settings icon
share icon
Gaaffii

Kristaanoonnii waa’ee Saayikikii ilaalchi isaan qaban maal?

Deebii


Kitaabi qulqulluun xiyaaffannoon hafuura hamaa kan waamuu, “occult” fayyadama (Lak. 20:27, Kes. 18:10-13). Horiskoppiin tapha kaartaa Astrolojii warra waa himan dubbisa barruu akkasumas ramaddii kanatti kan ramadamani dha. Isaan yaadawwan kun kan isaan hundeefaman waaqni tolfamoon hafuura hamaa yookaan warra jaallataniif gorsa du’anii fi kallattii nu kennu kan jedhuun. “waaqni tolfamoon” “hafuura hamaa” hafoorota dha (2Qor. 11:14-15). Kitaabni qulqulluun waa’ee kana amanuu ka’umsa homaa namoota du’aan nurraa adda ba’an wal nu argisiisu akka danda’an nuuf hin kennu. Amantoota yoo ta’an samii irratti baay’ee bakka fooya’e Waaqayyoo wajjin tokkummaa gochaa jiru. Amantootni yoo hin turee abidda addaan hin citne Waaqayyoon mormuu isaanii fi isa irratti hameenya gochuun adabamaa jiru.

Kanaaf namoota nu jaallatan kan nu wajjin wal hin argine yoo ta’e warra du’an hafuurootni dubbisan warri waaman uumamaa alaa waan ta’e kan godhan Saayikikoonni eessaa adeefannoo argachuu danda’uu? Sayikikoonni akka waliin dha’uu isaaniitti karaa adda addaa baay’ee qabu. Saayikikoonni odeefannoo baay’ee namoota akkasumaanii irraa argatu kunis kan mirkaneeffamee dha. Yeroo tokko tokkoo bilbilaan eenyummaa namichaa adda baasuu fi Interneetii irraa barbaaduun Saayikikoonni maqoota naannoo mana jireenyaa guyyaa dhalootaa guyyaa gaa’ilaa miseensa maatii k.k.f. Ta’us Saayikikoonni inni beekuu danda’a jedhamee kan hin tilmaamne akka beekan kan hin ganamnee dha. Kana eessatti kan isaan argatan, deebiin isaa seexana irraa hafuura hamaa irraati. “seexanni iyyuu ergamoota ifaa fakkaachuudhaaf waan wallaalchifatuuf, kun waan dinqisiisu miti. Kanaaf hojjetoonni isaas hojetoota qajeelinaa fakkachuudhaaf yoo wallaalchifatan, kun waan guddaa miti, gara dhumaattis waan hojii isaaniitiif ta’u argachuuf jiru. (2Qor. 11:14-15). HoE. 16:16-18 bor keessa kan jiru kan dubbatu hafuura ishee irraa Phaawuloos ifatee amma baasuutti ni argina.

Seexanni kan nu gargaaru fakkeessuu danda’a. Gaarii fakkaatee argamuu danda’a. seexannii fi ergamtoonni isaa odeeffannoo Saayikikii nama tokkoo Waaqayyoo bakka inni dhowwee hafuuraa waamuun hanga Iskirkiriitti itti himu. Jalqabatti homaa kan qabne fakkaatee dhi’aata garuu namoonni shaakala Saayikikitiin osoo hin beekiin seexanni jireenya isaanii to’atee isaan balleessa. Pheexiros yeroo dubbatu “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsu barbaadee in naanna’a.” (1Phex. 5:8). Sababoota tokko tokkoon Sayikikoonni ofii isaanii hin gowwomfamu odeefannoo fudhatan ka’umsa isaa sirrii hin beekan. Dhimmichi maal iyyuu haa ta’uu odeeffannichi eessaa ha dhufu qaalu hafuura hamaa waamuu urjii lakkaa’uu karaa kan Waaqayyoo ta’e odeefannoo argachuu wajjin walitti dhufeenya kam iyyuu hin qabu. Waaqayyo akkamitti eyyama isaa jireenya keenyatti akka yaadannu kan inni barbaadu; fedhi Waaqayyoo ifaa fi salphaa dha garuu cimaa fi bu’a qabeessa. Kitaaba qulqulluu haa qayyabanu (2Xim. 3:16-17) ogummaa akka nuuf kennu haa kadhannu (Yaaq. 1:5).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kristaanoonnii waa’ee Saayikikii ilaalchi isaan qaban maal?
© Copyright Got Questions Ministries