settings icon
share icon
Gaaffii

Kan wal fuudhaan kristaanonni lamaa qunamtii saalaa gochuun kan hiyyamameefi/kan hin hiyyamamneef maaliidhaa?

Deebii


Kitaabni qulqulluun ni jedha “gaa’illi hundumaa biratti ulfina qabeessa cisiichi isaas qulqulluu ha ta’u, halalee fi ejjitootni garuu Waaqayyo itti farada” (Ib. 13:4). Qulqulluun sagalee isaa abbaa manaa fi haatii manaa qunamtii saalaatiin maal gochuun akka irra jiruu fi maal gochuun akka irra hin jire raawwatee hin ibsu. Abbaa manootii fi haati manooti abboomamaniiru, “wali galtanii yeroodhaa fi yoo ta’uudhaa baateee wali wali keessan hin dowwatina (1Qor. 7:5a). lakkoofsi kun tarii gaa’ila keessa kan jiraatuu qajeelfama qunamtii saalaa teesisa. Wanti tokko iyyuu yeroo godhamuu wali galteedhaan ta’uutu irra jiraata. Eenyu iyyuu jajjabeefamuu yookaan wal dhiibuun irra hin jiraatu, inni yookaan isheen kan isaaniif hin taanee yookaan sirri miti jedhani kan yaadan. Abbaa manaa fi haati manaa lammanuu wanta tokkoo yaaluuf yoo wali galan (fakkeenyaaf, wal qunamtii afaanii, kallatti adda addaatiin, qunamtii saalaa kan argisiisuu, kan kana fakkaatuu) egaa kitabni qulqulluun kana akka hin goone sababa tokko iyyuu hin kaa’u.

Wanti muraasi jiru, haala qunamtii saalaatiin namoonni lamaan wal fuudhan raawwatanii kan hin hiyyamne. “irraa hafaa argachuu” (sadii tokkoon, afur tokkoon, k.k.f) ejja ifa ta’eedha (Gal. 5:19, Efe. 5:3, Qol.3:5, 1Tas. 4:3). Ejji cubbuudha, hiriyaan gaa’ilaa yoo hiyyame iyyuu, yoo mirkaneeseef iyyuu, yookaan immoo yoo irratti hirmaate. Paarnogiraafii “hawwii fooniiti fi hawwii ijaa” ittiin qabama (1Yoha. 2:16) kanaaf Waaqayyoodhaan ceepha’ameera. Abbaa manaa fi haatii manaa paarnogiraafii raawwatanii gara tokkummaa qunamtii saalaa isaanitti fiduun irra hin jiraatu. Isaan kana wantoota lamaan kana irraa kan hafee qulqulluun sagalee isaa adda baasee kan inni dhorkuu hin jiru, abbaan manaa fi haatii manaa wali walii isaaniiti akka godhan wali galteedhaan amma ta’eetti.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kan wal fuudhaan kristaanonni lamaa qunamtii saalaa gochuun kan hiyyamameefi/kan hin hiyyamamneef maaliidhaa?
© Copyright Got Questions Ministries