Waa’ee maatii gaarii kitaabni qulqulluun maal jedha?



Gaaffii: Waa’ee maatii gaarii kitaabni qulqulluun maal jedha?

Deebii:
Maatii horachuun mormii guddaa kan qabuu ija jabummaa kan gaaffatu ta’uu danda’a, haa ta’uu malee haala wal fakkaataan wantoota goonu hundumaa kan caaleen deebi’ee gatii nuuf baasuu kan danda’uu fi kan fooyya’ee dha. Kitaabni qulqulluun ijoolleen keenya ijoollee dhiiraa fi dubaraa Waaqayyoo akka ta’aniif sirritti guddisuu karaa ittiin dandeenyu baay’inaan kan jedhuu yaada gurguddatu jiru. Gochuun kan nurra jiraatu wanti guddaan inni jalqabaa sagalee Waaqayyoo barsiisuu dha.

Waaqayyoon jaallachuu wajjini fi abboommii Waaqayyoo eeguudhaaf kan qabnu fakkeenya ta’uun, Keessa deebii 6:7-9 xiyyaafannoo jiru kennuun ijoollee keenyaafis akkasumas akka godhaniif barsiisuutu irra jiraata. Kutaan kun xiyaaffannoo kan inni godhu kan akka kanaa barsisuutu nurra jira. Kutaan kun xiyyaafaanno kan inni godhu qajeelfama akka kanaaf utuu addaan hin kutin waan itti fufuuf adeemsa uumamaa dha. Yeroo hundumaa mana keessatti karaa irratti kan gurguramu ganamaan godhamuutu irra jiraata. Dhugaa kitaaba qulqulluu akkaataa mana keenyaatti ta’uutu irra jiraata. Isaan abboomonni kun qajeelfamoota duukaa bu’uun Waaqayyoon waaqeessuun kan addaan hin cinne dilbataa fi kadhata galgalaa eegaa kan raawwanu akka hin taane ijoollee keenya barsiifna.

Akkasumas ijoolleen keenya nuun maatii isaanii ilaaluudhaaf dhugaa guddaan kallatiidhaan geggeefamu. Kanaaf waan goonu hundumaa of-eeggachuun kan nurra jiru. Jalqaba Waaqayyo gooftaan qajeelfama akka nuuf kennee amanuun beekamtii kennuutu nurra jiraata.Abbaa manaa fi haatii manaan wali walii keenyaaf bitamuu fi wal kabajuutu nurra jiraata.(Efe. 5, 21).Haala wal fakkaataan Waaqayyo aangoo gadii buusee seera nuuf kenneera. “Garuu mataan dhiiraa hunduu Kristoos, mataan dubbartiis dhiiraa, mataan Kristoosiis Waaqayyoon akka ta’e akka beektaniin barbaada.” (1Qor 11:3). Akkuma beeknu Yesus Kristos Waaqayyoof sodaadhaan miira gadi of-deebisuutiin bitamuun hin jiru, akkasumas haatii manaan abbaa manaa isheetiif kan akka kanaa miira gadi of deebisuun bitamuu qabaachuu hin barbaachiisu. Bifa kan biraan Waaqayyooaboodhaaf bitamuu osoo hin taane seerri dhufuu akka hin dandeenye Waaqayyo ni beeka. Itti gaaffatamummaan abbaa manaa mataa manichaa ta’uu isaan haadha manaa isaa Yesus Kristoos waldaa Kristaanaa akka jaallatee fi ofii isaa akka jaallatuutti jaallachuu dha. (Efe. 5:25-29). Jaalalaan abbaa manaa geggeessu haatii manaan ofii ishee bitamuuf deebii kennuun itti hin ulfaatu (Efe. 5:24, Qol. 3:18).Itti gaaffatamummaan haadha manaa abbaa manaa ishee jaallachuu kabajuu jaalalaa fi qulqullummaan jiraachuu mana ishee kunuunsuu dha. (Tito 2:4-5). Haadha manaan abbaa manaa caalaa kunuunsa kan barbaadaniidha sababni isaa ijoollee isaaniif durummaan kan kunuunsan kan eegan akka ta’anii waan hojjetamaniif.

Qajeelfama kennuu fi adabuun maatii keessatti barbaachisoo dha.Fak.13:24 “Namni ilma isaa karaabaadhaan reebuu dhiisee qusatu isa jibbuu isaati, namni ilma isaa dafee adabu garuu isa jaallachuu isaati.” Abada disipilinii osoo hin fudhatiin ijoolleen guddatan barbaachisoo fi faayidaa kan qaban akka hin taane kan itti dhaga’amu ta’u. Of-bituu fi kallatti kan hin qabne ta’aani yeroo guddatan Waaqayyoon dabalatee aangoo gosa kami iyyuu tilmaama gad aanaa kan qaban yookaan immoo finciltoota fi kabaja kan hin qabne ta’u. “Deebisuudhaaf utuu abdiin jiruu, ijoollee kee adabii! Gad dhiiftee akka isan du’an hin godhin.” (Fak. 19:18). Haala wal fakkaataan adabbiin jaalalaa wajjin madaalliin isaa jabaatee godhamuutu irra jiraata kana yoo hin taane ijoolleen hadha’ummaan abdii kan kutatan ta’anii guddatu. (Qol. 3:21). Adabni Waaqayyoo yeroodhaaf akka nama hin dhukkubne beeka (Ibr. 12:11), garuu jaalalaan yoo ta’eqajeelfama wajjin yoo ta’u ijoolleedhaaf faayidaa ajaa’ibsiisaa ta’e qaba. “Isin immoo abboota nana!Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa! (Efe. 6:4).

Ijoolleen dargagummaa isaaniin tajaajila maatiiti fi waldaa kristaanaa akka hirmaataan gochuun barbaachiisaa dha.Osoo addaan hin kutiin itti hirmaachuun dubbii Waaqayyootiin waldaa kiristaanaa amantuu (Ibr. 10:25), ati dubbii isaa yeroo qayyabatu akka arganiif heyyamiif, akkasums isaanii wajjin qayyabadhu.Isaan bakka jiranitti dubbi isaa duddubadhaa yeroo hundumaa waa’ee hulfina Waaqayyo isaan barsiisi.“Akka itti jiraachuun ta’u mucaa barsiisi!Innis yeroo dulloomu iyyuu irraa hin kaatu” (Fak. 22:6). Maatii gaarii jechuun si duukaa kan bu’an Waaqayyoon kan waaqessanii fi ijoollee abboomaman horachuu dha.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Waa’ee maatii gaarii kitaabni qulqulluun maal jedha?