settings icon
share icon
Gaaffii

Dhufaatti Yesus Kristoos kakuu moofaatti eessatti kan inni raajame?

Deebii


Raajiin kakuu moofaa baay'een waa'ee Yesus Kristoosiif jiru. Hiktoonni tokko tokkoo lakkoofsi isaanii dhibba ga'eera. Kan itti fufan garuu ifaa fi isaan gurguddoo dha.

Waa'ee dhallachuu isaa ilaalchisee: Isa. 7:14 "Kanaafis Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif in kenna, kunoo durbii in ulfoofti, ilmas in deessi, maqaa isaas 'Amaanu'el' jettee in moggaafti; ['Amaanu'eel' jechuunis 'Waaqayyo nuu wajjin jira' jechuu dha]"

Tajaajilaa fi du'a Yesus: Zak. 9:9 "Isiin yaa namoota Xiyoon guddaa gammadaa! Isin yaa namoota Yerusaalem, guddisaati sagalee gammachuu dhageesisaa! Kunoo mootiin keessan inni qajeelaa, inni mo'aan, gad of deebisee, harree yaabii keessaa ilmoo harree irra taa'ee gara keessan in dhufa."

Waa'ee Yesus raajiiwwan ifoo ta'an Isaayaas 53 guutumaa boqonnichaa ti. Isa. 53:3-7: keessaa iyyuu dogogora homaa hin qabu "Namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran, inni nama dhiphinnii fi muddamni itti baay'ate ture, inni akka nama tuffatanii, achi ilaalanii bira darbanii in ta'e;nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofbe. Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'ee, muddama keenyas in baate, nuyii Gruu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukkutee gad isa deebiseetti in lakkoofne. Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka arganuuf inni in adabame, madaa'uu isaatinis fayyinni nuuf in argame. Nutti hundumti keenya akka hoolota karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gore; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e. Isa in cunqursan in dhiphisanis inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne, akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuus geeffamtuuttu in oolfame, akkuma hoolaan yemmuu rifeensa irraa muran cal jettuus, inni calluma jedhe malee, afaan isaa hin saaqqanne."

"Torbaatami torba" Daani'eel boqonnaa9 raajiin kan inni raajuu Yesus Masihiin guyyaa inni du'uu isa sirrii dha. Isa. 50:6 Yesus rakkina ini fudhate mul'isa. Zakk. 12:10 Yesus erga du'ee boodee waa'ee boo'icha bo'anii dubbata. Fakkeenya baay'ee dhi'eessuun ni danda'ama garuu isaan kun ni gahu. Kakuu moofaatti sirriitti waa'ee Yesus Kristoos Masihii ta'e dhufuu raajeera.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Dhufaatti Yesus Kristoos kakuu moofaatti eessatti kan inni raajame?
© Copyright Got Questions Ministries