settings icon
share icon
Gaaffii

Waa’ee dhugaatii jabaa yookiin daadhii waynii dhuguu Macaafni Qulqulluun maal jedhaa? Kiristaanotaaf dhugaatii jabaa yookiin daadhii waynii dhuguun cubbuudhaa?

Deebii


Caaffanni Qulqullaa’oon waa’ee dhugaatii jabaa yookiin alkoolii ilaalchisee waanta baay’ee dubbata (Seera Leewotaa 10:9; Seera lakkoofsaa 6:3; Seera keessa Deebii 29:6; Macaafa Abboota Firdii 13:4, 7, 14; Fakkeenya 20:1; 31:4; Isaayaas 5:11, 22; 24:9; 28:7; 29:9; 56:12). Haa ta’u malee, caaffanni qulqullaa’oon kiristaanni biiraa, daadhii waynii, yookiin dhugaatii alkoolii akka hin dhugne dirqama hin dhowwu. Dhugaadhumatti, caaffanni qulqullaa’oon kanneen biroon immo barbaachisummaa alkoolii ibsu.

Macaafni Lallabaa 9:7 “Daadhii wayinii kee garaa qulqulluudhaan dhugi” jechuun abbooma. Faarsaa 104:14-15 Waaqayyo dadhii wayinii “garaa namaa akka gammachiisuudhaaf” akka kenne dubbata. Amosos 9:14 daadhii wayinii iddoo dhaaba wainiitti keessatti dhuguu akka mallattoo eebbaatti dubbata. Isaayaas 55:1, “ kottaa utuu horii itti hin baasin daadhii wayinii fi annan bitadhaa” jechuun jajjabeessa.

Waaqayyo kiristaanota daadhiin wayiniitiin machaa’uu dhiisuu ilaalchisee maal abbooma (Efesoon 5:18). Macaafni Qulqulluun machaa’uu fi bu’aa isaatti ni farada (Fakkeenya 23:29-35). Dabalataanis kiristaanonni qaama isaanii irratti wanti kam iyyuu akka “aboo hin qabaanne” abboomamaniiru (1 Qorontoos 6:12; 2 Pheexroos 2:19). Alkoolii baay’isaanii dhuguun araachisaa ta’uun isaa kan hin ganamne dha. Caaffanni qulqullaa’oon dabalataanis kiristaanonni namoota kaan akka hin gufachiisne ni dhowwa yookiin yaada garaa isaanii irrattis akka cubbuu hin hojjenne ni jajjabeessa(1 Qorontoos 8:9-13). ifa qajeelfamoota kunneeniitiin, kiristaana kamiifuu hulfina Waaqayyootiif alkoolii baay’isee dhugaa jira jechuun baay’ee ulfaataa ta’a (1 Qorontoos 10:31).

Yesus bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiire. Innis tibba sanatti Yesus daadhii wayinii waan dhuge illee ni fakkaata (Yohaannis 2:1-11; Matewoos 26:29). Bara yeroo Kakuu haaraatti bishaanni baay’ee qulqulluu miti. qulqul’ina ammayyaa malee bishaanni yeroo baay’ee baakteeriyaa, vayirusootaa fi waantoota adda addaatiin kan faalameedha. Har’as biyyoota guddinaan sadarkaa saddaffaa keessa jirran baay’ee keessatti kun har’a iyyuu dhuguma. Sababa kanaaf namoonni yeroo baay’ee daadhii wayinii (magariisa isaa irraa kan cuunfame)dhugu sababni isaa inni kan faalame ta’uu danda’a. 1 Ximootewoos 5:23, keessatti Phaawloos Ximootewoos akka bishaan duwwaa hin dhugne (tarii isa rakkina garaacha isaatiif sababa ta’e) qooda sanaas daadhii wayinii dhugi jechuun abbooma. Bara sanatti, wayiniin ni danfa (alkoolii qabaata) ture. Garuu dirqama akka isa har’aa miti. Inni cuunfaa magaarisaati jechuun dogoggora, garuu dabalataanis akkuma dadhii bara kana itti gargaaramaa jiruu wajjin gosa tokkicha jechuunis hin danda’amu. Ammas, caaffanni qulqul’aan kiristaanonni biiraa, daadhii waynii, yookiin dhugaatii alkoolii of keessa qabu akka hin dhugne hin dhowwu. Alkooliin, ofii isaa keessatti kan cubbuudhaan faalame miti. Kiristaanonni guutummaatti irraa of qabuun kan isaan irra jiram machaa’uudhaa fi arachiisaa isaatiin qabamuu irraati (Efesoon 5:18; 1 Qorontoos 6:12).

Alkooliin xinneenyaan fudhatameef nama hin miidhu yookiin arachiisaa miti. dhugumatti doktoronni tokko tokko daadhii wayinnii diimaa xinnoo fudhachuun fayyaaf bu’aa qaba deggaruun dubbatu, keessattuu onneedhaaf. Dhugaatii xinneenyaan fudhachuun dhimma mirga kiristaanotaati. Machaa’ummaanii fi aarachiisni cubbuudha. Haa ta’u malee, alkoolii fi bu’aa inni qaqqabsiisu ilaallee akeekkachiisa Macaafa Qulqulluu irraa kan ka’e, gollabbii qormaata alkoolii bay’isanii fudhachuu irraa kan ka’e, namoota kan biraa gufachiisuu fi gufuu ta’uu irraa kan ka’es yeroo bay’ee kiristaanootaaf guutummaatti alkoolii fudhachuu irraa of dhowwuun gaariidha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waa’ee dhugaatii jabaa yookiin daadhii waynii dhuguu Macaafni Qulqulluun maal jedhaa? Kiristaanotaaf dhugaatii jabaa yookiin daadhii waynii dhuguun cubbuudhaa?
© Copyright Got Questions Ministries