settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo akkamitti kennaa hafuuraa hira? Waaqayyo kennaa hafuuraa an gaafadhe naaf kennaa?

Deebii


Roomaa 12:3-8 fi 1 Qoronxoos boqonnaa 12 Kiristiyaanni tokko kennaa hafuuraa kan fudhatu/ttu akka fedha (filannoo) Gooftaatti ta’uu isaa ifa godha. Kennaan hafuuraa kan kennamu dhaqna(qaama) Kiristoosiin cimsuufi (1 Qoronxoos 12:7, 14:12). Yeroon addaa itti kennaan kun kennamu keessaa baafamee hin ibsamne. Namootni baayyeen kennaan hafuuraa yeroo namni hafuuraan dhalatu (yeroo itti fayyu) kennama jedhanii tilmaamu. Garuu, luqqisii muraasni Waaqayyo kennaa hafuuraa boodarras akka kennu ni ibsu. 1 Ximootiyoos 4:14 fi 2 Ximootiyoos 1:6 Ximootiyoos yeroo muudametti “raajiidhaan itti dubbatamee” kennaa fudhachuu isaa ibsu. Kun tarii maanguddota keessaa tokko yeroo muudama Ximootiyoositti Ximootiyoos ergama isaa egeree raawwachuuf kan isa dandeessisu kennaa hafuuraa inni qabaachuu qabu dubbate ta’a.

Akkasumas, 1 Qoronxoos 12:28-31 fi 1 Qoronxoos 14:12-13 keessatti kennaa kan filu Waaqayyo akka ta’e dabalee (nu miti) nutti dubbateera. Caaffatootni kun akka dabalanii ibsanitti namni hundi kennaa addaa tokko hin qabu. Phaawulos amantoota Qoronxoositti kan dubbatu, yoo kennaa hafuuraa fudhachuuuf kan dhimman ta’e, kennaa waldaa kiristiyaanaa caalaatti cimsu kan akka raajii dubbachuu (obboloota ijaaruuf sagalee Waaqayyoo dubbachuu) argachuuf dhama’uu akka qabani dha. Egaa erga isaan kennaa isaaniif kennamuu malu kennameefii carraan kennaa isa caalu dabalataa argachuun hin jiru ta’ee, Phaawuloos maalif cimsee kennaa “isa caalu” akka isaan argatachuuf hawwaniif itti himaree? Solomoon saba Waaqayyoo irratti bulchaa gaarii ta’uuf ogummaa akkuma barbaade, nuufis kennaa nu barbaachisu faayidaa waldaa Isaatiif jecha nuuf kenna jennee amanuu dandeenya.

Akkasuma ta’ee iyyuu, kennaa kana hiruun akka fedha (filannoo) Waaqayyootti, malee keenya miti. Yoo warri Qoronxoos hundi cimsanii kennaa addaa tokko, kan akka raajii dubbachuu, hawwan, Waaqayyo sababuma isaan cimsanii hawwaniif kennaa sana hunda isaaniitiif hin kennu. Yoo kan kennu ta’e, eenyutu hojiilee qaama (dhaqna) Kiristoos warra kan biraa tajaajilaree?

Waanti baayyisee ifa ta’e tokko jira – Abboommiin Waaqayyoo dandeessisuu Waaqayyooti. Yoo Waaqayyo waan tokko (kan akka dhugaa ba’uu, nama jaallatamuu hin qabne jaallachuu, saboota duukka buutuu gochuu, kkf.) akka goonuuf nu abboome, waanta sana akka gonuuf Inni nu dandeessisa. Namootni tokko tokko hamma warra kaanii kennaa Wangeela labsuu hin qaban ta’a, garuu Waaqayyo hundutuu akka dhugaa ba’anii fi duukka buutota akka godhaniif in abbooma (Maatiyoos 28:18-20). Kennaa hafuuraa wangeela lallabuu qabaannus qabaachuu baannus hundi keenya wangeela labsuuf waamamne. Kiristiyaanni kutataan Sagalee Waaqayyoo barachuun dandeettii barsiisuu isaatii guddisuuf dhama’u tokko isa kennaa hafuurichaa qabaatee daagii ta’e irra caalaa barsiisaa gaarii ta’uu in danda’a.

Kennaan hafuuraa yeroo Kiristoosiin fudhannu nuuf kennamaa, moo kan adeemsa nuti Waaqayyo waliin goonu keessatti guddatu dhaa? Lamman isaa deebii dha. Yeroo baayyee kennaan hafuuraa yeroo fayyinaatti kennama, garuu guddina hafuuraa wajjin kan guddachaa deemu ta’uu qaba. Hawwiin garaa keetii hordoftee kennaa hafuuraatti guddisuu dandeessaa? Kennaa hafuuraa addaa tokko barbaaddee argachuu dandeessaa? Qoronxoos isa jalqabaa 12:31 akka kun danda’amu waan dubbatu fakkaata: “kennaa isa caalu argachuuf dhama’aa.” Kennaa hafuuraa Waaqayyo harkaa fudhachuuf barbaaduu fi guddisuuf dhama’uu dandeessa. Haa ta’u malee, kennaa hafuuraa addaa tokko yoodhuma cimsitee barbaadde iyyuu fedha Waaqayyoo miti taanaan siif hin fudhattu. Ogummaan Waaqayyoo daangaa hin qabu, Inni kennaa isa kamiin akka ati baayyistee mootummaa Isaa keessatti bu’a qabeessa taatu beeka.

Yoo hammam kennaa isa tokko yookaan isa kaan qabaanne iyyuu, hundi keenya waantota baayyee kennaa hafuuraa keessatti tarreeffaman qabaachuudhaaf waamamne: namoota keessummeessuu, araara agarsiisuu, wal tajaajiluu, wangeela labsuu, kkf. Yeroo nuti jaalala irraa kaanee Waaqayyoon tajaajiluun ulfina Waaqayyoof jennee namoota biraa ijaarru, Inni maqaa Isaa in ulfeessa, akkasumas gatii keenya nuu kenna (1Qoronxoos 3:5-8, 12:31–14:1). Waaqayyo waadaa nuuf galeera, Isa yoo gammachiisne Inni immoo hawwii garaa keenyaa nuuf kenna (Faarsaa 37:4-5). Kun sirriitti kaayyoo fi gammachuu akka arganutti Isa tajaajilluuf kan nu qopheessu dabalata.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo akkamitti kennaa hafuuraa hira? Waaqayyo kennaa hafuuraa an gaafadhe naaf kennaa?
© Copyright Got Questions Ministries