settings icon
share icon
Gaaffii

Teessoon firdii Kristoos maaliidhaa?

Deebii


Roomee 14:10-13 ni jedha, “hundumti keenyaa teessoo firdi Kristoos dura ni dhaabbanna…egaa tokkoon tokkoon keenya waa’ee mataa keenyaa Waaqayyoof deebii laanna.” 2Qoro.5:10 nutti hima “gaariis ta’u yookaan hamaas yoo goone, tokkoon tokkoon fooniin utuu jiruu waan hojjete akka liqiitti fudhachuuf hundumti keenya teessoo firdii Kristoos duratti mul’achuun nuuf ta’a”. akka haala barreefamichaatti ifaa kan ta’ee, jechi qulqulluu lammanuu kiristaanoota argisiisu, warra hin amanne osoo hin taane. kanaaf teessoon firdii Kristoos, amantootni waa’ee jireenya isaanii Kristoosiif deebii akka kennan of keessatti qabata. Teessoon firdi Kristoos fayyina hin murteessu, sun kan murteessuu Kristoos bakka keenya aarsaa inni godhee dha (1Yoha. 2:2) akkasumas amanti nu isa irratti qabnu (Yoha. 3:16). Cubbuu keenya hundumtuu nuu dhiifameera, waa’ee isaatiifis raawwanne hin komatamnu (Roome 8:1). Firdii Kristoos ilaaluunis nurra hin jiraatu, Waaqayyo waa’ee cubbuu keenyaatiif akka nutty faraduu, ha ta’uu malee caalaatti Waaqayyo waa’ee jireenya keenyaatiif akka nu badhaasu malee. Eeyyee, kitaabni qulqulluun akka jedhuutti, waa’ee mataa keeyaa deebii laanna. Qoodachuun kanaa kan ta’uu dhugumatti waa’ee cubbuu hojjennee deebii laachuu dha. Ta’us, sun teessoo firdii Kristoos xiyyaafannoo duraa hin ta’u.

Teessoo firdii Kristoos irratti, amantootni ni badhaafamu, akkamitti Kristoosiin akka tajaajilan irratti hundaa’uudhaan (1Qoro 9:4-25, 2Xim. 2:5) kan nutty faradan wantoota tokko tokko keessaa, ergama isa guddaa dhaa ammam akka aboomamne (Mat. 28:18-20), cubbuu irratti ammam mo’icha akka qabaane ture (Roome 6:1-4) fi arraba keenya ammam akka to’annee (Yaaqoob. 3:1-9). Kitaabni qulqulluun, gonfoo akka fudhatan ni dubbataa, waa’ee wantoota adda addaatiif Kristoosiin akkamitti amanamummaan akka tajaajilan irratti hundaa’uudhaan (1ffaa Qoro. 9:4-27, 2Xim. 2:5). Gonfoo adda addaa ibsameera, 2Xim. 2:5, 2Xim 4:8, Yaaqoob. 1:12, 1Phex. 5:4 fi Mul’ata 2:10 irratti. Yaaqoob 1:12 guduunfaa fooyya’aadha, waa’ee teessoo firdii Kristoos akkamitti yaaduun akka nurra jiraatu “qoramsa keessatti kan jabaattu namni eebbifamaa dha, erga qoramee booda abdii jaallatan waa’ee isaatiif kan inni kennee gonfoo jireenyaa ni fudhata.”

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Teessoon firdii Kristoos maaliidhaa?
© Copyright Got Questions Ministries