settings icon
share icon
Gaaffii

Kiristaana lammffaa dhalate ta’uu jechuun maal jechuudhaa?

Deebii


Kiristaana lammffaa dhalate ta’uu jechuun maal jechuudhaa? Keeyyatni adda ta’e Macaafa Qulqulluu irraa deebii kana deebisu Yohaannis 3:1-21 dha. Gooftaan Yesuus Kiristoos Niqoodemoosi wajjin haasa’aa jira, fariisicha baay’ee beekamaa miseensa mana mare Yihudootaa (geggeessaa Yihudutaa). Niqoodemoos halkaniin gara Yesuus Dhufe. Niqoodemoos gaaffii Yesusin gaafatu qaba ture.

Yesus Niqoodemoos wajjin yeroo dubbatu, Inni akkas jedhe, “ ‘Dhuguma dhuguman sitti hima eenyuu illee olii yoo dhalachuu dhabaate mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u.’ jedhee deebiseef. Niqoodemoos immoo ‘namni erga qancaree akkamitti deebi’ee dhalachuu danda’aa? Gadameessa haadha isaatti galee lammaffaa dhalachuu danda’amoo?’ Jedhee Yesusiin gaafate. Yesus deebiseefii akkas jedhee, ‘Dhuguma dhuguman sitti hima namni bishaanii fi Hafuura Qulqulluuttii ittii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u nama foonittii kan dhalate fooni hafuurattii kan dhalate hafuura. ‘Olii dhalachuun isiniif ni ta’a siin jechuu koottiif hin dinqifatin’” (Yohaannis 3:3-7).

Gaaleen “lammaffaa dhalachuu” jechaa jechatti “Olii dhalachuu” jechuudha. Niqoodemoos fedhii sirrii qaba. Inni garaan isaa geeddaramuu barbaada— hafuuraan haaromuu. Haaraa dhalachuun, lammaffaa dhalachuun, hojii Waaqayyoo karaa jireenyi bara baraa nama amanetti ittiin darbudha. (2 Qorontoos 5:17; Titos 3:5; 1 Pheexroos 1:3; 1 Yohaannis 2:29; 3:9; 4:7; 5:1-4, 18). Yohaannis 1:12,13 “lammaffaa dhalachuun” yaada ijoollee Waaqayyoo ta’uu akka of keesssatti qabatee jirus ni agarsiisu karaa maqaa Yesus Kiristoositti amanuutiin.

Gaaffichi karaa amansiisaa ta’een dhufe, “Namni tokko lammaaffaa dhalachuun maaliif isa barbaachisee?” Ergamaan Phaawuloos Efesoon 2:1 irratti “Isin kanaan dura irra daddarba keessanii fi cubbuu keessaniin duutanii utuu jirtanii jireenya argattan…” (NKJV) jedha. Roomaa 3:23 irrattis Ergamichi akkasitti barreesse, “hundinuu yakkaniiru hulfinni Waaqayyoos isanitti hir’ateera.” Kanaaf namni lammaffaa dhalachuutu isa barbaachisa cubbuun isaanii dhiifamee Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenyaa haa qabaataniidhaaf.

Sun akkamiin ta’uu danda’aa? Efeeson 2:8-9 akkasitti kaa’a, “Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantiifayyifamatan inni immoo kennaa Waaqayyooti malee gochaa ofii keessanii miti; hojiidhaan miti namni tokko illee akka ittiin of hin jenyetti.” Namni tokko yeroo “fayyu” inni/ishiin lammee dhalata/dhalatti, hafuuraanii haaroma/haaromti, egaa amma mucaa Waaqayyooti karaa mirage lammaffaa dhalachuutiin. Fannoo irratti yeroo du’e gatii cubbuu isa kaffale, Yesus Kiristoositti amanuun,, “hafuuraan” lammee dhalachuu jechuudha. “Kanaafis namni kan Kiristoos yoo ta’e uumama haaraadha; inni moofaan darbe kunoo inni moofaan darbeera!” (2 Qorontoos 5:17).

Yesus Kiristoositti akka fayyisaa dhuunfaa keetiitti itti hin amanne taanaan, isaa Haffuurri Qulqulluun yeroo kanatti sitti dubbachuudhaan garaa kee kakaasaa jiru ni yaaddaa? Lammaffaa dhalachuutu si barbaachisa. Maaloo kadhannaa qalbii diddiirrannaa kadhachuudhaan har’aa uumama haaraa ni taataa? “Hamma isa simataniif immoo iloollee Waaqayyoo akka ta’aniidhaaf aboo isaaniif kenne isaanis warra maqaa isaatti amananii dha. Isaan kun Waaqayyoottii dhalatan malee fedha fooniittii yookiis fedha dhiiraattii hin dhalanne” ( Yohaannis 1:12-13).

Akka fayyisaa keetti Yesus Kiristoositti amanuu yoo barbaadde lammaffaa dhalachuufis yoo barbaaddee, kadhatni salphaan kunooti. Yaadadhu Jechoota kana kadhachuun yookiin kadhannaa gosti kamii iyyuu si hin fayyisu garuu Yesusitti amanuunutu cubbuu irraa si fayyisa. “Waaqayyo, ani sirratti akkan cubbuu hojjedhe fi adabbiin akka naaf ta’u nan beeka. Garuu Yesus Kiristoos adabbii anaaf ta’u fudhateera kanaaf araara argachuu nan danda’a. Fayyinaaf amantii koo sirrattan kaa’adha. Ayyaana kee fi araara kee dinqisiisaadhaaf sin galateeffadha – kennaa jireenya barabaraatiif! Ameen!”

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kiristaana lammffaa dhalate ta’uu jechuun maal jechuudhaa?
© Copyright Got Questions Ministries