settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?

Deebii


Salphumatti kaa’uuf, qajeelummaa jechuun haqummaa labsuudha. Qajeelummaan gocha Waaqayyo namni cubbamaa tokko amantii Kiristoos irraa qabu irraa ka’uun qajeelummaa isaa labsudha. Hundeen yaada qajeelummaa labsii Waaqayyoo, abbaa murtii qajeelaa, namni kiristoositti amanu tokko cubbamaa ta’us qajeelaadha jedhamee labsamudha. Sababiiin isaas inni karaa Kiristoosiin kara qajeelummaatti waaqayyo waliin walitti dhufedha.

Sirritti yoo hubatame, qajeelummaan, labsii Waaqayyo waa’ee nama cubbamaa sanaa godhu wajjin wal qabata malee jirjjiirama keessoo cubbamaa sanaa miti. Sana jechuun qajeelummaan nama tokkoo qulqulluu isa taasisa utuu hintaane lbsii Waaqayyo nama sana waaqayyoon duratti akka nama qulqulluutti akka ilaalamu labsudha. Jijjiiramni qabataa karaa qulqulummaa nama cubbamaa tokkoo qajeelummaa wajjin kan walqabatu ta’us hiikaa addaa qaba.

Kutaan macaafaa waa’ee qajeelummaa amantoota wajjin walqabatee ibsu Roomaa 3:21–26. “Amma garuu karaa seerichaa utuu hinta’in, kaqaa namni ittiin qajeelaa ta’u, Waaqayyo biraa mullateera; seerrii fi rajonni karaa kanaaf dhugaa ba’aniiru. Namni Yesus Kiristoositti amanuudhaan fuula Waaqayyo duratti qajeelaa nita’a; kana irratti warra amanan hundumaaf garaagarummaan hinjiru. Hundinuu yakkaniiru, ulfinni waaqayyoos isaanitti hirrateera. Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kirstos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta’u. Inni dhiiga isaa dhangalaasee du’uudhaan warra isaanitti amananiif, mi’a araaraa haata’uuf Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta’e mul’isuudhaaf kana godhe; obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf. Bara snaattis Waqayyo qajeelummaa isaa agarsiisuuf inni ofii isaa qajeelaa ta’uu isaa, nama yesuusitti amanus qajeelaa gochii isaa mulliseera”. Qabxiilee barbaachisaa waa’ee qajeelummaa hibachiin barbaachisaadha.

● Qjeelummaan seera irraa adda dha. Kana jechuunis qajeeluumaa seera eeguudhaan yookaan hojii gaarii keenyaan kan argannu miti.
● Qajeelummaan kan aramuu danda’u du’a aarsaa Kiristoos keessatti; dhiiga Kiristoos dhangala'e irratti kan hundaa'edha .
● Qajeelummaan kennaa waaqayyoo tolaan warra aarsaa Yesus Kiristositti amananiif kennamudha.
● Qajeelummaan qulqullummaa waaqayyoo agarsiisa.

Waaqayyo cubbamaa qajeelchuu isaa wajjin kan walqabatan wantoota hedduudha:
1. Dhiifama adabbii cubbuu isa du’a ture (Roomaa 3:23; 8:1; 1 Phexros 2:24).
2. Sababa cubbuu keenyaan kan’e gara tola Waaqayyoo isa badee turetti deebi’uu (Yohaannis 3:36). Kanaafuu, qajeelumman bilisa ta’uu caalaa dha. Fudhatama guutuu arachuudha.. Amma fira Waaqayyoo jedhamanii waamamuu(Yaaqoob 2:23) fi Kirisoos waliin dhaaltota ta’uudha (Roomaa 8:17).
3. Qajeelummmaatti lakkaa’amuun, qajeelummaa Kiristoositti amanuudha (Roomaa 4:5–8). Nuti qajeeltota ta’uun keenya seeraan labsameera. Sbabiin isaass “Waqayyo isa cubbuu tokko illee hinqabne, nuti karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka arganutti, nuuf jedhee cubbamaa isa godheera” (2 Qorontos 5:21).

Nuti yeroo fayyinina arganne sanatti, qajeeloo taanee labsamne. Yesuus Kiristoos qajeelummaa keenyyaaf waan barbaachisu fannoo irratti xumure. “Kanaafis amma nuyi dhiiga isaa isa dhangala’een qajeelota erga taanee, hammam caalaatti isumaan immoo dheekkmsa Waaqayyoo jalaa ooluuf jirra!” (Roomaa 5:9). Yeroo sana ture “Yesus irra daddarbaa keenyaaf du’atti dabarfamee kenname, qajeelummaa akka argannuufis du’aa kaafame” (Roomaa 4:25).

Gaaffiin ka’u, “Qajeelummaan haqa qabeessaa? Inni qulqulluu yoo ta’e, Waaqayyo akkamitti cubbamaa yakkamaa ta’eef dhiifama gochuu danda’a?” kan jedhudha. Deebiin isaa qajeelummaan cubbuu keenyaaf nuundhiisu, cubbuu keenya bira hindarbu, akkasummas cubbuu keenya hin deggeru. Garuu adabbiin cubbuu keenya guutummaatti raawwatamee jira. Kiristoos adabbii keenya nuuf fudhateera. Inni bakka bu’aa keenya ture (1 Phexros

3:18). Sababiin isaa dheekkamsi Waaqayyoo Kiristoosiin waan deebi’eef (Isaayaas 53:4–6), nuti firdii jalaa bilisa baane (Roomaa 8:1), Waaqayyos “ofii isaa qajeelaa ta’ee, nama Yesuusitti amanus qajeelaa taasise” (Roomaa 3:26).

Waaqayyo ayyaana Kiristoositti amanuudhaan qajeelota waan nu godhuuf amma Waaqayyoo wajjin nagaa qabna (Roomaa 5:1). Akkuma lubicha Iyaasuu, Waaqayyo “uffata xuraa’aa” keenya (Zakaariyaas 3:4) nurraa baaseera. Akkasumas, . akkuma fakkenya ilma bade argame sanaa “uffata hundarra gaarii” (Luq 15:22) uffannee jirra. Waaqayyo Abbaan akka waan mudaa hin qabneetti nu ilaala, nuti immoo “hojii gaarii hojjechuudhaaf” of kennuu qabna (Tiitoos 3:14).

Roomaa 5:18–19 keessatti waa’ee bu’uura fi bu’aa qajeelummaa ibsa: “Egaa irra daddarbuun nama tokkichaa(Addaam) nama hundumaatti yakka mursiise, qajeelchuun nama tokkoo(Yesu Kirsitoos) immoo namoota hindumaatti firdii qajeelummaa argachiisee hinjiraachisa Akkuma abboomamuu nama tkokkootiin baayyeen cubbamoota ta’an, abboomamuu nama tokkootiin immoo akkasuma baayyeen qajeelota nita’u.”

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Qjeelummaan maali?
© Copyright Got Questions Ministries