settings icon
share icon
Gaaffii

Kristaanni sochii qaamaa gochuun irra jiraa?

Deebii


Jireenya keessaa akka warra jiraani kan biroon wantootni baay’een sochii qaamaa kan ilaalate daangaa wantootni darban jiru. Warri tokko tokkoo guutuu guutuu waan hafuuraa irratti kan xiyyaafatan sochii qaamaa isaanii hiraanfatu. Kan biroon ammaan olitti waa’ee qaama isaanii xiyyaafannoo itti kennuun jireenya hafuuraa hir’aanfatu. Lammanuu madaallii kitaaba qulqulluu gaaffatu. 1Xim. 4:8 kan inni nutti himu “Qaama waan fooniitiif shaakalchisuuf fayyada, Waaqayyoon fakkaachuun garuu kan ammaatii fi jireenya isa dhufuu abdii waan qabuuf, waan hundumaaf fayyada.” Ilaaluun kan nurra jiraatu kutaan kun sochiin qaamaa hin barbaachiisu hin jenne, ni fayyada jedheera garuu Waaqayyoon fakkaachuun duraan dursee bu’aa guddaa qaba jedheera.

Ergamaa Phaawulos waan hafuuraa hubachiisuuf sochii qaamaa 1Qor. 9:24-27 eerera. Jireenyi kristaanummaa badhaasa argachuuf fiigicha nuu fiignu jedheera. Argachuuf kan nu fiignu garuu kan bara baraatii fi hin badnee dha. 2Xim 2:5 “Namni dorgomee irra jiru akka seera isaatiitti yoo dorgome malee, gonfoo mo’ichaa hin argatu”. Sochiin qaamaa xiyyaafannoo kitaaba qulqulluu yoo hin taanees Phaawuloos labsiiwwan Atiletiksii haloota hafuuraa argisiisuuf kan inni fayyadame sochii qaamaa fi dorgomii gaariidhaaf akka fayyaduu waan ilaalatuuf. Nuun uumama hafuuraa akkasumaas uumama fooniiti. Akka sagalee Waaqayyootti jireenyi hafuuraa irra caalmaan xiyyaafannoo kan qabuu yoo hin taanes kan hafuuraa yookiinis qaama keenya foonii yeroo hir’aanfannu argamna.

Kanaaf ifatti kristaanni sochii qaamaa yoo godhee dogogora homaa hin qabu. Dhugumatti qaama keenyaaf kunuunsa barbaachiisaa akka goonuu kitaabni qulqulluun ifatti kaa’aa. (1Xim. 6:19-20). Haala wal fakkaataan kitaabni qulqulluun akkasumaan ta’uu ni morma (1Sam. 16:7, Fak. 31:30, 1Phex. 3:3-4). Sochii qaama kan nu goonu fayyummaa qaamaa keenyaa eeguudhaaf humna qaamaaf kan caalee argachuuf kaayyoo hafuuraa caaluu harka caaluu ofii keenyaaf kennuudhaan.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kristaanni sochii qaamaa gochuun irra jiraa? Kitaabni qulqulluun waa’ee fayyaa maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries