settings icon
share icon
Gaaffii

Kadhannaan tokkuummaa faayida qabeessaa?

Deebii


Kadhannaan tokkummaa jireenya waldaa kirstaanaatiif kutaa bu'a qabeessa, waaqeffannaa wajjin, doktirinii barbaachiisaa, yeroo waliin ta'uu, fi tokkummaa. Waldaan kiristaanaa isheen durii dhaabbataatti wal argiti turte, doktirinii ergamootaa barachuuf, hirbaata qulqulluuf, fi wali wajjin kadhachuuf (Hoji ergamoota 2:42). Amantoota kan biroo wajjin yeroo kadhanutti, bu'aan isaa baay'ee gaarii ta'a. kadhannaan tokkummaa nu qulqulleessa tokkos nu godha amantii keenya yeroo wali hir'utti. Hafuurri qulqulluu jiraataan, innis tokkoon tokkoon amanaa irratti kan inni godhuu laphee keenya akka gammadu godha, gooftaa fayyissaa keenyaaf galata yeroo dhi'eessinu yeroo dhageenyu, bakka tokkotti wali wajjin ta'uun keenya, jireenya keessatti bakka kamittu kan hin argamne kan adda ta'ee walitti hidhiinsa firummaa.

Ba'aa jireenyaa wajjin qofaa isaan wal'aanso kan qaban isaaniif, kan biroo dhaga'uuf gara teessoo ayyaana isaa ol isaan qabuu danda'a, jajjabina guddaa isaanif ta'a. Innis immoo jaalala keessa keenyaa fi kan biroof yaaduu nuuf guddisuu danda'a, waa'ee isaaniif yeroo kadhannu. Yeroo wal fakkaataatti, kadhannaan tokkummaa laphee namoota dhuunfaa callaqisiisu qofa ta'a, kan hirmaataniif. Gara Waaqayyoo dhufuun kan nurra jiru gadi of deebisuun (Yaaqoob 4:10), jirenyaan (Faarfannaa 145:18), aboomamuun, (1ffaa Yoohannis 3:21-22), galataan (Filliphisiyus 4:6) fi amanamummaan (Ibiroota 4:16). Bifa gadisiisaan, kadhannaa tokkummaa, jechi isaanii Waaqayyoof kan dhi'aatu osoo hin taane kan isaan dhageefatan namoota ta'ani waltajji ta'uu danda'a. Yesus amala akkassi of eegachiiseera, Maattewos 6:5-8 irratti, nuun kan aboo, dheerina kadhannaa, yookaan afeera kadhannaa keenyaa akka hin taane, garuu kutaa mataa keenyaatti icitiin akka kadhannu, qorumsa kadhannaa of tuulummaa ambisuuf. Qulqulluu sagalee isaan kadhannaan tokkummaa kadhannaa dhuunfaa caalaa 'kan wayyu humna qabeessa' ta'uu isaa kan argisiisuu homaa yaadni hin jiru, harka Waaqayyoo sosochuuf. Kana irras kan darbee kiristaanonni baay'een kadhannaa kan isaan wal bira qaban 'Waaqayyo irraa wantoota argachuu' fi kadhannaan garee immoo kan inni caalchisuu wantoota barbaannu tarreefama kan argisiisu kan akka tasaa ta'aaniiru. Kadhanaan akka Kitaaba qulqullutti, ta'es, abbaa kallatti baay'eeti, fedha hundumaa walitti qabee fiduun, gara isa qulqulluu, isa guutuu, fi isa qajeelaa Waaqayyotti walitti dhufeenya dhi'oo ta'etti galu. Waaqa akkas jiruu gurra isaa gara uumama isaatti yeroo naannefatu, galataa fi waaqeffannaadhaa fi sababa ta'a, irraa hafee akka argamu (Faarfannaa 27:4, 63:1-8), laphee irraa kan ta'ee deebi'uudhaa fi qalbi jijjirachuu uuma (Faarfannaa 51, Luqaas 18:9-14) kan irra dhangala'ee ajaa'ibsifannaa fi galata dhi'eessuu burqisiisa (Filliphisiyus 4:6, Qolaasiyas 1:12), kan birootiif kan ta'uu gadi of qabummaa kan uffatee gaaffii dhi'eessuu uuma (2ffaa Tesolonqee 1:11, 2:16).

Egaa kadhannaa, karoora isaa fi duudhaaf Waaqayyoo wajjin wali galuu dha, isa gara fedha keenyaatti naanneessuu yaaluu osoo hin taane. Fedhii mataa keenyaa dhiifnee, nutti kan beeknu ol haala ol jedheen haala keenya kan beekuu isaaf bitamuun, akkasumas inni osoo isin hin gaaffatin kan isin barbaachiisu kan beeku' Maattewos 6:8, kadhati keenya sadarkaa baay'ee ol ka'e irra ga'a. Fedhii hafuuraatiif bitamuudhaan kadhatni dhi'aatuu, yeroo hundumaa haala gaariidhaan deebi'a, nama tokkofis yoo ta'ee kumaafis yoo dhi'aate.

Kadhati tokkummaa harka Waaqayyoo sochosuudhaaf kan wayyudhaa yaadni jedhuu baay'inaan kan inni dhufee Maattewos 18:19-20 akka malee hiikuudhaan, 'ammas isinaan jedhaa isin keessaa namoonni lama biyya lafaa kana irratti waa'ee waan tokkootti wali galanii yoo kadhatan, abbaa koo isa Waaqa irraa biraa wanti isaan kadhatan ni kennamaaf. Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani achitti isaan gidduutti nan argama'. Lakkoofsi kun kan isaan dhufan dubbifama guddaa irraati, miseensi cubbuu hojjetee waldaan kirstaana bifa kamiin naamusa akka qabsiiftuu seera ibsuu dha. Isas kan hiikan amantootaa fi banaa kan ta'ee ajaja baankii itti kennanii, Waaqayyoon waan fedhan gaaffachuun akka wali galan, ammam illee cubbamaa yookaan dhibba'ummaan kan guutame yoo ta'es, waldaa kirstaanaatii fi akka haala isaatti hifaataaf kan hin geenye illee ta'ee utuu jiruu, garuu kan hafee qulqulluu sagalee isaa kan gane ta'ee, keessumatti olaantummaa Waaqayyoo.

Dabalataanis, sana amanuuf, 'lama yookaan sadii ta'anii kan walitti qabaman' kadhataaf, bifa humna dha'ichaa tokkoon darbatee akkuma sanaan kadhata keenyaan hoji irra akka ooluu yaaduun haala macaafa qulqulluutiin degersa hin qabu. Dhugumatti lama yookaan sadii ta'amee yoo kadhatan Yesuus ni jiraata, garuu amanaan tokko qophaa isaa yoo kadhates bifa wal fakkaatan ni jiraata, namni dhuunfaan sun warra biroo irraa fageenya maayilsi kuma tokkoo irratti yoo jiraates. Kadhatni tokkummaa faayida qabeessa, tokkummaa waan uumuuf (Yohaannis 17:22-23), akkasumas amantootaaf kallatti furtuuti, wali wali jajjabeessuuf (1ffaa Tesolonqe 5:11) fi wali wali irratti ka'uun, jaalalaa fi hojii gaariidhaaf (Ibiroota 10:24).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kadhannaan tokkuummaa faayida qabeessaa? Kadhannaan tokkummaa, qofa isaa kan kadhatuu kadhannaa nama qofaa kadhatuu caalaa humna qabeessaa?
© Copyright Got Questions Ministries