settings icon
share icon
Gaaffii

Kennaan hafaan haaraatiin dubbachuu maal?

Deebii


Ta'umsi jalqabaa afaan haaraatiin dubbachuun kan ta'e gaafa guyyaa ayyaana shantamaffaa Hojii Ergamootaa 2:1-4 keessatti. Ergamoonni namoota walitti qabamaniif wangeela lallabudhaaf gad ba'an, afaan jarraatiin isaanitti dubbachaa: 'isaan kun hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa afaan ofii keenyaan utuu jajanii ni dhageenya!' (Hojii Ergamootaa 2:11). Echi Griikii afaan haaraatti hiikame jachaa jechatti 'afaan' jechuudha. Sababa kanaatiif, kennaan afaan haaraatiin dubbachuu jechuun namni sun nama kan biraa tajaajiluudhaaf jecha afaan hin beekneen dubbachuu dha. 1 Qorontoos boqonnaa 12-14 keessatti, Phaawloos kennaa dinqii hojjechuu akkas jechuun dubbata, 'Yaa obbooloota ko, ani mul'ata tokko yookiis beekumsa yookiis barsiisa tokko utuun hin dubbatin, afaan hin beekamneen duwwaadhaan dubbachaa gara keessan yoon dhufe attamittan isiniif waa'ee baasa ree?' (1 Qorontoos 14:6). Akka Ergamaan Phaawloos jedhutti, fi akkaataa Hojiin Ergamootaa agarsiisutti, afaan haaraadhaan dubbachuu nama ergaa Waaqayyoo afaan ofii isaatiin dhaga'uudhaaf, garuu yoo hiikame/jijjiiramettii kan hafe nama kamiifuu kan bu'aa qabu miti.

Namni kennaa hafaan haaraa hiikuu qabu (1 Qorontoos 12:30) kan namni afaan haaraadhaan dubbatu dubbate ture yoo afaanicha isa ittiin dubbatame sana beekuu dhaabatee iyyuu hubachuu danda'a. Afaanicha haaraa kan hiiku ergaa afaan haaraan dubbatame sana nama hundumaafuu hiikuudhaan, kanaaf hundumtu hubachuu danda'u. 'Kanaaf namni afaan hin beekamneen dubbatu, isa dubbate sana hiikuu akka danda'uudhaaf kadhachuutu isa irra jira' (1 Qorontoos 14:13). Afaan haaraa hin hiikamne ilaalchisee goollabbiin Phaawloos jabaa ture: 'Haa ta'u iyyuu malee waldaa kiristaanaa keessatti afaan hin beekmaneen sagalee kuma kudhan dubbachuu irra warra kaan barsiisuudhaaf qalbii kootiin sagalee hiika qabu shan duwwaa dubbachuu nan jaalladha.' (1 Qorontoos 14:19).

Kennaan afaan haaraatiin dubbachuu har'aafii? 1Qorontoos 13:8 kennaan afaan haaraaatiin dubbachuu dhaabbachuuf akka jiru eera, ta'us dhaabbachuu isaa raawwatamuun dhufuu wajjin walitti qabsiisa 1 Qorontoos 13:10 keessatti. Goochima kan Giriikii raajii fi beekumsa'dhaabbachuuf jiru' agarsiisuu fi afaan haaraatiin dubbachuu 'dhaabbachuuf jiruu' raawwatamuun utuu hin ga'ain dura akka afaan haaraan dubbachuun dhaabbachuuf jiru qabxii ta'een garaa garummaan ni jira.Ta'us kun barreeffama kana keessa karaa ifa ta'een qulqulluu miti. Kaanis keeyyata kan akka Isaayaas 28:11 fi Iyoo'eel 2:28-29 afaan haaraan dubbachuu akka mal'attoo dheekkamsa Waaqayyoo isa dhufaa jiruu akka ta'e kaasu. 1 Qorontoos 14:22 afaan haaraan dubbachuu 'warra hin amanneef akka mal'attootti' kaa'a. Akkaataa falmii kanaatti, afaan haaraatiin dubbachuun warra Yihuudotaatiif akka akeekkachiisaati Yesus Kiristoosiin akka Masihiitti fudhachuu waan didaniidhaaf Waaqayyo Israa'eeliitti faraduuf akka jiru agarsiisa. Sababa kanaaf, yeroo Waaqayyo Israa'eeliin irratti farade (bara 70tti warra Roomaatiin Yeruusaalemiin diiguudhaan), kennaan afaan haaraatiin dubbachuun kana booddee kaayyoo itti barbaadame sanaaf hin hoaajjetu. Ta'us ilaalchi kun ni danda'ama, barbaachisummaan afaan haaraatiin dubbachuu inni jalqabaa raawwatame jechuun ni dhaabbate jechuu hin ta'u. kennaan afaan haaraatiin dubbachuu akka dhaabbate caaffatni qulqullaa'oon ifa taasisee hin mirkaneessu.

Yeroodhuma walfakkaataadhaan, kennaan afaan haaraatiin dubbachuu har'a hojjetaa jiru, caaffata qulqul'aaoodhaa wajjin karaa waliin deemuun hojii irra oolaa jiru. Afaan qabatamaa fi dhugaa ta'uu danda'a (1 Qorontoos 14:10). Kaayyoon isaa nama afaan kan biraa dubbatuuf ergaa Waaqayyoo isaan ga'uudhaaf ta'uu qaba (Hojii Ergamootaa 2:6-12). Abboommii Waaqayyo kara ergamaa Phaawloos kennee wajjin karaa walii galuun ta'uu qaba, 'Namni afaan hin beekamneen dubbatu yoo jiraate, lama yoo baay'ate sadii duwwaan tarreedhaan haa dubbatan; namni tokko immoo isa dubbatame hiikuutu irra jira. Namni hiikuu yoo jiraachuu dhabaate garuu inni afaan hin beekamneen dubbatu sun, ofitti Waaqayyoottis haa dubbatu, malee waldaa keessatti hin dubbatin' (1 Qorontoos 14:27-28). 1 Qorontoos 14:33, wajjiniinis karaa waliin deemuun ta'uu qaba, 'Waaqayyo ofii isaatii Waaqayyo nagaati malee, Waaqayyo sabirii hin qabnee miti'

Nama afaan kan biraa dubbatu walii galuu akka danda'u yookiin dandeessuudhaaf Waaqayyo siriitti kennaa afaan haaraa dubbachuu kennuu danda'a. Hafuurri Qulqulluun kennaa hafuuraa hiruudhaan hunda gararraadha (1 Qorontoos 12:11). Mee yaadi ammam mishineroota bu'a qabeessa ta'an akka ta'uu danda'amu utuu gara mana barumsaa afaanii dhaquudhabaatanii namootatti afaanuma isaaniitiin isaanitti dubbachuu utuu danda'ani. Haa ta'u malee, Waaqayyo waan kana hojjechaa jiru hin fakkaatu. Afaanotini haaraan akkaataa Kakuu Haaraa keessatti mul'ataniin har'a waan mul'achaa jiran hin fakkaatan akka sana ta'ullee hari'a guddaa barbaachisaadha. Amantoonni lakkoofsa heedduu qaban kennaa afaan haaraatiin dubbachuu akka shaakalan kan dubbatan akkaataa caaffata qulqul'aaoo kanaan olitti caqasamiin karaa walii galuun hin taasisan. Dhugaan kun gara goollabbii kennaan afaan haaraatiin dubbachuu akka dhaabbate yookiin karoora Waaqayyo waldaadhaaf qabu keessatti baay'ee mul'ataa hin jiru kan jedhutti nama geessa.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kennaan hafaan haaraatiin dubbachuu maal?
© Copyright Got Questions Ministries