settings icon
share icon
Gaaffii

Nostizimiin maalii dha?

Deebii


Nostizimiin Waaqayyo jiraachuu yookaan mirkaneessuu hin danda’amu kan jedhu ilaalchaa dha. Nostikii/agnostic/ jecha jedhu bu’uura irraa beekumsaan ala ta’u “without knowledge.” Jechuu dha. Nostizimiin beekumsaan kan ta’e ganuu warra Waaqa hin qabneeti. Ganuu /atheism/ bifa jedhuun mirkaneessuuf Waaqayyo hin jiru kan inni jedhu. Nostizimiin kan inni falmuu jiraachuu Waaqayyoo mirkaneeffachuun ni danda’ama yookaan hin danda’amu, sanaaf Waaqayyo jiraachuu yookaan jiraachuu dhiisuu beekuun hin danda’amu jechuu dha. Kanaan Nostizimiiniin sirrii dha, jiraachuu Waaqayyoo hojiidhaan kan qore bifa baratameen mirkaneeffachuu yookaan mirkaneessuu dhiisuun hin danda’amu.

Kitaabni qulqulluun jiraachuu Waaqayyoo amantiidhaan fudhachuun akka nurra jiraachu nutti hima. Ibr. 11:6:- “Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi’aachuu yoo barbaade, inni akka jiru warra isa barbaadanifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira”. Waaqayyo hafuura. (Yoh. 4:24) kanaaf ijaan argamuu yookaan qaqqabatamuu hin danda’amu. Waaqayyo ofii isaan yeroo ibsuu yoo hin jaallanne malee qaama miira keenyaan argamuu hin danda’u. (Rom. 1:20). Kitaabni qulqulluun akka nutti himuutti jiraachuun Waaqayyoo akkasumatti uumama irratti ifatti ilaaluun ni danda’ama. (Faru.19:1-4) uumama keessatti beekamu danda’a. (Rom. 1:18-22) laphee keenyatti immoo dhugaatti taana. (Lal. 3:11).

Nostizimiiniin jiraachuu yookaan jiraachuu dhiisuu Waaqayyoo mirkaneessuu hin barbaadu. Akkasumas naannnoo kellichaatti fagaatee akka waan jiraachuu “straddling the fence” dha. Amaniyaan (Theists) Waaqayyo jira jedhanii amanu. Gantoota Waaqayyoon hin qabne (atheism) Waaqayyo hin jiru jedhanii amanu. Nostizimii (agnosticism) Waaqayyo jira yookaan hin jiru jenne amanuun nurra hin jiraatu jedhee amana, sababni isaa karaa lamaanuun beekuun waan hin danda’amneef.

Falmiidhaaf akka ta’uuf jiraachuu Waaqayyo ifaa fi bifa hin ganamneen nuuf mirkaneessuu odeefannoo danda’u kaafna. Seyizim (Amaniyaa) fi Noostizimii toora tokko irra yoo keenye isa kam du’a booddee jireenyi akka jiruu irra caalmaan hubachuu akka dandeenyu kan godhu? Waaqayyo Seyizimi (Amaniyaa) kan biraa fi Nostizimi bifa fudhatama hin qabneen du’a booddee jiraachuun hin danda’an. Waaqayyo yoo jiraate garu Nostikoonni (agnosticism) fi yeroo du’anitti deebii kan isaaniif kennu isaan barbaachisa. Yaada kana irraa ka’uudhaan Nostik (agnosticism) ta’uu irra yookaan Nostizimitti amanuu caalaa Seyizimi Amaniyaa ta’uun hiika kenna. Bakka lammanuutti ta’uu isaa mirkaneessuu yoo danda’ees danda’uu baatuus dhuma irratti kan biraadhaa fi bara baraan bu’aa ta’uu qabu bakka argamsiisuu danda’u adeemsaan qoruun waan danda’amu hundumaa gochuun ogummaa osoo hin ta’in hin hafu.

Shakkiin jiraachuun waan baratamee dha. Addunyaa kana irratti hubachuu kan nu hin dandeenye wantootni baay’een jiru. Baay’een isaanii jiraachuu Waaqayyoo shakku sababni isaa inni waan inni hojjetee fi wantoota heyyame irratti wali hin galan yookaan hin hubanne. Ta’us garuu nuun namoonni murtoofne Waaqa daangaa hin qabne hubachuu hin dandeenyu. Rom. 11:33-34:- “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin ga’u! Karaa isaas namni faanna dha’ee hin hubatu! Caaffata keessatti iyyuu, “Eenyutu takkaa yaada garaa Waaqayyoo beeka ree? Yookiis eenyutu gorsa kennuufii danda’aree?” Kes. 4:26 “Kanaafis achi irraa Waaqayyoon gooftaa keessan laphee kee guutuudhaan garaa lubbuu kee guutuun garaa kee guuttun yoo barbaadatte ni argata.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Nostizimiin maalii dha?
© Copyright Got Questions Ministries