settings icon
share icon
Gaaffii

Macaafni qulqulluun waa’ee afuura xurawaa maal jedhaa?

Deebii


Mul’ata 12:9 waa’ee eenyummaa afuura xuraawaa ifa kan ta’ee jecha qulqullaa’adha, “addunya mara kan dogogorsuu, yaabilosii fi seexana kan jedhamu jawwee guddicha innis bofa durii ni gatame, gara biyya lafaatti gatame ergamootni isaas isaa wajjin gaataman. Kan seexani samii irraa gara arditti gadi kufuun isaa fakkeenyaan Isaayaas 14:12-15 fi Hisqeel 28:12-15 irratti mul’ateera. Mul. 12:4 kan argisiisuu kan fakkaatu seexanni cubbuu hojjeechuun ergamoota tokko sadaffaa ofii isaa wajjin fudhachuu isaati, Yihuuda 6 cubbuu kan hojjetan ergamoot heerera. Macaafni qulqulluun afuura xuraawa ergamoota kufan ta’uu isaani nutti argisiisa, seexanaa wajjin ta’aani Waaqayyo irratti kan fincilan.

Seexanaa fi afuurotni xuraawwaan isaa amma balleessuudhaa fi dogoggorsuu hojjeecha jiru, Waaayyoon kan hordofanii fi kan Waaqeesan hundumaa (1ffaa Phexi 5:8, 2ffaa Qoro 11:14-15). Afuurri xurawaan akka afuura hamaati kan ibsan (Maati. 10:1), afuura xurawaan (Mati 1:27) fi ergamootni seexana (Mul. 12:9). Seexanaa fi afuurri xurawaan addunyaa dogogorsuu (2ffaa Qoro 4:4), kiristaanoota miidhuu (2ffaa Qoro 12:7, 1ffaa Phexi 5:8) fi ergamoota qulqulluu lolu (Mul. 12:4-9). Afuurri xuraawwaan eenyummaa afuuraa qaba, haa ta’uu malee qaama foonitiin mul’achuu danda’u (2ffaa Qoro 11:14-15). Afuurri xuraawaan/ergamotootni kufan diina Waaqayyooti, haa ta’uu malee diina mo’amee dha. kan nu wajjin jirutu caala, biyya lafaa kan jiru caalaa(1ffaa Yoha 4:4).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Macaafni qulqulluun waa’ee afuura xurawaa maal jedhaa?
© Copyright Got Questions Ministries