settings icon
share icon
Gaaffii

Kristaanni gara mana yaalaa dhaquun irra jiraa?

Deebii


Kristaanoonni tokko tokkoo jiru hordoffii fayyaa barbaaduuf Waaqayyoon irratti amantii dhabuu itti fakkaatee mul’atu jiru. Sochii Jecha amantiitiin ogeessa mari’achiisuun akka hir’ina amantiitti godhamee waan lakkaa’amuuf Waaqayyoo akka hin fayyiifne dhorka jedhu. Akka kristaanaa gareen saayinsii kan jiran gargaarsa ogeessaa barbaaduuf yeroo tokko tokkoo Waaqayyoo akka fayyifnuuf humna nuu kenneen fayyadamuun mul’ate argama. Ilaalchi akka kanaa badii guddaadha. Konkolaataan kee miidhaan yoo irra gahee gara makaanikaatti geessita yookiis Waaqayyoo dinqii akka godhuuf akka si fayyisu eegda, mana kee keessa tuuboon jiru yoo dho’ee hojjetaa tuuboo baatee barbaadaa yookiis Waaqayyo akka si suphu eegda, Waaqayyo konkolaataa keenya haareessuu fi tuuboo suphuu akka dandeenyu hundumaa qaama keenya fayyisuu ni danda’a. Waaqayyo dinqii hojjechuu fi haalli fayyisuu isaa yeroo hundaa nuun gargaaruuf beekumsa keessatti namoota darban gargaarsa barbaaduu caalaa yeroo hundumaa dinqii eeguutu nurra jira jechuu miti.

Kan biroon ogeessoonni yeroo baay’ee kitaaba qulqulluun waabuuf eereera. Akkaataa qabiyyee barreefamichaan ala fudhachuu kan danda’u luqisii, 2Sen. 16:12 “Mo’ee waggaa sodommii sagalaffaa isaatti Asaa millii isaa dhukkube dhibbeen isaas itti jabaate garuu yeroo dhukkubeetti warra qorichaa malee Waaqayyoon hin barbaanne.” Kan jedhuu dha. Dhimmi isaa Asaan ogeessota barbaaduu dhiisuu isaa miti garuu “Gargaarsa Waaqayyo biraa hin barbaanne” gara mana yaalaa illee yeroo deemnu amantiin keenya guutuu guutuutti ta’uu kan qabu Waaqayyoon malee ogeessicha miti.

Waa’ee “yaalumsa qorochaa” kan dubbatan kutaan kitaaba qulqulluu baay’een jiru. Walummaa galatti bandeeji fayyadamuun (Isa. 1:6), Dibata (Yaq. 5:14), Dibataa fi Wayinii (Luq. 10:34), baalawwan (Izi. 47:12), Wayinii (1Xim. 5:23), fi dibata, qoricha Gali’aad kan dibatamu (Erm. 8:22). Akkasumas HoE fi wangeela Luqaas barreessaa kan ta’e Luqaas Phaawulosiin “Kan jaallatame abbaa qorichaa” jedhameera. (Qola. 4:14).

Mar. 5:25-30 dubartiitti dhiigni ishee osoo hin dhaabbatiin dhangala’uu seenaa ishee nutti hima, horii ishee hundaa dhangalastee ogeessonni qorichaa garuu ishee fayyisuu hin dandeenye. Gara Yesuus dhufte fiixee wayyaa isaa yoon xuqee nan fayya jettee amante amantiidhaanis tuqte fayyite. Yesus maaliif cubbamoota wajjin yeroo akka dabarsuu warra Farisootaaf deebisuuf akkas jedhe Mat. 9:12:- “Dhukkubsatoota malee warri fayyaan ogessa qorichaa hin barbaachiisu,” kutaa kana irraa ka’uun qajeelfama kanati anaani jiran wixineessuun ni danda’ama.

1. Ogeessoonni fayyaa Waaqayyoon miti akkasittis ilaalamuun isaan irra hin jiraatu. Yeroo tokko tokko nu gaargaruu ni danda’u yeroo kan biraa immoo qarshii akkasumaan baasu qofa ta’u.

2. Ogeessoota lafa irratti akka baratame gaargarsa isaanii barbaaduun sagalee isaan kan deggerame miti. Dhugummatti yaalumsi qorichaa akka gaariitti ilaalameera.

3. Gidduu galuun Waaqayyoo karaa kamiin iyyuu rakkoo fayyaa barbaaduutu irra jira (Yaq. 4:2, 5:13). Yeroo hundumaa nuu akka barbaanne akka nutti fakkaatuuf waadaa nuu hin seene (Isa. 55:8-9), garuu fedha isaa jaalalan fedha keenya keessa darbee akka rawwatu waabii mirkanneessu qabna (Faru. 145:8-9).

Kanaaf kristaanni gara mana yaalaa dhaquutu irra jiraataa? Waaqayyoo nuun kan uume dandeetti beekuu guddaa nuuf kenneeti. Beekumsa kana fayyadamuun fayyina yaalaa argachuuf barbaaduun garuu dogogora hin qabu. Ogeessonni nuuf Waaqayyo irraa akka nuuf kennawwan kennamanii Waaqayyo fayyisuudhaaf karaa ittiin dhukkuba irraa fooyya’an akka isaan godheetti ilaalamu danda’u. Haala wal fakkaataan amantii guutuu keenya ta’uu kan qabu Waaqayyoon irratti malee qorichootaa fi ogeesoota irratti ta’uu hin qabu. Cimaa ta’uu isaan murtoowwan kan nu kadhannuu ogummaa kan nuuf kennuu waada kan nuuf galee gooftaa waan qabnuuf isa barbaaduutu nurra jiraata. (Yaq. 1:5)

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kristaanni gara mana yaalaa dhaquun irra jiraa?
© Copyright Got Questions Ministries