Kitaabni qulqulluun waa’ee qabiinsa qarshii maal jedha?



Gaaffii: Kitaabni qulqulluun waa’ee qabiinsa qarshii maal jedha?

Deebii:
Kitaabi qulqulluun waa’ee horii bulchuu baay’ee waan jedhu qaba. Waa’ee horii liqeeffachuu kitaabi qulqulluun faallaan gorsa. Fak. 6:1-5, 20:16, 22:7, 26-27 haa ilaalu. (“Abbaan qabeenyaa hiyyeesota ni bita, inni liqeefatu garbicha isa liqeessuuti. Harka isaanii wal simsisanii akka rukkutan, gatiin kan irra jiruuf akka ergifatan hin ta’in amala kee hin kaffalle hafaa kee si gadii kan jiruu waa’ee maalii fudhata. Irra deddeebi’uun badhaadhumaaf akka hin kuufne si dhiphiseera, qabeenya hafuuraa qooda isaa akka kuuffanu nuti himeeera. Fak. 28:20 “Namni amanamaan baay’ee eebbifama soreessa ta’uuf kan hariifatu garuu osoo hin adabamiin hin hafu.” Fak. 10:15, 11:4, 18:11, 23:5, ilaali.

Kan biraan Fak. 6:6-11 dhibba’ummaa fi bitimsaan badiisa inni dhi’eessuun ogummaa nuuf dhi’eessa. Mixiin akkamitti nyaata isaanii ofii isaaniiti akka kuufatan nutti hima. Kutichi hojjechuu fi fayyadamuun akka nurra jiru rafuu mormuudhaan of nu eegachiisa, xumurri isaa sirritti hiyyummaa rakina dha. Daariin kan biraan immoo nama jaalalli horii ta’eefidha. Akka Lall. 5:10 akka nama qabeenyi kam iyyuu kan gammachiisu qabeenya walitti qabuu hin danda’u yeroo hundaas dabalee dabalee walitti qabuutu irra jira. 1Xim. 6:6-11 duroomuu barbaaduun kiyyoo inni qabuu of nu eegachiisa.

Ofii duroomuuf walitti qabuun barbaaduu caalaa qajeelfama kitaaba qulqulluu fudhachuu osoo hin taane kennuu dha. “Muraasa kan faacasuu muraasa haammata, eebbaan kan facaasuu eebbaan immoo ni haammata, Waaqayyoo gammachuudhaan kan kennuu jaallata tokkoon tokkoon garaa isaatti kan yaade haa kennu, gaddaan yookaan dirqamaan miti.” (2Qor. 9:6-7). Waan Waaqayyo nuuf kenne abbaa imaanaa akka ta’u nutti himameera. Luq. 16:1-13 amanamummaan kan itti hir’atee abbaa imaanuumaaf fakkeenya dubbachuu abba imaanaa dhibaa’oon of- eegachiisa. Seerrata seenaatiin lak. 11 “Isin qabeenya biyya lafa irraa isa sobaa irratti kan hin amanamiin, qabeenya isa dhugaa immoo eenyutu amanee isaanitti kenna ree?. Maatii keenyaaf waan barbaachiisu qopheessuudhaaf itti gaaffatamummaan akka nurra jiru of-nu eeggachiisa 1Xim. 5:8 “Namni tokko akkasitti fira isaatiif, caalaadhumatti immoo warra mana isaatiif yoo yaaduudhaa baate, inni amanticha ganuu isaati nama hin amaniin caalaas haammachuu isaati*.

Walumaa galatti kitaabni qulqulluun waa’ee horii bulchuu maal jedha? Deebiin isaa ogummaa kan jedhu jecha tokkoon guduunfamuu danda’a. Qarshii keenyaan ogessa ta’uutu nurra jiraata. Horii kaa’uu qabna garuu horii kuusuu miti. Horii itti fayyadamuu qabna garuu seeraan fi hordofuudhaan ta’uutu irra jira. Waaqayyoof gammachuudhaa fi wareeguudhaan Waaqayyoof deebiifne kennuutu nurra jira. Horii keenyaan namoota gargaaruutu nurra jira garuu hafuura qoruu fi geggeessaa Waaqayyootiin ta’uutu nurra jira. Dureessa ta’uun dogogora miti garuu qarshii jaallachuun dogogora. Hiyyeessa ta’uun dogogora miti wantoota hin barbaachiifneen horii balleessuun dogogora. Horii kan ilaalate ergaa kitaaba qulqulluu ogeessa ta’uu dha.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Kitaabni qulqulluun waa’ee qabiinsa qarshii maal jedha?