settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo har’as abjuu namootaaf ni kennaa?

Deebii


Waaqayyo har’as abjuu namootaaf ni kennaa? Eeyyee! Waaqayyo har’as mul’ata namootaaf ni kennaa? Ta’uu danda’a. abjuun ta’ii akkasumaati jennee eeguutu nurra jiraataa? Miti sagalee Waaqayyoon akka raawwatamee Waaqayyo yeroo baay’ee mul’ataan saba isaatti dubbateera. Fakkeenyaaf Yooseef mucaa Yaaqoob, Yooseef hiriyaa Marihaam, Solomoon, Isaayaas, Izqeel, Daani’eel, Pheexiroosi fi Phaawuloos. Raachichi Iyuu’eel waa’ee mul’ataa kennamuu raajee ture, kanas Pheexiroos Hojii Ergamootaa boqonnaa 2 dhugaa ba’eera. Abjuu fi mul’ata gidduu garaagarummaa jiru yaadachuun barbaachiisaa dha. Mul’atni namni tokkoo damaqee osoo jiruu kan kennamu yeroo ta’uu abjuun garuu namni sun rafee osoo jiru kan kennamuu dha.

Addunyaa irratti bakka baay’eetti Waaqayyo baay’inaan mul’ataa fi abjuu osoo hin fayyadamin hin hafu. Baay’ee xiqqoo yookiin homaa ergaa wangeelaa kan hin qabne bakkawwan, namoonnii kitaaba qulqulluu bakka isaan argatanitti, Waaqayyo ergaa isaa kallattiidhaan abjuudhaa fi mul’ataan ni dubbata. Walummaa galatti yeroo hundumaa Waaqayyo fakkeenyoota kitaaba qulqulluu irratti arginuu Waaqayyoo mul’ataa dhugaa isaa dabarsuuf bara kristaanummaa darbanitti yeroo hundumaa itti fayyadameera. Waaqayyo ergaa isaa nama tokkoof dabrsuu yoo barbaade waan argate hundumaa ni fayyadama, ergamaan mishinerii, ergamaa, abbaa mul’ataa yookaan abbaa abjuu. Dhugumatti Waaqayyoo ergaa wangeelaa qophaa’ee yeroo dhi’aatuutti bakka jiruutti mul’ata kennuu danda’a. Waaqayyoo waan hojjetuuf daangaa homaa illee hin qabu. Haala wal fakkaataan gara mul’ataa fi mulata hiikuuti yeroo dhufnu of-eeggachuutu nurra jira. Sammuu keenyatti qabachuun kan nurra jiru kitaabni qulqulluun barreefamee xumurameera, beekuun kan nurra jiraatu hundumaa nutti hima. Furtuun dhugaan Waaqayyoon yoo ta’e abjuu kan kennee Waaqayyo ofii isaa dubbii isaa irratti waan kaa’ee wajjin walii gala. Mul’atni raawwatee sagalee Waaqayyoo wajjin kan sirreefamu yookaan bakki caaluutti kennamuu hin danda’u. Kitaabni qulqulluun shaakala kristaanaa keessatti abbaa taayitaa isa dhumaati. Amantoota yoo taanee mul’ata qabachuu fudhannees yoo taane kadhachuu sagalee Waaqayyoo wajjin kan walii galuu ta’uutu irra jira. Kadhataan mul’ata Waaqayyoo akka kennuu kan barbaade deebi beekuutu nurra jira (Yaq. 1:5). Waaqayyo abjuu kennee hiika abjichaa hin dhoksu. Sagalee Waaqayyootiin abbaan mul’ataa kam iyyuu hiika mul’atichaa yoo gaaffatee Waaqayyoo dhugumatti ni ibsaaf (Dan. 1:15-18).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo har’as abjuu namootaaf ni kennaa? Mul’atni kristaanaaf shaakala kristaanaati jedhanii amanuutu irra jiraa?
© Copyright Got Questions Ministries