Maatiin kirstaana tokkoo mucaa dhiiraa yookaan dubaraa bitimsa yoo qabaatee maal gochuutu irra jiraata?



Gaaffii: Maatiin kirstaana tokkoo mucaa dhiiraa yookaan dubaraa bitimsa yoo qabaatee maal gochuutu irra jiraata?

Deebii:
Seenaa mucaa badee keessatti maatiin amantoota ta’an ijoollee isaanii guddisuuf kan isaan argisiisan kan faalleesse yoo deemaan fayyadamuu kan isaan danda’an qajeelfamoota adda addaa arganna. (Luqa. 15:11-32) maatiin ijoollee isaaniif umuri dargagummaa erga gahanii booda aangoo maatii isaanii jalatti akka hin taane yaadutu isaan irra jira.

Seena mucaa baddee keessatti mucaa quxisuun gahee dhaala isaa fudhatee gara biyya kan biraa deeme bittimse. Irra deebiin dhimmi mucaa hin baratamne salphaatti ni ta’a jedhamee kan eegamu kana dha. Yeroo tokko karaa ifaa ta’een Yesus Kristoositti amanuun mucaan deemaa ture “Mucaa bade” jenaan.Hiikni isaas “Qabeenya qabu akkasumaas kan bittimse” jechuu dha. Kun mana isaa dhiise maatiin isaa kan itti dadhabandhaala hafuuraa mucaan bittimsee labsii gaarii dha. Mucaan kun nyaachiisuu, barsiisuu, jaalalaa fi kunuunsa maatii gochaa kan turan waggootaaf Waaqayyo irratti yeroo fincillu hir’aanfate. Eenyu iyyuu Waaqayyo irratti hameenya godhu jalqaba maatii fi aangoo maatii faalleessuun ibsa. Haa caqafnu fakkeenyicha keessa kan nu ilaalu abbaan mucaa isaa deemuu irraa hin hambifne. Yookaan eegumsa gochuufi duuba isaatiin hin hordofne. Keessaa iyyuu maatiin amanamummaadhaan mana ta’aanii ni kadhatuuf turan. Mucichi “Gara laphee isaatti deebbi’uu” naanna’ee deebi’ee akka dhufuu maatiin isaa eegaa waan turaniif mucicha simachuuf ganaa fagoo osoo jiruu fiiganii dhufan.

Ijoolleen keenya yaada mataa isaanitiin yeroo deeman kana yaaduuf kana gochuudhaaf umuriin isaanii hanga gaheetti, fillannoo isaan filatan rakkina akkami akka isaanitti fiduu danda’u osoo beeknuu, maatiin akka deemaniif gad dhiisuu tu nurra jiraata. Maatiin duukaa bu’uu hin barbaachisu akkasumas bu’aa itti aanee dhufuu gidduu hin galan. Keessaa iyyuu maatiin amanamummaan kadhachaa qalbi jijjirannaa fi mallattoo kallatti jijjiruu amma irratti arganiitti mana taa’anii turuutu isaan irra jiraata. Kun amma ta’uutti maatiin gorsa isaanii itti haa fufan hameenya isaanii hin degerin gidduus akka hin galle. (1Phex. 4:15). Yeroo tokkoo seerri ijoollee kan isaanii eyyamu umurii irra erga ga’aanii itti gaaffatamummaa isaanii Waaqayyoo fi qaama mootummaan aangoo kenneef (Roomee 13:1-7). Akkasumas isaan yeroo tokkoo kallatti Waaqayyoo irraa tarkaanfii mataa isaanii yoo fudhatan gara gooftaatti dhihaannee fuula gooftaa duratti dhaabannee ijoollee keenya badan jaalala maatii fi kadhataan isaan gargaaruu dandeenya: Waaqayyo yeroo baay’ee rakkina ofii keenyaan fidnu dhiphinni nuyiin gara ogummaatti waan itti fayyadamuuf tokkoon tokkoon nama dhuunfaa sirritti deebii ofii isaa kennuutu irra jiraata. Waaqayyo malee nuun akka maatiitti fayyisuu hin dandeenyu.Yeroon isaa hanga gahuutti eeguu fi kadhachuu wantoota harka Waaqayyoo irratti dhiisuutu nurra jiraata. Kun baay’ee wanta nama dhukkubsu ta’uu danda’a, garuu akka dubbii Waaqayyootti yeroo goonu sammuu fi laphee keenyaaf nagaa kenna. Ijoollee keenyaatti faraduu hin dandeenyu kana kan godhu Waaqayyo qofaa dha. Jajjabina guddaa kanaan boqonnaan ta’a.“Abbaan firdii guutummaa biyya lafaa firdii ta’u ni kenna mitii ree?” (Uma. 18:25).


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Maatiin kirstaana tokkoo mucaa dhiiraa yookaan dubaraa bitimsa yoo qabaatee maal gochuutu irra jiraata?