeta. Namni hin amannee akka fedha Waaqayyootti yoo kadhannaa kadhatee Waaqayyo akka fedha isaatitti kadhata akkasii akka hin deebifnee gufuun kam iyyuu hin dhorku.

Kutaan kitaaba qulqulluu tokko tokkoo Waaqayyoo kadhata warra hin amannee dhaga'ee akka deebisu ibsu. Baayy'inaan dhimmi kadhata kanaa eeramee ture. Tokko yookaan lammanuu keessatti Waaqayyo iyya lapheetiif deebii laateera (iyyi kunis gara Waaqayyootti kan barreefamee ta'uun isaa hin ibsamne). Isaan kana keessaatti tokkoon tokkoon isaa kadhatichi qalbi jijjirannaa dhaa wajjin kan walitti hidhate fakkaata. Ta'us garuu haaloota birootiin kadhatichi fedhii biyya lafaa kanaatiif eebba isaa qofaaf, akkasumas Waaqayyo gara laafummaa yookaan fedhii dhugaa nama dhuunfaa sanaaf yookaan amantii isaaf deebii kennuudhaaf deebii laateera. Namni hin amanne tokko tokkoo waa'ee kadhataa kan dubatan luqisiin tokko tokkoo kunooti.

Namoonni Naanawwee Naannawween akka hin badne kadhatan (Yoonaas 3:5-10) Waaqayyo deebii kana kan inni kennee fi Naannawween akka sodaatee hin balleesine.

Agaar mucaa ishee Ismaa'eeliin Waaqayyo akka isheedhaaf eeguu gaaffatte (Uma. 21:14-19) Waaqayyo Ismaa'eeliin eegeera. Waaqayyo Ismaa'eeliin baay'ee eebbise.

Aka'aab 1Mot. 21:17-29 keessuma immoo lak. 27-29 keessatti dhaloota isaa kan ilaalate Eli'aas raajii inni dubbateef soomee ture. Waaqayyos bara Akaa'aabiitti badiisa turee hin deebifne.

Garee ormootaa Xiroosii fi Sidoonaa dhaa kan dhufte dubbartiin tokko intala ishee seexana irraa akka fayyisuuf kadhate (Mar. 7:24-30). Yesusiis seexana sana mucaa ishee keessaa baaseera.

HoE. 10 keessatti ajajaa dhibbaa Roomaa Qoronaliyoos ergamaa Pheexiroosiin itti erge HoE. 10:2 Qorenaliyoos "Itti fufee Waaqayyoon fuula duratti in kadhata ture" nutti hima.

Waaqayyo sagalee hundumaaf ta'uu galeeraaf (kan fayyaniis kan hin fayyinees jechuu dha) fakkaeenyaaf Ermiyaas 29:13 "Isin na barbaadduu laphee keessan guutuu yoo na barbaadan na agatu" jechuun waadaa seeneera. HoE. 10 dhimmi Qoreneliyoos kanaaf lak. 1-6. Haa ta'uu malee yaadni barreefama keeyata isaa akka jedhutti kristaanoota qofaaf kan ta'u abdii baay'een jira. Kristaanoonni Yesusiin akka fayyisaa isaanitti waan fudhataniif yeroo rakkatanitti gargaarsa argachuudhaaf ija jabinaan gara teessoo ayyaanaa akka dhufan ni jajjabeefamu (Ibr. 4:14-16). Akka fedha Waaqayyootti waan kam iyyuu yoo gaaffanne inni waan isa gaaffanne nu dhaga'aa akkasumas nuu laata. (!Yoha. 5:14-15) waa'ee kadhannaa kristaanootaaf abdii kan biroo heedduun jiru. (Matt. 21:22, Yoha. 14:13, 15:7). Egaa Waaqayyoon namni hin amannee haaloonni kadhatni hin deebifneef jira. Haaluma wal fakkaatuun ayyaana isaatii fi araara isaa namoota Waaqayyoon hin amanne keessatti gidduu galee kadhata isaaniif deebii kennuu danda'a.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo cubbammaa/ kadhata hin amannee ni dhaga'aa/ fakkaataa?
© Copyright Got Questions Ministries