Kitaabni qulqulluun waa’ee ulfa baasuu maal jedha?



Gaaffii: Kitaabni qulqulluun waa’ee ulfa baasuu maal jedha?

Deebii:
Kitaabni qulqulluun ifatti waa’ee ulfa baasuu hin dubbatu. Ta’us garuu Waaqayyoo ilaalcha inni waa’ee ulfa baasuu qabu ifaa kan godhan barnootni baay’een sagalee isa keessa jiru. Erm. 1:5 Waaqayyo garaa keessatti osoo nu hin uumamiin akka nu beeku dubbata. Faru. 139:13-16 yeroo dubbatu Waaqayyoo uumamuu keenyaa fi gadameessa keessatti osoo hin uumamamiin ga’ee qabatamaa ibsa. Bau. 21:22-25 abada wal fakkaataa ta’ee da’ima gadameessa keessa jiran kan ajjeessuu kan godhee fi yakka du’aa kan raawwate irratti akka ta’u ibsa. Kun ifatti kan inni nutti mul’isu Waaqayyo da’iima gadameessa keessa jiru kan inni lakkaa’uu akka nama guutummaa guddina isaa xumureetti. Ulfa baasuu kristaanaatti mucaan durbaa akka fillannootti kan isheen fudhatu gaaffii mirgaa miti. Ta’us garuu fakkaatii Waaqatti nama uumamee dhimma du’aa fi jireenya murteessuuti. (Bau. 1:26-27, 9:6).

Jalqabatti ulfa baasuu kan ilaalatu yaadni Kristaanoota wal falmisiisu kan inni ka’u “Kan ulfoofte gudeedamuun yoo ta’e hoo” kan jedhuu dha. Dubartiin tokkoo kan ulfoofte haala dhiphisaan sababa gudeedamteef yookaan firoota giddutti wal qunamtii raawwatame yoo ta’e mucicha ajjeessuun deebii ta’uu ni danda’aa? Dogogorri lama waan sirrii tokkoo uumuu hin danda’anii. Sababa gudeediitiin da’imni dhalate jaalalan kan jiraatan garuu da’ima da’uu kan hin dandeenyeef kennamuu ni danda’aa yookaan haadhii guddisuu ni dandeessi. Irra deebiin da’iima homaa hin balleessine hojii hamaa abbaa isaatittiin adabamuun irra hin jiraatu.

Inni lammaffaan kan baratame ulfa baasuu kan ilaalate yaadni mormii kan inni ka’u “Jireenyi haadhaa balaa keessa yoo ta’e hoo,” kan jedhuu dha. Dhugummatti ulfa baasuu kan ilaalate gaafii kana deebisuun ulfaata dha. Jalqabatti yaaduun kan nurra jiraatu kana kan ilaalatu amma addunyaa keessatti ulfa baasuu raawwatamu keessaa 1/10 tokko kurnaffaa kan qabatuu dha. Lakkoofsaan kan caalaan dubartootni ulfa baasuu amansiisummaa isaa irra caalaa jireenya mataa isaanii gochuun kan raawwatamuu dha. Lamaffaan Waaqayyo Waaqa dinqii akka ta’e haa beeknu, Waaqayyoo jireenya haadhaas ta’ee mucaa rakkoo fayyaadhaan jiru darbee eeguu danda’a. Ta’es xumura irratti murtoo kana murteessuu kan danda’an abbaa manaa fi haadhaa manaa Waaqayyo wajjin ta’aniiti. Kan akkasi waan rakkisaan hidhatoota lama yoo isaan mudatee gochuun kan isaan irra jiraatu beekuudhaaf Waaqayyoon ogummaa kdhachuutu irra jiraata (Yaq. 1:5) 95 % kan ta’u ulfa baasuun yeroo ammaatti kan raawwatamu mucaa da’uu sababa dubartootni hin barbaanneef qofa dha.

Gudeedamuun yookaan maatii gidduutti wal qunamtii godhame: fayyaa haadha sababa godhatee kan raawwatamu dhibba keessaa 5 gadii dha. Dhibba keessaa 5 gadii kan ta’ee rakkoon fayyaa hamaan sababa illee yoo ta’e ulfa baasuun filannoo jalqabaa ta’uu hin danda’u. Gadameessa keessa kan jiru lubbuun namaa mucaan kam iyyuu akka dhalatuu yaliin godhamu hunduu ta’uu qaba.

Ulfa namoonni baasan cubbuun ulfa baasuu cubbuu kan biraa irraa haala adda ta’een dhiifamni godhamuu akka hin dandeenye itti yaaduutu barbaachisa. Kristoos Yesuusitti amanuudhaan cubbuun hunduu ni dhiifama. (Yoha. 3:16, Rom. 8:1, Qol. 1:14). Dubartiin ulfa baafte yookiis kan jajjabessee yookaan dhiirri deggere Dokteriin kana raawwate hunduus hunduu amantii Yesus Kristoosiin qabuun dhiifama fudhachuu ni danda’u.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Kitaabni qulqulluun waa’ee ulfa baasuu maal jedha?