settings icon
share icon
Gaaffii

waa'ee sadan waaqa tokkichaa Macaafni Qulqulluun maal barsiisa?

Deebii


Dhimmi yaada kiristaanaa sadan waaqa tokkichaa hunda irra waanti ulfataan isa sana ifatti ibsuudhaaf karaan umtuu dhabamuu isaati. Yaadni sadan waaqa tokkicha guutummaatti hubachuudhaaf ilma namaa kamiifuu hin danda'amu, kophaatti ibsuudhaaf. Waaqayyo nuun irraa ammamntaan gararraa guddaadha; sababa kanaatiif, guutummaatti isa hubachuu dana'u hin eegnu. Macaafni Qulqulluun abbaan Waaqayyon akka ta'e, Yesus Kiristoos Waaqayyon akka ta'e Hafuurri Qulqulluunis Waaqayyon akka ta'e ni barsiisa. Macaafni Qulqulluun dabalataanis Waaqayyo tokkichi akka jiru ni barsiisa. Ta'us waa'ee walitti dhufeenyaa namummaa gara garaa sadan waaqa tokkichaa gidduu jiru dhugaa muraasa hubachuu dandeenya,inni sammuu namootaatiin hubachuuf kan nama rakkisuudha. Haa ta'u malee inni kun sadan waaqa tokkichaa dhugaa miti jechuu miti yookiin barsiisa Macaafa Qulqulluu irratti kan hundaa'e miti jechuu miti.

Sadan waaqa tokkichaa jechuun Waaqayyo namummaa(person) sadiidhaan jiraachuu isaati. Inni kun karaa kamiinuu waaqayyoo sadii akka hin mul'isne hubadhu. Jechi 'sadan waaqa tokkoo (trinity)' jedhu kun caaffata Qulqulaa'oo keessatti akka hin argamne yaadatti qabadhu. Inni kun jecha Waaqayyoo isa akkaataa sadiidhaan mul'ate agarsiisuudhaaf itti dhimma ba'ameedha, qaama sadan walqixxee ta'an kan Waaqaayyo ta'an. Waanti qabatamaan barbaachisaan yaadi jecha sadan waaqa tokkichaatiin agarsiifame caaffata qulqulaa'oo keessatti hin argamu. Kanatti aananii kan jiran sagaleen Waaqayyoo waa'ee sadan Waaqa tokkichaa kan inni jedhuudha.

1) Waaqayyo tokkichatu jira (Seera Ba'uu 6:4; 1 Qorntoos 8:4; Galaatiyaa 3:20; 1 Ximootewoos 2:5).

2) Sadan Waaqayyo tokkichi namummaa sadii qaba (Seera Uumamaa 1:1, 26; 3:22; 11:7; Isaayaas 6:8, 48:16, 61:1; Maatewoos 3:16-17, 28:19; 2 Qorontoos 13:14). Seera Uumamaa 1:1 keessatti, jechi Ibrootaa Elohim jecha danoomaa (plural) ittii gargaaramameera. Seera Uumamaa 1:26, 3:22, 11:7 fi Isayaas 6:8 keessatti maqadhaalli (pronoun) 'nuyi' jedhutti gargaaramameera. Jechi Elohim jedhuu fi maqdhaalli 'nuyi' jedhu lamaan isaanii bifa danoomaatiin jiru, kallattiin jecha Ibrootaa isa lamaa oli kan ta'e isa agarsiisuu. Ta'us inni kun sadan Waaqayyo tokkichaatiif falmii ifa ta'e miti, innis Waaqaqayyo baay'ee ta'uu isaa kan agarsiisu miti. Jechi Ibroota Waaqayyoodhaaf, Elohiim sadan Waaqayyo tokkichaatiif ni ta'a.

Isaayaas 48:16 fi 61:1, Ilmi Abbaa fi Hafuura Qulqulluu utuu eeruu dubbachaa jira. Ilmi dubbachaa akka jiru ilaaluudhaaf Isaayaas 61:1 Luuqaas 4:14-19 wajjiniin walbira qabii ilaali. Maatewoos 3:16-17 ta'umsa cuubamuu Yesus dubbata. Keeyyata kana keessatti kan ilaalame Waaqayyo Hafuura Qulqulluu Ilma irratti utuu gad bu'uu Waaqayyo Abbaan immoo ilma isaatti gammaduusaa dubbachuu isaati. Maatewoos 28:19 fi 2 Qorontoos 13:14 sadan waaqayyo tokkichaa keessatti qaama adda addaa sadii jiraachuu isaaniif fakkeenyoota.

3) Keeyyattoota garaa garaa keessatti keessatti miseensonni sadana Waaqa tokkichaa gara biraa irraa addatti baafamaniiru. Kakuu Moofaa Keessatti, 'GOOFTAA' kan jedhu 'Gooftaa' irraa adda adda. (Seera uumamaa 19:24; Hose'aa 1:4). Gooftaan ilma qaba (Faarsaa 2:7, 12; Fakkeenya 30:2-4). Hafuurri 'GOOFTAA' irraa addatti baadamee jira (Seera Lakkoofsaa 27:18) akkasuma 'Waaqayyoon' irraas (Faarsaa 51:10-12). Waaqayyi Ilmi Waaqayyo Abbaa irraa addatti baafamee jira (Farsaa 45:6-7; Ibroota 1:8-9). Kakuu Haaraa keessatti, Yesuus waa'ee isa namaaf dubbatuu, Hafuura Qulqulluu erguu Abbaatti dubbata (Yohaannis 14:16-17). Inni kun Ilmi Abbaa yookiin Hafuura Qululluu ta'uu isaatti akka of hinfudhanne agarsiisa. Yeroo kan biraas bakka Yesus Abbaa wajjin dubbate isaa wangeela keessaa ammas ilaali. Inni waa'ee ofii isaa dubbachaa jiraa? Lakkii. Inni sadan Waaqayyo tokkicha keessaa waa'ee qaama gara biraa dubbachaa jira- Abbaa.

4) Tokkoon tokkoon miseensa Sadan Waaqayyo tokkicha Waaqayyoodha. Abbaan Waaqayyoodha (Yohaannis 6:27; Roomaa 1:7; 1 Pheexroos 1:2). Ilmi Waaqayyoodha (Yohaannis 1:1, 14; Roomaa 9:5; Qolaasaayis 2:9; Ibroota 1:8; 1 Yohaannis 5:20). Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoodha (Hojii Ergamootaa 5:3-4; 1 Qorontoos 3:16).

5) Sadan Waaqayyo tokkicha Waaqayyoodha gidduu sadarkaan jira. Caaffatni Qulqulaa'oon Hafuurri Qulqulluun Abbaa fi Ilmatti aanee akka jir, Ilmi immoo Abbaatti aanee akka jiru isa sana ni agarsiisa. Inni kun walitti dhufeenya bara baraa jara gidduu jiruu dha innis Waaqayyummaa qaama sadan Waaqayyo tokkichaatiin kan mormu miti. Inni kun salphaadhumatti bakka sammuun keenya inni daangaa qabu Waaqayyoon isa daangaa hin qabne hubachuu hin dandeenyeedha. waa'ee Ilmaa ilaalchisee Luuqaas 22:42, Yoohaannis 5:36, Yoohaannis 20:21, fi 1 Yoohaannis 4:14 ilaali. Hafuura Qulqulluu ilaalichisee Yoohaannis 14:16, 14:26, 15:26, 16:7, fi keessattuu Yoohaannis 16:13-14 ilaali.

6) Miseensi Sadan Waaqayyo tokkicha mataa mataa isaaniitti hojii adda addaa qabu. Abbaan burqaa isa xumuraa fi ka'umsa wayyaba kanaati (1 Qorontoos 8:6; Mul'ata Yohaannis 4:11); ); mul'ata Waaqayyummaa (Mul'ata Yohaannis 1:1); fayyina (Yoohaannis 3:16-17); hojii namummaa Yesuus (Yoohaannis 5:17, 14:10). Abbaan waantota kana hundumaa fi ka'umsa.

Ilmi karaa Abbaan waantota kanaa gad jiran ittiin raawwateedha: Umamuu wayyabaa kanaa fi eegamuu isaa (1 Qorontoos 8:6; Yoohaannis 1:3; Qolaasaayiis 1:16-17); Mul'ata waaqayyummaa (Yoohaannis 1:1, 16:12-15; Maatewoos 11:27; Mul'ata Yohaannis 1:1); fi fayyina (2 Qorontoos 5:19; Maatewoos 1:21; Yoohaannis 4:42). Abbaan kana hundumaa karaa Ilma isaa raawwata, akka ergamaa isaatti kan hojjetu.

Hafuurri Qulqulluun karaa Abbaan waantoota kanaa gad jiran ittiin hojjeteedha. Uumuu fi eeguu wayyanbaa (Seera Uumamaa 1:2; Iyoob 26:13; Faarsaa 104:30); Mul'ata waaqayyummaa (Yohaannis 16:12-15; Efeesoon 3:5; 2 Pheexroos 1:21); fayyina (Yohaannis 3:6; Titoos 3:5; 1 Pheexroos 1:2); hojii Yesus (Isaayaas 61:1; Hojii Ergamootaa 10:38). Kanaaf Abbaan hojii kana hundumaa kan hojjete humna Hafuura Qulqulluutiin.

Sadan waaqayyo tokkichaa fakkeenyaan cimisanii agarsiisuu yaaliin baay'een ni jiraatu. Haa ta'u malee, faakkeenyaalee beekamoo kana keessaa guutummaatti kan sirrii ta'an hin jiran. Hanqaaquun yookiin (poomii) kan kufuuf qolli isaa, inni addiinii fi waakkaan kutaa hanqaaquuti, mataan isaanii hanqaaquu sana miti, akkuma qolli, foonnii fi friin kutaa poomii sanaatii malee poomii sana akka hin taane. Abbaan Ilmi Hafuurri Qulqulluun kutaa Waaqayyoo akka hin taanee; tokkoon tokkoon isaanii Waaqayyoodha. Fakkeenyi bishaanii kana irraa caalaa gaariidha, garuu amma iyyuu sadan Waaqayyo tokkichaa ibsuudhaaf ga'aa miti. Dhangala'aan, hurka(vapor) fi cabbiin bifa bishaaniiti. Abbaan Ilmii fi Hafuurri Qulqulluun bifa Waaqayyoo miti, tokkoon tokkoon isaanii Waaqayyoodha. Kanaaf, fakkeenyaaleen kunniin tarii fakkeenya sadan waaqayyo tokkichaa nuuf kennuu danda'u ta'a, fakkeenyi guutummaan sirrii miti. Waaqayyo inni daangaa hin qabne fakkeenya daangaa qabeessa ta'een guutummaatti hin agarsiifaamu.

Barnootin sadan waaqayyo tokkichaa seenaa waldaa kiristaanaa keessatti dhimma walii hin galamne ta'ee tureera. Ta'us ijoon waa'ee sadan waaqayyo tokkichaa sagalee Waaqayyoo keessatti ifatti dhiyaateera, gama tokko tokkoon sirriitti ifa miti. Abbaan Waaqayyoodha, Ilmi Waaqayyoodha, Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoodha- garuu Waaqayyo tokkicha duwwaatu jira. Inni barnoota Sadan waaqayyo tokkichaa kan Macaafa Qulqulluuti. Isa sana gararraa, dhimmooleen kunniin amma ta'een, kan falmii kaasan fi barbaachisaa kan ta'an miti. Sammuu keenya daangaa'aa kanaa sadan waaqayyo tokkichaa ibsuudhaaf yaaluu manna, guddina Waaqayyoo fi uumama gararraa ta'uu isaa irratti xiyyeeffannoo taasisuudhaan taajaajilamuu keenya wayya. 'Badhaadhummaann araara Waaqayyoo ammam guddata! Oogummaan isaa fi beekumni isaa hammam guddaa fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin ga'u! karaa isaas namnni faana dha'ee hin hubatu! Caaffata keessatti iyyuu, eenyutu takkaa yaada garaa Waaqayyoo beeka ree? Yookiin eenyutu gorsa kennuufii danda'e ree? ' (Roomaa 11:33-34).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

waa'ee sadan waaqa tokkichaa Macaafni Qulqulluun maal barsiisa?
© Copyright Got Questions Ministries