settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo Dhiira moo yookaan dubbartii dhaa?

Deebii


Qulqulluu sagalee isa sakataanuu dhugaan lama ifaa dha. Isa jalqabaa Waaqayyo hafuura, kanaaf amala namaa yookaan daangaa hin qabu. Inni lammaffaan kitaaba qulqulluu keessatti kan argaman ragaan hundumtuu Waaqayyo mataa isaa ilma namaatti saala namaatiin akka of ibse wali galu. Ka'umsuma irraa uumama isa dhugaa kan Waaqayyoo hubachuu ni barbaachiisa. Qaama Waaqayyo "Person" dha, ifatti akka mul'atuutti Waaqayyo amala qaamaa hundumaa waan argisiisuu fedhi Waaqayyoo beekumsaa fi miira qaba. Waaqayyo walitti dhufeenyaa fi wali galtee qaba. Gochaan qaama Waaqayyoo hunduu kitaaba qulqulluu keessatti mirkanaa'eera.

Yohaannis 4:24 akka jedhuutti:- "Waaqayyo hafuuraa, kan sagadamuufis dhugaa fi hafuuraan sagaduufitu barbaachiisa". Waaqayyo qaama hafuuraa ta'uu isaan inni qaama qaqabatamu hin qabu. Ta'us garuu al tokko tokkoo kitaaba qulqulluu keessatti faayidaa irra kan oole jechi fakiiduu namni waa'ee Waaqayyo beekumsa akka qabaatu gochuufi dha. Kun egaa amala namaatiin Waaqayyoon ibsuuf "Antiropomorfizim" jedhama. Antiropomorfizimiin salphaatti waa'ee Waaqayyoo (qaama hafuuraa) waa'ee eenyummaa isaa ijoollee namaatiif waa'ee qaama qaqabatamuu dudubbachuudhaaf. Namummaan qaama waan ta'eef addunya qaqabatamu ala waa'ee wantoota kanaa hubannoon nuyi qabnu muraasa. Kanaaf Antiropomorfizimiin kitaaba qulqulluu keessatti Waaqayyo eenyu akka ta'e hubachuuf nu gargaara.

Wanti rakkisaa godhu wantootni tokko tokkoo ilmi namaa Waaqayyootti kan uumame waan ta'eef sakkata'uudhaaf. Uma. 1:26-26 tti akkas jedha:- "Waaqayyos jedhe akka bifaa keenyaa fi fakkeenya keenyaatti in uumna qurxummii galaanaa fi simbirootaa waaqaa, bineensotaa fi lafa hundumaa lafa irra kan socho'aan hundumaa haa bitan. Waaqayyo nama bifa isaatti uume bifa Waaqayyootti uumee dhiiraa fi dubbartii godhee uume".

Dhirootas ta'ee dubartooni akka bifa Waaqayyootti kan uumamanii dha, sababni isaa akka beekumsa Waaqayyootti fedha, miira qulqullummaa kan qaban ta'uu isaanii caalaa uumama hundumaa irra ni caalu. Bineensoonni dandeetti eenyummaa safuu hin qaban akkasumas akka mucaa namaa qaama qaqqabatamu hin qaban qaama hin qaban. Mucaa namaa qofti fakkaatti Waaqayyo kan qabu qaama hafuuraati. Waaqayyoo ijoollee namaa erga uume isaa wajjin walitti dhufeenya akka qabaatu godheera. Kaayyoo kanaaf kan wixinaa'ee uumamni qofaan eenyummaa uumamaati. Sana waan ta'ee fi dhiiraa fi dubbartiin fakkeenya Waaqayyoo irraa kan bocamanii dha. Isaaniis Waaqayyo xiqqoo "Kan waraabaman" miti. Dhugaan isaa dhiiraa fi dubbartiin jiraachuun Waaqayyo dhiiraa fi dubbartii kan ittiin adda ba'an akka qabaatan hin gaafatu. Yaadadhu fakkaattii Waaqayyoo tti Uumamuun amala qaama qaqabatamu walitti dhufeenya tokkoyyuu hin qabu.

Waaqayyo qaama hafuuraa ta'uun isaa akkasumas amala qaama qaqabatamuu akka hin qabnes ni beekna. Kun Waaqayyoo mataa isaa ilma namaatiif karaa inni ittiin mu'isuu danda'u daangaa hin qabu. Jechichi Waaqayyo mataa isaa ilma namaatti kan beeksisee ibsa hundumaa qabateera, kanaaf waa'ee Waaqayyoo kan ibsuu burqaa guddaa dha. Macaafni Qulqulluun luqissi inni nutti himu yoo ilaalle Waaqayyo mataa isaa sanyii namaatti akka mul'isee kan argisiisan ragaan hedduun jiru.

Macaafni Qulqulluun Waaqayyo "abbaa" jechuu dhaan gara 170 kan eeran waabiin jiru. Barbaachisaa yoo ta'e name tokkoo dhiira yoo ta'uu dhaa baatee abbaa ta'uu hin danda'u. Waaqayyo mataa isaa bifa dubartiin mul'isuu osoo barbaadee "haadha" jechi jedhu bakka kanatti ta'a malee "Abbaa" kan jedhu hin ta'u ture. Kakuu moofaa fi Haaraa keesatti maqa-dhaala saaii dhiiraan irra deddeebiin Waaqayyoon kan ilaalatuun faayidaa irra oleera.

Yesus Kiristoos Waaqayyoon akka abbaattii yeroo baayyee eereera akkasumas yeroo kana fucha argateen waa'ee Waaqayyoo saala dhiiraa fayyadameera. Wangeelawwan keessatti qofa Kristoos "abbaa" jecha jedhu gara yeroo 160 kallattiidhaan itti fayyadamameera. Krsitos Yohaannis 10:30 irratti "Anii fi abbaan tokko" jechuudhaan yaadni dubbatame xiyyaafannoo kan harkisuu dha. Ifatti ilaaluudhaaf akka danda'amuu Yesus Kristoos fakkeenya namaatti mul'achuudhaaf cubbuu biyya lafaa kaffaluudhaaf fannoo irratti du'e. Akka Waaqayyo abbaa Yesusis ofii isaa saala dhiiraatti of ibseera. Sagaleen isaa Kristoos waa'ee Waaqayyoo maqa-dhaal dhiiraa baay'ee kan itti fayyadame ragaawwan tarreessa.

Ergaawwan kakuu haaraa (Hojii ergamootaa irraa kaasee hanga Mul'ataatti) gara luqisii 900tti kan dhi'aatan kan qabate yoo ta'u Te'os (Girikiidhaan dhiira) maqaan jedhu immoo Waaqayyo wajjin kallattiindhaan kan eeruu dha. Kitaaba qulqulluu keessatti waa'ee Waaqayyoo lakkoofsaan kan eeru heeddun bakka buusa waamicha maqaa dhiiraatiin maq-dhaalaan ifatti ta'eera. Waaqayyo nama osoo hin taane namaaf mataa isaa ibsuudhaaf waamicha maqaa dhiiraa filateera.

Bifuma wal fakkaatuun Yesus Kristoosis maqaa dhirootaatiin akkasumas maq-dhaala lafa irra yeroo baay'ee irra deddeebi'ame ibsameera. Raajoonni kakuu moofaatii fi ergamoonni kakuu haaraa Waaqayyoo fi Yesus Kristoos maqaa dhiiraatii fi aboodhaan ni eeramu. Namni eenyummaa isaa salphaatti akka hubatuuf Waaqayyo bifa kanaan mul'achuu filate. Eenyummaa Waaqayyootiif daangaa kaa'uun sirrii waan

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo Dhiira moo yookaan dubbartii dhaa?
© Copyright Got Questions Ministries