settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo hamaa uumee?

Deebii


Jalqaba irratti erga Waaqayyo waanta hundumaa uumee hamaas waan Waaqayyoodhaan huumame fakkaata. Haa ta’u malee, hamaan akka dhagaa yookiin akka elektrikii waanta miti. Hamaa huuroo guutuu qabaachuu hin dandeessu. Hamaan ofii isaa jiraachuu hin danda’u; inni dhugaadhumatti dhabamuu Waaqayyooti. Fakkeenyaaf, waanti urataan tokko dhuguma garuu waanta tokkoo irratti argama. Waaqayyo yeroo uume, inni dhuguma kan inni uume hundinuu gaariidha. Waanta gaarii Waaqayyo uume keessa inni gaariin tokko uumama gaarii filachuudhdaaf fedhii qabu uumuu isaati. Filannoo dhugaa ta’e qabaachuudhaaf, gaarii biratti kan filatamu waanta tokko achi kaa’uun hayyamee ture, kanaaf, Waaqayyo bilsa kana namootaa fi ergamootaa gaarii akka filatanuuf achi kaa’e yookiin gaarii akka didanu (hamaa filachuu). Yeroo walitti dhufeenyi hamaan waantota gaarii lama gidduutti argamu isa sana hamaa jennee waamna, garuu inni kan uumuudhaaf Waaqayyo isa barbaachise “waanta” ta’uu hin danda’u.

Tarii ibsa kana irra darbe ni gargaara. Yoo namni tokko yoo “qorri jiraa”? jedhamii gaafatame deebiin isaa tarii “eeyyee” kan jedhu ta’a. haa ta’u malee, inni kun sirrii miti. Qorri jiraachuu hin danda’u. Qorrii dhabamuu hoo’inaati. Karaa walfakkaatuun, dukkannni hin jiraatu; dhabamuu ifaa agarsiisa. Hamaan dhabaiinsa gaariiti, yookiin caalaa, hammeenyi dhabamuu Waaqayyooti. Waaqayyo hamaa uumuun isa irra hin jiru, garuu sana manna dhabamuu Waaqayyootiif duwwaa hayyamama.

Waaqayyo hamaa hin uumne, garuu inni hamaa ni hayyama. Hamaanii fi gaariin akka jiraatu Waaqayyo utuu hin hayyamne ta’e namni fi ergamonni utuu hin barbaadiin dirqamanii Waaqayyoon tajaajilu, filannoo malee. Inni “roobootiin” hin barbaadne utuu hin jaal’atiin waanuma “saganteeffamaniidhaaf” kan inni barbaade kan raawwatan. Waaqayyo hammeenyi akka jiraatu hayyame sababni isaa kanaaf dhugaadhumatti isa tajaajiluu fi dhiisuudhaaf fedhii bilisa ta’e qabna.

Akkuma sanyii namaa daangaa qabeessa ta’uu keenyaatti, Waaqayyoon isa daangaa hin qabne kana guutummaatti hubachuu hin dandeenyu (Roomaan 11:33-34). Alii alii Waaqayyo maaliif waanta tokko tokko akka hojjetu waan yaadne nutty fakkaata, isa nuyi duraan yaadne irraa kaayyoo gara biraatiif akka ture dhuma irratti murteessina. Waaqayyo qulqullina, ilaalcha bara baraatiin gara waantotaa ilaala. Nuyi ilaalcha cubuun guutamaa, Kan biyya lafaa, fi kan yeroodhaafii kan ta’e irraa kaanee waantota ilaalla. Waaqayyo maaliif Addaamii fi Hewaaniin cubuu hojjechuudhaan akka jarri hamaa, du’a fi rakkina namoota hundumaa irratti akka fidan beekaa lafa irra kaa’e? Inni maaliif samiidhuma irratti nu huumee bakka nuyi guutuu taanuu fi rakkina hin argine achumatti nu hin dhiifne? Gaaffiin kun bara baraa gama kanaatiin ifatti deebii hin argatu. Kan nuyi beekuu dandeenyu kan Waaqayyo hojjete waanti kam iyyuu qulqulluu fi gaarii ta’uu isaatiifi xumura irratti isa kabajuu isaati. Isa waaqeffachuu filachuu keenya ilaallatee filannoo sirrii nuu kennuudhaaf jecha hamaan jiraachuu isaatiif Waaqayyo hayyama kenneera. Waaqayyo hamaa hin uumne, garuu inni hayyameera. Inni hamaa hin hayyamne taanaan, fedhii malee isa waaqeffanna turre, filannoo mataa keenyaatiin miti.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo hamaa uumee?
© Copyright Got Questions Ministries