settings icon
share icon
Gaaffii

Kitaabni qulqulluun waa’ee kaayyoo jireenya barbaaduu maal jedha?

Deebii


Kitaabni qulqulluun kaayyoo jireenya keenyaa maal ta’uun akka irra jiraatuu ifa dha. Namoonni jireenya moofaattis ta’ee jireenya haaraa isaaniitti kaayyoo argachuudhaaf carraaqaniiruu barbaadaniirus. Solomoon namoota biyya lafaa irra jiraatan hundumaa caalaa ogeessa ture, addunyaa kana irratti jireenyi akkasumaan ta’uu hubatee ture. Yaada kanaa guduunfaa kitaaba lallabaa iratti ibseera. Lall. 12:13-14 “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama; xumurri dubbii dhageenye kana hundumaa isa kana*. Waaqayoo hojii hundumaa, gaarii ta’us hamaa ta’uus wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaaf firdii in kenna*. Solomoon akkas jedhe jireenyi yaada fi jireenya keenyaatti Waaqayyoon kabajuu fi abboommii isaa eeguu dha, guyyaa tokkoos fuula Waaqayyoo ni dhaabbanna. Ga’ee kaayyoo jireenya keenyaa Waaqayyoon sodaachuu fi isaaf abboomamuu dha.

Kan biraan ga’een jireenya keenyaa jireenya karaa sirrii ta’een yeroo adeemuu arguu dha. Xiyyaafannoon isaanii addunyaa kana irra akka ta’u osoo hin taane mootiin Daawiit jireenya haara galfii fiduu ilaaleera. Akkas jedhe “Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee ilaalufan jira, dammaqee bifa kee arguu kooti nan quufa (Faru. 17:15). Daawiitiif haara galfii guutuun jireenya isaa itti aanuutti yoo ka’uu Waaqayyoon guutuu guutuutti yeroo ilaaluu isa fakkaachuudhaaf kan dhufuu dha. (1Yoha. 3:2).

Faarfannaa 73 irratti Asaaf akkam akka qorame dubbata hamootaan homaa dhimma kan hin qabne kan fakkaataan carraa isaanii gatiitti kan biroo irraa kan ka’aatan inni garuu dhuma isaanii ilaalle. isaan argachuudhaaf kan fiigan wal madaalchisuun lakk. 25 irratti akkas jedha “Samii irra kan jiru maali lafa keessaas si birraa maalaan barbaada,” Asaafif Waaqayyoo wajjin tokkummaa inni qabu lafa irra kan jiru hundumaa ni caala. Tokkummaa sanaan ala jireenyi kaayyoo homaa hin qabdu.

Ergamaa Phaawuloos du’aa kan ka’ee Yesus wajjin wal’aansoo qabuun isaa jijjiramuu isaan dura amantaadhaan wantoota guutate Yesusiin beekuu wajjin yoo wal madaalan akka gatii hin qabneetti jedheera. Fili. 3:9-10 Yesusiin beekuu caalaa kan inni barbaadu waan biraan hin jiru jedhe, “Akkasuma kara Kristoos Yesus nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuu kan hawwuu hundinuu ari’atamuuf jira. Kaayyoon Phaawuloos Kristoosiin beekuu ture, isatti amanuudhaan qajeelummaa argamu argachuuf, sun ammam illee gara rakkinaatti waan fidu yoo ta’es isaa wajjin tokkummaa gochuuf (2Xim. 3:12). Walummaa galatti warra du’aan keessaa kan ka’an gidduu dha yeroo ta’eetti ilaaleera.

Waaqayyo nama jalqabatti yeroo uume kaayyoo qaba ture 1)Waaqayyoon akka kabaju fi tokkummaa isaa wajjin qabun akka gammaduu 2)Kan biroo wajjin walittti dhufeenya gaarii akka qabaatu 3)Akka hojjetu 4) Lafa akka bitu ture. Namni garuu cubbuutti kufuu isaan Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabuu addaan cite, kan biroo wajjinis walitti inni dhufeenyi inni qabu ni bade, hojiin isaas yeroo hundumaa sodaa fi abdii kutachuu deebi’ee uumama irratti kan leenji’uu suphuus wal’aansoo ta’e. Waaqayyoo wajjin tokkuummaan isaa hareessuun Yesus Krisositti amanuu qofti kaayyoo jireenyaa irra deebiin argachuun ni danda’ama.

Kaayyoon namaa Waaqayyoon bara baraan kabajuu fi gammachiisuu dha. Waaqayyoon sodaachuu fi abboommamuun, iji keenya mana keenya waaqa irra jiru irra ka’uun, isatti dhi’aanne beekuudhaan isa kabajna. Waaqayyoon jireenya keenya keessatti kaayyoo isaa duukaa bu’uu keenyaan isa ulfeessina, kunis gammachuu itti fufiinsa qabu nuuf kan qopheessee jireenya irraa hafaa akka shaakalu ni taasisa.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kitaabni qulqulluun waa’ee kaayyoo jireenya barbaaduu maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries