settings icon
share icon
Gaaffii

Maaliif Waaqayyo hinaafaa dha?

Deebii


"Hinaafaa" jechi jedhu akkamitti faayidaa irra akka oolee hubachuun barbaachiisaa dha. Isa ibsuudhaaf Bau. 20:5 keessatti faayidaa irra kan oole cubbuu hinaaffaa ibsuudhaaf kan fayyadaman keessaa kan adda ta'ee dha. (Gal. 5:20) "Hinaafaa" jecha jedhu kan itti fayyadamu waan nama tokko ta'e irratti. Namni tokko namni kan biraa konkoolaataa gaarii yookiin mana (qabeenyaa) waan qabuuf itti hinaafuu yookaan miqenyaa'uu danda'a. Yookaan namni tokko dandeetti nama tokkoon fakkeenyaaf dandeetti atilitiksii waan qabuuf nama kan biraa irratti hinaafuu donna ta'uu danda'a. Fakkeenyi kan biraan immoo namni tokko bareedina nama kan biraa irratti donna ta'uu yookaan inaaafuu danda'a.

Bau. 20:5 keessatti Waaqayyo kan inaafuuf namni tokko waan barbaadu yookaan waan isa barbaachiisuu waan qabuuf miti. Ba'uu 20:4-5 akkas jedha "Bifa qirixame, fakkeenya wanta ol waaqa irra jiruu, gad lafa irra jiruu, yookiis bishaan keessa lafa jala jiru hin tolfatin. Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjetin! Ani Waaqayyo gooftaan kee hinaafaa ta'uu hubadhu.

Luqisiwwan kun kan isaan dubbatan Waaqayyoof isa qofaaf waaqeefannaa gochuu caalaa warra sana waaqa tolfamoo godhanii waa'ee sagaduu fi waaqa tolfamoo sanaa waaqeessu irratti. Waaqayyo kan isaa kan ta'ee abbummaa waaqefannaa fi tajaajilaa qaba. Inni (Waaqayyo abboommi kanaan akka ibse) Waaqayyo irra adda kan ta'e wanti kam iyyuu waaqessuu yookaan tajaajiluun cubbuu dha. Nuyii kan nuyi hin qabne namni kan biraan qabaachuu sana yeroo hawwinu fi yeroo hinaafnu inni hinaafaadha. Jechi hinaafaa jedhu Waaqayyo ani hinaafaa dha yeroo jedhu karaa adda ta'eenii dha. Isa kan hinaafuu waaqeffannaa isa qofaaf ta'u fi tajaajillii kan biraaf yeroo kennamuu dha.

Tarii fakkeenyi addaa tokkoo garaagarummaa isaa akka hubannu nu dandeesisa. Abbaan manaan tokko namni tokko haadha manaa isaa wajjin akka basha'u yoo itti dhagaa'amee mirga hinaafuu qaba, haadha manaa isaa tuttuquun mirga kan qabu isa qofaa dha, hinaafaan akka kanaa cubbuu miti. Irra caalmaan guutuu guutuutti ta'uu kan qabuu dha. Waaqayyoo siif waan qabduun hinaafuun ta'uu kan qabuu dha. Hinaafaan kan nuyi qabnuu fi waan barbaannu hawwuu dha. Waaqeffannaa galata kabajaa fi ulfina isa qofaaf sababni isaa dhugumatti isa qofaaf. Kanaaf, Waaqayyoo waaqefannaa galata ulfina waaqa tolfamaaf yeroo kennamu hinaafaa dha. Kanas ergamaan Phaawulos 2Qorontos 11:2 keessatti hinaaffaa inni ibsee dha "Hinaaffaa Waaqayyootiin isiniifan hinaafa…"

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Maaliif Waaqayyo hinaafaa dha?
© Copyright Got Questions Ministries