Kitaabni qulqulluun waa’ee uumuu fi jijjirama suuta suutaa maal jdha?



Gaaffii: Kitaabni qulqulluun waa’ee uumuu fi jijjirama suuta suutaa maal jdha?

Deebii:
Waa’ee uumuu fi waa’ee jijjirama suuta suutaa falmii saayinsaawaa dhi’eessuu deebii gaaffii kanaaf kaayyoo miti. Waa’ee uumuu fi faallaa jijjirama tirannaa falmii saayinsii kitaaba seeraa uumamaa fi waa’ee qorannoo uumamaa kan godhan dhaabbata cimsineeeera. Kaayyoon barreefama kanaa akka sagalee Waaqayyootti uumuu fi yaada falmii jijjirama tirannaa maaliif akka jiraatu ibsuudhaaf Rome.1:25 akkas jedha “Isaan dhugaa waa’ee Waaqayyoo sobatti jijjiraniiru; Waaqayyon isa hundumaa uume, dhiisanii, uumamaas sagadanii, hojjetaniif. Waaqayyo garuu bara baraan galateeffamaa dha! Ameen.” Walfalmicha keessatti dhimmi inni guddaan baay’een isaanii jijjirama tirannaatti akka amanan saayintistoonni ofuma isaaniitti Waaqayyootti kan hin amanne yookaan jireenya boodee jireenyi biraan hin jiru jiraachuu Waaqaas hin beeknu jedhanii kan amananii dha. Kan biro muraasni immoo jiru Waaqayyo jira jedhanii kan amanan yaada jijjirama tirannaa jedhu qabatanii kan biro ilaalcha diyestikii kan qabatan jiru. (Waaqayyo jira garuu wanta addunyaa kana gidduu hin gallu wanti ta’u hundumtuu seera uumama isaati hordofee kan ta’uu dha.) kan biroon muraasni dhugaadhaa fi amanamummaadhaan odeeffannoo kan argisiisanii fi jijjiramni adeemsa tiranaa caalaatti ragichaa wajjin wal simata gara jedhuutti murtoo irra kan gahan jiru. Haa ta’uu malee kun kan inni bakka bu’uu baay’ee muraasa kan ta’an tirannaa jijjiramaa saayintistoota adeemsiisani dha. Saayintistootni tirannaa jijjiramaa heedduun isaanii jireenyi walummaa galatti gidduu galuu hunma ol aanaa tokko malee kan sochoo’u yaada jedhu qaba. Adeemsi jijjirama tirannaa hiiki isaa saayinsii uumamatti amanu jechuu dha.

Waaqa kan hin qabne nama gantuudhaaf jirenyi addunyaa eessaa akka dhufee Waaqa uumee ala fillannoo ibsa biraa isa barbaachiisa. Kan akka yaada jijjirama tirannaa qabuu kan amanan Chaarlis Daarwiniin dursee kan turee yoo ta’uus yeroo jalqabaatiif amansiisaa kan fakkaatu uumama irraa kan filamee adeemsa jijjirama tirannaa modeela isaa barreessee kan qopheesse isa. Daarwin yeroo tokkootti ani kristaana jedhaa ture, haa ta’uu malee haala gaddisiisaa tokko tokkoon jireenya isaa mudachuudhaan amantaa kristaanaatii fi jiraachuu Waaqayyoo gane.Adeemsi tirannaa kan uumame nama Waaqa ganeen. Kaayyoon Daarwiin jiraachuun Waaqayyoo soba ta’uu isaa amansiisuudhaaf hin turre.Inni adeemsa tirannaa jijjiramaatiin firii isa dhumaa keessaa isa tokko. Adeemsa jijjirama tirannaa jiraachuu Waaqayyoo ganuu kan fidee dha.

Kaayyoon qoratoota jijjirama adeemsa tirannaa jireenyi eessaa akka argamee ibsa filannoo laachuudhaaf akka ta’e amanuu hin barbaadan, fi fedhii isaaniitiin ganuudhaaf ka’umsa ta’an garuu akka sagalee Waaqayyootti yaadi jijjirama tirannaa sababni isaa sirritti isa:

Kitaabni qulqulluun yeroo dubbatu:- “Dhibba’aan laphee isaatti. Waaqni hin jiru jedha”. (Faru. 14:1; 53:1). Kitaabni qulqulluun namoonni kan uuman Waaqayyootti amanuu dhiisuu isaanii dhiifama akka hin arganne ni dubbata. “Bifni isaa ijaan hin argamne, garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuun in danda’a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban.” (Rome. 1:20) akka sagalee Waaqayyootti jiraachuu Waaqayyoo kan ganu namni kam iyyuu gowwaa dha. Garuu maaliif namoonni baay’ee kristaanonnii illee osoo hin hafiin odeefannoo ademsa jijjirama tirannaa saayintistootaa osoo hiikaanii kan fudhatan? Akka sagalee Waaqayyootti hundumti isaanii gowwa dha! Gowwaa ta’uun hir’ina dandeettii yaaduu hin agarsiisu. Saayintistoonni baroota gidduutti dandeetti yaaduu gaarii kan qabanii dha. Gowwummaan kan inni argisiisu beekumsa sirriitti hojii irra oolchuu dadhabuu dha.Fak. 1:7 akka nutty himuutti:- “Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogumma ti, gowwoonni garuu ogummaa fi barsiisa in tuffatu.”

Qoratoonni adeemsa jijjirama tirannaa uumuu fi yookaan seeraan kan caasefamee irratti saayinsaawwaa kan hin taane fi qorannoo saayinsiitii fi gatii kan hin laannee jechuudhaan ga’isu. Wantootni tokkoo saayinsaawaa akka ta’uu waan tokko akka qabatu qoratamuu kan danda’uu sababa uumamaa kan kennu ta’uu qaba jedhanii falmu.Uumuun hiiki isaa dandeettii namaatii fi amala namaatiin ala jechuu dha. Waaqayyo dandeentii namaatiin ol wanta ta’e qabatamaadhaa fi qoratamuu kandanda’uu miti jedhanii falmii isaanii itti fufu. Hojii uumuutiin caaseefamni seeraan caaseefame saayinsaawaa goonee fudhachuu hin dandeenyu.Dhugaadha yaadni jijjirama tirannaa koo yoo ta’ee qabatamaa ta’uudhaa fi qoratamuu hin dand’u, haa ta’uu malee yaadni jijjirama tirannaa kun yaada jijjirama tirannaa kan adeemsiisaniif dhimma isaanii natty hin fakkaatu. Keessa isaa odeefannoo hundumaa kan qabu beekumsa gahaa dursee kan hojjetaman yaadoota uumaman, dursamee kan tilmaamee calalamee cuunfamee yeroo darban dursee fudhatama kan argate yaadi jijjirama tirannaa ibsa dabalataa tokko malee tilmaama keessa kan galu ta’a.

Ta’us garuu argama uumama addnunyaa fi argama jireenyaa qorachuu fi ilaaluun kan hin danda’amnee dha. Lammanuu hojii uumuus ta’ee adeemsa jijjirama tirannaa waa’ee argma wantootaa (origin) argama kan argisiisuu amantii irratti seera amantii irrati hundaa’eedha kan inni qabu. Lammanuu isaas qorachuu hin dandeenye, sababni isaa waggoota milliyenaan lakkaa’aman gara duubaatti deebinee waa’ee argama wantootaa (origin) uumama addunyaa irraa kan ture hubachuu hin dandeenyu.

Adeemsi jijjirama tirannaa hojii uumuu mormeera kana irraa ka’uudhaan isaanis adeemsa jijjirama tirannaa argama wantootaa (origin) argama isaatii fi ibsa saayinsaawaa mormuudhaaf dirqamee akka ture yaaduun ni danda’ama. Yoo xinnaatee adeemsi jijjirama tirannaa waa’ee argama wantootaa (origin) hojii uumuu hiika saayisaawaa wajjin akka walii hin galle akkasumatti adeemsi jijjirama tirannaa walii hin galu. Adeemsi jijjirama tirannaa tarii waa’ee ka’umsa wantootaa qorachuu kan danda’u qophaa isaa ibsa, adeemsi jijjirama tirannaa argama wantootaa (origin) “qophaa isaa saayinsaawaa” jennee fudhachuu kan dandeenyuu yaad-rimee dha. Kun gowwumaadha! Adeemsa jijjirama tirannaa kan adeemsiisan qoratoonni argama wantootaa isa sirrii (origin) dhugaa isaa amanamummaan qoratanii osoo hin hubatin dhiphummaa isaanii irraa yaada isa sirrii irraa kan bahee qorannaa saayinsii hiika isaa wajjin waan walitti isaaniif hin dhufne qofaaf mormu.

Hojiin uumuu sirrii yoo ta’ee nuyi kan itti gaaffatamnuuf uumaan jira jechuu dha. Adeemsi jijjirama tirannaa ganuudhaaf Waaqni akka hin jiree kan argamsiiseedha. Adeemsi jijjirama tirannaa ganuu keessa kan jiraataniif jireenyi akkamitti uumaa Waaqayyoo dhaa ala jiraachuu akka danda’ee yaada ka’uumsaa laata. Jijjiramni tirannaa lafa irratti jiraachuudhaaf barbaachisummaa Waaqayyoo gana. Jijjiramni tirannaa waaqa warra hin qabnee kan ta’an ganuutti kan amanan yaad-rimee uumuu “creation theory” dha. Akka sagalee Waaqayyootti fillannichi ifaa dha. Hundumaa kan danda’uu fi hundumaa kan beeku kan Waaqa keenyaa sagalee Waaqayyoo moo yookaan fudhatama kan hin qabne oli gadii kan dha’amee saayinsii gowwootaa amanuu dandeenya.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Kitaabni qulqulluun waa’ee uumuu fi jijjirama suuta suutaa maal jdha?