settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyoon duratti akkamittan sirrii ta’aa?

Deebii


Waaqayyoon duratti “Sirrii” ta’uudhaaf, jalqaba “dogoggorri” maal akka ta’e beekuutu nurra jira. Deebiin isaa cubbuudha. “Namni gaarii godhu tokko illee hin jiru, lakkii tokko iyyuu hin jiru” (Faarsaa 14:3). Seera Waaqayyoo irratti fincilleerra; “akka hoolotaa karaa irraa badnee turre” (Isaayyaas 53:6).

Oduun gadheen gatiin cubbuu du’a ta’uu isaati. “Lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa du’u jedheera!” (Hisqi’el 18:4). Oduun gaariin immoo Waaqayyo inni jaalalaan guutuu akka gara fayyinaatti nu fiduudhaaf barbaade. Yesus kaayyoo isaa maal akka ture ibseera, “isa bade barbaaduudhaaf fayyisuudhaafis dhufeera” (Luuqaas 19:10), innis kaayyoon isaa kun akka xumurame hubachiiseera yeroo fannoo irratti du’e jecha, “Raawwatameera!” jedhuun (Yohaannis 19:30).

Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuun cubbuu keenya beekuu irraa jalqaba. Itti aansuun, of gad-deebisuudhaan cubbuu kee bariitii gara Waaqayyoo kotu (Isaiah 57:15) cubbuu dhiisuudhaafis murteessi. “Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta’a , afaan isaatiinis beeksisee ni fayya.” (Roomaa 10:10).

Qalbii diddiirachuun amantiidhaan raawwatama, keessummattuu, du’aa arsaa ta’uu Yesus fi du’aa kaafamuun dinqii akka inni fayyisaa kee ta’uuf isa dandeessisa. “ … Yesus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yoo beeksifte Waaqayyoo du’aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa ni argatta” (Roomaa 10:9). Keeyyattoonni heedduun gara biraa barbaachisummaa amantii ni dubbatu fakkenyaaf Yohaannis 20:27; Hojii Ergamootaa 16:31; Galaatiyaa 2:16; 3:11, 26; fi Efeesoon 2:8.

Waaqayyoon duratti sirrii ta’aun dhimma waanta Waaqayyo bake kee hojjeteef deebii laattu irratti. Fayyisaa erge, cubbuu kee sirraa fuuchuudhaaf aarsaa dhiyeesse. (John 1:29), abdiis siif late: “Maqaa gooftaa kan waammatu hundinuu immoo ni oola” (Hojii Ergamootaa 2:21).

Cubbuudhaaf agarsiisi gaariin qalbii diddiirranna fakkeenya ilma isa badee sana (Luuqaas 15:11-32). Ilmichi inni quxisuun kennaa abbaa isaa cubbuu nama qaanessuutti balleesse (lakkoofsa 13). Balleessaa isaa yeroo bare, gara manaatti deebi’uu murteesse (lakkoofsa 18). Lammee illee akka ilmaatti akka hin fudhatamne yaade (lakkoofsa 19). Garuu inni sirrii hin turre. Abbaan isa fincilee deebi’ee isa duraa caalaa jaallata (lakkoofsa 20). Hunduu ni dhiifameef, gammachuunis itti fufe (lakkoofsa 24). Waaqayyo abdii isaa eeguudhaan gaariidha, adbii araara argachuu dabalatee. “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi’oo dha warra yaadni isaanii caccabee bullaa’es ni fayyisa” ” (Faarsaa 34:18).

Waaqayyoon duratti sirrii ta’uu yoo barbaadde, kadhannaan salphaan kunooti. Yaadadhau, kadhannaa kana jechuun yookiin kadhaannaa gosti kami iyyuu si hin fayyisu. Yesus Kiristoos duwwaatti amanuutu cubbuu irraa si fayyisa. Kadhatni kun salphaadhumatti karaa ati amantii kee Waaqayyo irratti qabdu itti agarsiiftu fi fayyina siif qopheessuu isattii isa galateeffattudha. “Waaqayyo, ani sirratti akkan cubbuu hojjedhe fi adabbiin akka naaf ta’u nan beeka. Garuu Yesus Kiristoos adabbii anaaf ta’u fudhateera kanaaf karaa isatti amanuutiin araara argachuu nan danda’a. Fayyinaaf amantii koo sirrattan kaa’adha. Ayyaana kee fi araara kee dinqisiisaadhaaf sin galateeffadha – kennaa jireenya barabaraatiif! Ameen!”

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyoon duratti akkamittan sirrii ta’aa?
© Copyright Got Questions Ministries