settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqa tokko waaqeessuun nuuf mirkanaa'uu ni danda'aa?

Deebii


Moonotizim "monotheism" jecha lama irraa kan argamee dha. "Mono" "mono" tokko "Qofaa" "single" fi "theism" "amantii" hiikni isaa "Waaqayyootti amanuu" hiika jedhu qaba. Keessaa iyyuu, Waaqa tokkicha waaqeessuun tokko qofaa isaa uumaa jiraataa fi abbaa firdii kan ta'ee Waaqa dhugaatti amanuu dha. "Monotonizim" "henotiziim" "henotheism," kan adda ta'ee dha innis waaqa tolfamaa baay'ee wajjin hundumaa irratti immoo Waaqa olaanaa ta'e wajjin amantii qabuu dha. Innis immoo "poliyitiyizim" Waaqani tokkoo ol jiraachuu isaa amanuu isaa mormeera.

Mul'ata adda ta'en (kitaaba qulqulloota), mul'ata uumamaa (falaasama) akkasumas qo'aanaa seenaa mucaa namaa dabalatee waa'ee Waaqa tokkicha waaqeessuu mormiin adda addaa jiru. Isaan kun muraasni asii gadiitti ibsamaniiru kanaaf tarreefamaan akka ibsaman ta'anii fudhatamuun irra hin jiraatu. Wal falmiin kitaaba qulqulluu monoteyizimiif Kes. 4:35:- "Isin garuu gooftichi Waaqa akka ta'e, isa bukkeettis kan biraan akka hin jiree akka beektaniif, isinitti argisifameera." (Kes. 6:4) "Yaa Israa'eel dhaga'I! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha." Milkiyaas 2:10:- "Hundumti keenya abbaa tokkicha qabna miitiree? Waaqayyo isa tokkichatu hunduma keenya uume mitiiree?" 1Qor. 8:6:-"Nuuf garuu Waaqayyo tokkichatu jira; innis abbaa isa waan hundumaa uume, isa nuyii maqaa isaatiif jiraannus, akkasumas gooftaa tokkichatu jira." (Efe. 4:6):- "Waaqayyoo fi abbaan waan hundumaa tokkicha, inni waan hundumaa irra jira, waan hundumaa in hojjeta, iddoo hundumaa jiras." 1Xim2:5:- "Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fiduus tokkicha; inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha." Yaaqoob 2:19 "Waaqayyo tokkichi akka jiru ati in amanta mitii? Ba'eessa goote! Isa kana hafuuroonni hamoonni iyyuu in amanu, in roqomus."

Ifatti arguun akka danda'amuutti namoota baay'eedhaaf kitaabni qulqulluun waan dubbatu qofaaf Waaqani tokkichi akka jiru dubbachuun ga'aa miti. Sababni isaas Waaqayyoon alatti kitaabni qulqulluun jalqabatti Waaqayyoon ta'uu isaa karaan ittiin mirkaneeffatan hin jiru. Haa ta'uu malee namni tokko kitaaba qulqulluu amansiisaa ta'uu isaa kan mirkaneessuu baay'ee odeefannoo amansiisaa waan qabuuf kan akka kanaa ejjeennoo Waaqa tokkicha waaqeessuun mirkaneesuu danda'a. Haaluma wal fakkaatuun wal falmii kan biraan ta'uu kan inni danda'uu amantii Yesus Kristoosii fi dhaloota Yesus ajaa'ibsiisaa jireenyaa fi dinqii ta'uu du'aa ka'uu isaa Waaqayyo (yookaan yoo xiqaatee karaa Waaqayyootiin fudhatama akka qabu) amantii mirkaneessee fi barsiisaadha. Waaqayyo hin sobamu yookaan goowomfamuu hin danda'uu, kanaaf Yesuus amanaa fi barsiisaa kan ture dhugaadha. Kanaaf monoteyizum Yesus amanaa fi barsiisaa kan inni ture dhugaa dha. Falmiin kun waa'ee qulqulluu sagalee isaa fi waa'ee Kristoos namoonni beekan baay'ee kan nama ajaa'ibsiisu ta'uu dhiisuu danda'a garuu kana namni beeku cimina isaa jalqabuuf kun bakka gaarii dha.

Waa'ee monoyitizimi mormiwwan seenaa jiran beekamtii irratti kan hundaa'aan walfalmiwwan shakkiidhaan shakkamanii argamu, garuu tokkummaan Waaqa tokkichaa amantawwaan addunyaa irratti dhiiphaa akkamii qabaachaa akka turee dinqisiisaadha. Yaad-rimeen Jijjirama tirannaa amantiiwwani guddinni dhugaa jijjirama tirannaa irratti yeroo ilaalamu, dhaloota amanti duraanii sadarkawwan kan isaan argisiisan "kan durii" aadaawwan kan argaman jijjirama tirannaa dursa jijjirama tirannaa Antiropolojistii dha. Garuu yaad-rimee jijjirama tirannaa kana irratti rakkinonni jiran baay'ee dha. 1)Kan inni ibsu guddina akka kanaa argamee hin beeku, aadaa kam iyyuu keessatti waa'ee Waaqa tokkichaa kan wali simsiisuu waan jiru hin fakkaatu, dhugaan isaa garuu faallaa fakkaata 2) Tooftaan Antiripolojistootaa "Kan durii" kan jedhu hiikni teknoloojii wajjin kan wal qabatee dha. Garuu aadaa murtaa'ee keessatti qaamni baay'een akka keessa jiru bu'uura baay'ee olaanaa dha 3) Sadarkaawwan baratamaan baayinaan badeera yookaan irra darbeera 4)Xumura irratti baay'een waaqa tolfamoo baay'ee kan waaqeessan aadaawwan yeroo duraan turanitti turan fillannoo guddinaa akka mul'isaan argisiisu.

Nuyi wanti nuyi argannu Waaqa tokko, dhiira, samii irra kan jiraatu, beekumsa guddaa fi humna kan qabu,addunyaa kan uume, nuyi itti gaaffatamoo kan ittii taanu barreessa namuusaa, fi nuyi kan hin abboomamne fi sababa kanaaf itti gaafatamo kan taane garuu karaa walitti araaramnummo fideera. Amnatiiwwan hunduu jechuun kanaan dura yeroo murtaa'eef Waaqa kana garaagaummaa godhu. Sababa kanaaf amantaawwan baay'een Waaqa tokkich waaqessuu irratti hundeeffamanii gara "waaqa tolfamoo" gara hafuura hamaa fi gara wali galuutti kan siqan hin fakkaatan – faallaa isaan miti. (Musilimummaan baay'ee kan hin baratamnee dha) sochii kanaan yoo ta'e waaqa tolfamoo heeddu waaqessuu tokkummaan kan guutame yookaan garaa garummaan kan guutamee dha. Waaqeeffannaan kun waaqa tolfamaa akka kadhatuufitti godhatee kan qabatu amnataa waaqa tolfamoo ti, muraasni isaanii waaqa tolfamoof akka warra namaaf kadhatanii ta'aanii hojjetu.

Kan falaasamaa/ faallawwaan og-waaqummaa monoteyizimiif_ walfalmiwwaan falaasamaa baay'een jiru, inni tokko qofaan jira jedhanii kan hin dandeesifne yaadootni falaasamaa baay'een jiru. Isaan kana keessaa baay'een isaanii waa'ee haala qabatamaa kan mul'isu caalaa ejjennoo dhugaa waan ijaan argamuu irratti baay'ee baay'ee dha. Haala gaddisiisaan barreefamaa gabaabaa kana keessatti kan akka kanaa beekumsa falaasama kanaa qo'achuuf fi bu'uura ejjennoo monoteyizimii kanaaf falmuuf kan hin danda'amnee dha garuu dhugummatti boqochuun ni danda'ama falaasama cimoo ta'aanii fi bu'uurawwan og-waaaqummaa waa'ee dhugaa kanaa waggootaaf gara booddetti deebi'anii ilaaluun ni danda'ama, (baay'een isaanii odeefannoo amantii dhuunfaa ti) gabaabaatti egaan isaan kanaa dha qayyabachuuf akka filannuuf kan itti aananii dha.

1. Waaqa tokkoon ol ta'e hawaa turee seera uumamaan baay'ina uumtootaa irraa kan ka'e wal makaa ta'aa ture, garuu wal makaa miti egaa kan jiru Waaqa tokkicha.

2. Waaqayyo Waaqa guutuu waan ta'eef Waaqni kan biraan lammaffaan jiraachuu hin danda'u yookaan bifa murtaa'een kan gara garaa ta'uun isaan irra waan jiruuf guutuu qulqullummaan isa kan adda ta'e muraasni immoo Waaqayyoon ta'u hin danda'u.

3. Waaqayyoo olaantummaa isaan guutuu ta'ee amma jirutti qoqodama qabaachuu hin danda'u (kutaa kan qabuu daangaa kan hin qabne ta'uu hin danda'u). Jiraachuun Waaqayyoo qoodama isaa erga hin taane (olaantummaa kam iyyuu kan qabuu ta'uu isaati yookaan kan hin taanee dha) kanaaf daangaa kan hin qabne olaantummaa qabaachuutu irra jiraata. Egaa daangaa kan hin qabne qaama lama qabaachuu hin danda'an inni tokko kan biraa irraa adda kan ta'uu ta'uutu irra jiraata.

Namni tokkoo qoqoodama waaqa tolfamoo baay'ee kana mormuu ni danda'aa. Ta'us kun akka sagalee Waaqayyootti soba ta'uu isaa ni beekna, yaad-rimeen ofii isaan rakkoo tokko iyyuu hin qabu. Qooqa kan biraadhaan Waaqayyo kutaa waaqa tolfamaaf sadarkaa hojjeteera, sababa kana hin gooneef ta'uu danda'a. Godheera osoo ta'ee waaqni tolfamoon muraasa ta'u turan wantootni uumaman akka ergamaatti ta'uu danda'u (Faru. 82) kun qaama hafuuraa qabaachuu hin danda'u kan jedhu monoyitizimii kan miidhu miti, Waaqi tokko ol jiraachuun hin danda'u.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqa tokko waaqeessuun nuuf mirkanaa'uu ni danda'aa?
© Copyright Got Questions Ministries