settings icon
share icon
Gaaffii

Waa’ee lola afuuraa kitaabni qulqulluun maal jedha?

Deebii


Waa’een lola afuuraa yeroo ka’uu dogogoronni dursan lama ni jiraatu ___ gura guddisuu fi gadi xiqqeessuu. Tokkoo tokkoo tokkoon tokkoon cubbuutiif, tokkoon tokkoon walitti bu’iinsaaf, fi tokkoon tokkoon rakkoof seexana itti gaafatamaa godhu, sana gatuu dha kan barbaachisu. Kan biroon addunyaa afuuraa guutuu guutuutti maal na dhibdi jedhuu, akkasumas kitaabni qulqulluun lolli keenya humna hafuurootaa wajjin ta’uu isaa kan nutti hime. Milka’inaa lola hafuuraatiif wantii furtuun madaallikitaaba qulqulluu argachuu dha. Ergamaan Phaawulos kiristaanoota ni yaadachiisa, ofi isaanitti cubbuu wajjin wal’aansoo akka wal qaban (Roome 6) fi hamaa wajjin wal’aansoo akka wal qaban (Efeson 6:10-18).

Efeson 6:10-12 ni ibsa, “kanaa achii gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa. Haxxumaa seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti , mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutuummaatti hidhadhaa. Nuyii namoota foon uffatanii wajjin wal’aansoo wal qabna miti, garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban warra bantii waaqaa keessa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seeranna, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal’ansoo wal qabna.” Kitaabni kun dhugaawwan isa guddaa barsiisa, jaboo ta’uu kan dandeenyuu humna Gooftaatiin, kan nuu eeguu mi’a lolaa Waaqayyotti, lolli keenyas biyya lafaa irratti humna hafurota hamootaa wajiini dha.

Fakkeenyi barbaachisaa ta’ee humna Gooftaatiin Mikaa’eeli dha, angafa –ergamootaa, Yihudaaa 9 irratti. ErgamootaWaaqayyoo hundaa keessaa baay’ee jabaa kan ta’ee, humna mataa isaan seexana hin hifanne, garuu akkas jedhe, “Gooftaan si ha ifatuu!” Mul’ata 12:7-8 akka galmeessetti sa’aa dhumaa irratti Mikaa’eel seexana ni mo’ata. Ammas, seexanaa wajjin gara lolaa yeroo dhufu, Mikaa’eel maqaa fi aboo Waaqayyootiin kan inni ifatuu, matuma isaatiin osoo hin ta’in. Walitti dhufeenya Yesuus Kristoosi wajjin qabnu qofan kiristaanoonni seexanaa fi hafuuraa hamaa irratti aboo kan qabaanu. Maqaa isaa qofaan hifannaan keenya humna kan godhatu.

Efeson 6:13-18 Waaqayyoo nuuf mi’aa lolaa hafuuraa seexanaa nuuf ibsa. Jabaannee dhaabachuu qabna, hidhannoo dhugaatiin, gonfoo tolaatiin, wangeela nagaatiin, gaachana amantiin, gonfoo fayyinaatiin, bil’aa hafuraatiin, fi hafuuraan kadhaachuun. Isaan kun meeshaa lolaa hafuuraa lola hafuuraa kan isaan bakka bu’an maalii dhaa? Soba seexanaa irratti dhugaa isaa dubbachuu qabna. Toloota jedhamne;dhugaa waamamneen, Kristoos nuuf aarsaa keenyaan boqochuu qaba. Wangeela labsuu qabna, ammam illee mormiin yoo nutti dhufe. Amantii keenyatti raafamuu hin qabnu, ammam illee haala jaabaataa yoo fayyadamnees. Inni dhumaa kan nurraa dhorku wabii fayyinaa qabnuu dha, eenyu iyyuu humna hafuuraa nu duraa fudhachuu kan hin dandeenye wabii. Meeshaan ittiin lola keenyaa sagalee Waaqayyooti, miiraa fi yaada keenyaan osoo hin ta’in. fakkeenya Yesuus duukaa bu’uu qabnaa, mo’ichi hafuuraa tokko tokkoo kan isaan argaman kadhata qofaan ta’uu isaa hubannee.

Yesuus fakkeenya keenya isa dhumaati, lola hafuuraatiif. Yesuus seexana irraa kan itti darbatamee kallatiidhaan war’aansii, jechuun lafa gammoojjitti isaan osoo qoramuu ammam akka dhaabbate hubadhaa (Maattihos 4:1-11). Tokkoon tokkoon qormaataa deebii kan argatee karaa wal fakkaataadhaani dha “barreefameera” jecha jedhuun. Yesuus beekeera, sagaleen Waaqa jiraataa qormaata seexanaa irratti baay’ee meeshaa lolaa isa cimaa ta’uu isaa. Yesuus mataan isaan sagalliicha seexanaan mormuudhaaf erga fayyadamee nuttis wanta xiqqaa ta’ee fayyadamuudhaaf ija jabaanaa?

Lola hafuuraa irratti maal gochuu akka qabnuu fakkeenya wayyuu kan Asqewwaa ijoolee torbaa dha. “Seexanas baasaa naannaa’aa kan turan Yihudoonni tokko tokko. Phaawuloos kan inni lallabuu maqaa Yesuusiin isin kaksiifna jechaa hafuuroota hamoota bakka isaan jiran irratti maqaa Yesuus itti waamuu yaalan. Angafa lubaa kan ta’ee Asqewaa kan jedhanii Yihudii tokkoof kana kan godhan ijoollee torba turan. Hafuurri hamaan garuu deebisee:-Yesuusiin beekaa Phaawulooosinis beeka, isin eenyu fa’ii? Isaaniin jedhe. Hafuurri hamaanis namicha keessa jiruu keessaa itti utaalee madeessee mana sanaa qullaa isaanii hanga baqatanitti itti jabaatee mo’es” (Hoji ergamootaa 19:13-16). Ijooleen Asqewaa torban maqaa Yesuus fayyadamanii turan. Sun gahaa miti. Ijoolleen Asqewwaa torban Yesuusii wajjin walitti dhufeenya hin qaban turan, kanaaf, sagaleen isaanii tokko illee humnaa fi aboo hin qabaanee ture. Ijoolleen Asqewaa torban adeemsa hojichaatti amanan. Isaanis Yesuusitti hin amanne, akka gooftaa fi fayyiisaa isaanitti, akkasumas sagalee Waaqayyoo lola hafuuraa isaanitti hin fayyadamne. Bu’aa isaatinis, reebichi sodaachisaan isaa irra gahe. Isaan irraa fakkeenya hin taanee barnoota arganna, akkasumas kitaabni qulqulluun akka aboomuu lola hafuuraa akka ta’utti qabana.

Walitti qabaatti, lola hafuuraatiin abbaa mo’ichaa ta’uuf furtuun isaa maaliidhaa? Duraan dursinee, sagale Waaqayyotti amanuu qabna, mataa keenyatti osoo hin taane. Inni lamaffaan, maqaa Yesuusin ifachuu qabna, mataa keenyaan osoo hin taanee. Sadaffaan, mataa keenyaa guutummaa mi’a lolaa Waaqayyoo eeguu qabna. Arfaffaan, lollicha bil’aa hafuuraatiin adeemsiisuu qabna sagaleen Waaqayyoo. Dhuma irrattis seexanaa fi hafuurota hamoota irratti lola hafuuraa yeroo geggeesinuu tokkoon tokkoon cubbuu yookaan rakkinni seexana miti, ifaata kan barbaadu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waa’ee lola afuuraa kitaabni qulqulluun maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries