settings icon
share icon
Gaaffii

Kennaan Hafuuraa koo maal akka ta'e akkamiinan beekaa?

Deebii


Kennaan hafuuraa kee nyaa maal akka ta'an kannutti himuu danda'u qorannaan sirrii ta'e yookiin karaan addaa ta'e hin jiru. Hafuurri Qulqulluun akka barbaadetti kennaa hafuura kenna (1 Qorontoos 12:7-11). Kiristaanotaaf rakkinni beekamaan qorumsa kennaa hafuraa keenyaan itti hirmaannaa argachuudhaaf kan nuyi duwwaan qabnu bakka nutti dhaga'amu irratti Waaqayyoon tajaajiluudhaaf barbaaduudha. Waaqayyo karaa hundumaan ajajamuudhaan akka tajaajillu nu waama. Hojii inni itti nu waame ittiin akka raawwannuudhaaf kennaa nuuf kenna yookiin Kennaa kanuma ta'een nuhidhachiisa.

Kennaa keenya adda baafachuun karaa heedduudhaan taasfama. Qorachuu kennaa hafuuraa yookiin tarreefamuun isaanii, garu guutummatti jara irratti hirkatamuu kan hin qabne, kennaan keenya eessa akka ta'uu danda'u shakkii malee nu gargaaruu danda'a. Darbees dhugaba'insi namootaa biraa dhufus kennaa hafuuraa qabaachuu keenya nuu mirkaneessa. Namoonni kan biraa yeroo ati Gooftaa tajaajiltu kan nu ilaalan yeroo heedduu kennaa hafuuraa hojii irraa jiru adda baasuu danda'u kan nuyi hin beekne yookiin hin hubanne. Darbees kadhannaanis barbaachisaadha. Kennaa hafuuraa kamiin akka qabnu kan beeku tokkichi isa kennicha nuuf kenne Hafura Qulqulluu mataa isaati. Caalaa ulfina Isaatiif kennaa hafuuraa keenyatti akka gargaaramnuudhaaf kennaa hafuuraa keenya akka nutti agarsiisuu Waaqayyoon gaafachuu dandeenya.

Eeyyee, Waaqayyo kaan akka barsiisota ta'an waama kennaa barsiisuus jaraa kenna. Waaqayyo kaan akka hojjettoota ta'an waama kennaa gargaarsaatiinis jara eebbisa. Haa ta'u malee, kenna keenyaan sirriitti beekuun kennaa keenyaan alas bakka ta'e akka hin tajaajijlle nu hin dhowwu. Kennaa (kennaawwan) hafuuraa kamiin Waaqayyo akka nu kenne beekuun bu'aa qabu? Eeyyee inni akkas. Carraa akka ittiin tajaajillu nuuf kenne dhiisuudhaan kennaa hafuuraa irratti baay'ee xiyyeeffachuun dogoggoraa? Eeyyee. Akka Waaqayyo nutti gargaaramuudhaaf ofii keenya kenninaan, Inni kennaawwan hafuuraa nuyi barbaanneen nu hidhachiisa.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kennaan Hafuuraa koo maal akka ta'e akkamiinan beekaa?
© Copyright Got Questions Ministries