settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo Israa’eeliin saba isaa godhatee filateeraa?

Deebii


Waa’ee saba Israa’eel ssagalee isaa irratti Kes. 7:7-9 yeroo dubbatu:- “Waaqayyo sababii ati saba lafa irraa keessaa lakkoobsaatti baay’attuuf si jaallate yookiis si fo’ate miti, ati saba lafa irraa keessaa lakkoobsatti muraasa. Waaqayyo garuu waan si jaallateef kakuu abboota keetiif kakates waan eeguu barbaadeef, irree jabaadhaan mana garbummaa keessaa, harka Fara’’oon mootii Gibxii jalaa si fure. Egaa Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyoo dha, isa beeki! Inni Waaqayyo amanamaa dha; inni warra isa jaallatanii abboomii isaa eeganiif hamma dhaloota kumaatti kakuu isaa in eega, gaarummaa isaas isaan in argisiisa.”

Waaqayyo saba Israa’eel Waaqayyo cubbuu fi du’a irraa fayyisuuf Yesus Kristoos sabni innii keessaa dhalatu akka ta’an filate (Yoha. 3:16). Waaqayyo waa’ee Masihii Addaamii fi Hewwan cubbuudhaan erga kufanii booddee abdii kenne (Uma. 3). Ergasii Masihiin Abrahamiin Yisaa fi sanyii Yaaqoobi keessaa akka dhalatu dubbatame (Uma. 12:1-3). Yesus Kristoos warra Israa’eel saba isaa akka ta’aniif kan filate sababni guddaa dha. Waaqayyo saba fillachuun isa hin barbaachiisu garuu karaa sanaan gochuu barbaade. Yesus Kristos saba tokko irraa dhufuu irra ture kanaaf Israa’eeliin filate.

Kan ta’es ta’e Waaqayyo Israa’eelin sababi inni filateef Masihiin akka dhalatuuf qofaaf miti. Waaqayyo karoorri inni Israa’eeliif qabu waa’ee isaa gara kan biroo deemanii akka dubbataniif dha. Israa’eel lubummaa mootummaa isaa raajii fi addunyaaf ergamaa akka ta’an ture. Karoorri Waaqayyoo Israa’eeliif saba addaa akka ta’an ture, kan biroo gara Waaqayyooti kan argisiisan hojii oolchuu isaan gara Masihii fi gara fayyisaati. Kutaa baay’eetti Israa’eel hojii kanaan kufteetti. Ta’us Waaqayyo Israa’eeliif kaayyoo inni qabu, Masihii gara addunyaatti fiduu Yesus Kristoosiin sirritti Yesus Kristoosiin raawwatameera.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo Israa’eeliin saba isaa godhatee filateeraa?
© Copyright Got Questions Ministries